Ibsa ABO fi KFO
ABO fi KFO: Paartileen Oromoo lama murtee Boordii Filannoo qeeqan, mootummaa akeekkachiisan
April 3, 2020
Bilisummaa Oromoo fi Koongirasiin Federaaliistii Oromoo dhimma weerara koronaavaayirasii fi dheereffamuu filannoo irratti ibsa waloo baasaniin Boordii Filannoo Biyyaalessaa qeeqan.
Boordichi sababa weerara koronaavaayirasiitiin gabatee yeroo filannoo qophaa’ee ture haquufi qophii filannoof taasisaa jiru adda kutuu beeksisee ture.
Dhiibbaa weerarri koronaavayirasii adeemsa filannoo irratti uumu ilaalchisee boordiin filannoo paartilee waliin mari’achuu kan eeru ibsi paartilee lamaanii, murtee kanarra gahuuf akki itti adeemame garuu sirrii miti jedhe.
Boordichi dhimmi kanarratti murtee kennuuf marsaa lammataaf paartilee siyaasaa waliin mari’achuuf beellama qabatee ture.
Haa ta’u malee marii marsaa lammataa hin goone, karaa keessaas murtee kana paartilee siyaasaa hin beeksifne jedha ibsi barreeffamaan paartileen lamaan gama marsaa hawaasaan baasan. Continue reading
