Nageenyi lammiilee biyyattii yaaddeessaa ta’eera!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 9,2020
nagaa uummataa booreessuu, nageenya hammeessuu irratti bobbaa’an Impaayera Xoophiyaa keessatti madda gufuulee dimokiraasii ta’uu irra darbanii, nageenya biyyattiif yaaddeessaa ta’aa jiru.
Biyyattii keessatti lubbuun namaa gatii dhabeera. Namni guyya guyyaan ajjeefamee, guyya guyyaan wal awwaalaa oola. Qaamni uummata ajjeesu seeraan gaafatamee, seerri lubbuu lammiileef falmus argamee gara abdii uummataa haareessuutti adeemuu dhabe. Nageenya booraa’e gara bakkaa isaa ganamaatti deebisanii, boqonnaa lammiilee biyyattii ykn abdii sabaaf sablammoota impaayera biyyattii dagaagsuuf qooda irraa eegamuu bahatuun hafee ittuu waraanni mootummaa madda rakkinaaf madda ajjeechaa isa olaanaa ta’uun hundaan olitti qaamolee karaa nagaan qabsaa’an yaaddeessaa jira. Continue reading
