Aside

Godina Jimmaa aanaa Sigimootti gochaa waraanni mootummaa uummata irratti raawwataa jiru tibbanaa.

Dhalli namaa gaafa akka kanatti dararami arguu baay’ee nama dhukkubsa

 

 

 

Aside

Murtii fi Kutannoolee Walgahii Gumii Sabaa 2ffaa ABO (Bitootessa18, 2020)

49836961_1847712095355333_3193898111219007488_o[SBO – Bitootessa 18,2020] Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO) walgahii isaa 2ffaa Bitootessa 16 – 18, 2020 adeemsifate.

Walgahiin Gumii Sabaa ABO 2ffaa bu’aa-bahii Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo gaafa Hoogganni isaa ol’aanaan Finfinneetti deebi’ee as keessa dabree fi hojiilee Dhaabaa hojjetaman, naamusa hojii, rakkoolee caasaa fi hojiilee Dhaabaa olii hanga gadiittti bal’inaan gamaaggame.

Kana malees akkaataa qabeenyaa fi dinagdee Dhaabaa itti guddisuun danda’muu fi dhimma itti bahamu irratti haasa’ee sirnaa fi tarsiimoo madda galii Dhaaabaa balbal’isuun itti danda’amu akeeke. Akkasumas, adeemsa siyaasaa fi nageenya Itoophiyaa, keessaahuu, dhiibbaa siyaasaa fi dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Itoophiyaa amma aangoo irra jiru waliigala ummatoota biyyattii, keessattuu ammoo Ummata Oromoo irraan gahaa jiru, haala miseensotaa fi hoogganoota ABO fi gaazexeessota mana hidhaa jiranii gadi fageenyaan irratti haasawuudhaan danqaalee Dhaabaa fi deggertoota isaa mudachaa jiran irra aanuuf falaa fi mala karaa nagaa karoorsee jira. Continue reading