Aside

Yeroo dhibee hamaan Addunyaa yaaddessaa jiru kanatti tajaajila odeeffannoo ummata irraa addaan kutuufi mana hidhaa keessatti uummata ukkaamsuun dhibichi akka babal’atu gochuudha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irra kenname

Bitootessa 16/2020
Finfinnee, Oromiyaa

Yeroo Ammaa guutuu Addunyaaf yaaddoo kan tahe dhukkubni COVID-19 jedhamu ummata Addunyaa kanaa akka baalaa harcaasaa jiraachuu namuu quba qaba.

Dhukkubni kun Biyya chaayinaatti haa eegalu malee deemsa keessa Addunyaa guutuu gahee biyyoota hunda yaaddoo hamtuu keessa galchee jira.

karaaleen daddarba dhukkuba kanaa baayyee yaaddessaa tahuun immoo Ogeessota fayyaa Addunyaa dabalatee WHOtti yaaddoo hamtuu taheera.

COVID-19 karaalee hanga ammaatti dhukkubootni daddarbu jedhamee hin eegamne nagaa harkaan wal gaafachuun akka daddarbu erga baramee Addunyaan yaaddoo hamtuuf saaxilamuu irraan kan ka’e Ogeessota Addunyaa kanaa dabalatee WHO akka namni harkaan nagaa wal hin gaafanne ummata hundaan barsiisaa ykn hubachiisaa jiru. Continue reading