Dhiittaan Mirga Dhala Namaa Mootummaa Itoophiyaatiin Gaggeeffamaa Jiru Qorannoo Walaba Sadarkaa Addunyaa (International Investigation) Barbaada
(Ibsa ABO – Gurraandhala 1, 2020)
Dhiha Oromiyaa (Godinoota Wallaggaa) irraa tajaajilli qunnamtii akka bilbilaa fi internet erga Mootummaadhaan kutamee baatii tokko tahee jira. Qunnamtiin cituu irraa kan ka’e waan guyya guyyaatti tahu ragaa guutuu wajjin yeroodhaan argachuun ulfaataa tahus ajjeechaa loltootni fi hidhattootni mootummaa Itoophiyaa lammiilee nagaa (meesh-maleeyyii/Civilians) irratti gaggeessaa jiraniin lubbuun namaa akka baala mukaa haca’aa jiraachuun dhagahamaa jira. Keessattuu Godinoota lama (Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa) keessatti ajjeechaa fi miidhaa loltootni mootummaa Ummata irraan gahaa jiran jechi ittiin ibsan nu dhibee jira. Yakka waraanaa fi dhiittaa mirga dhala namaa jedhanii qofa ibsuun illee itti xiqqaata. Kibba Oromiyaa (Godinoota Gujii)ttis haalli jiru kana irraa hedduu addummaa hin qabu. Roorroo bifa kanaan waggaa tokko caalaaf bulchiinsa waraanaa (Command Post) jalatti Ummata kana irra gahaa jiru yeroo adda addaatti ibsinee furmaatni akka itti barbaadamu gaafachaa kan turre tahus hanga ammaatti rakkoon kunii fi sagaleen Ummata keenyaa dhageeytii isaaf malu argachuu hin dandeenye. Continue reading
Bara kana erga dhaabni keenya ABO’n qabsoo isaatiin hogganoota isaa biyyatti galchee as adeemsaa fi tarsiimoo ittiin dhaaba keenya ABO dadhabsiisan, tarsiimoo dhaabicha ittiin caccabsanii ijaaf qaroo sabaa jaamsan irratti qaamotni Mootummaa fi namqeenxee maqaa Actiivistummaan miidiiyaa qabatee wacu sochii bal’aa taasise. Kun rakkoo siyyaasa biyyatti fura jedhanii ajandeeffatanii sochiirra jiru yoo ta’eef hedduu dogoggoran jedheen amana. Qabsoo uummata Oromoo utuu hinsharafin qaama galmaan gahuu barbaadu, qabsichi utuu hinbutamin, utuu hinatamin qaama galiisaa qabsichaa hanga gahutti lubbuu tokkitti qabu mararfannoo tokko malee qabsaa’u ABO rukutuu yaaluun Oromoo rukutuudha. ABO dadhabsiifna akeekni jedhanii itti jiramu akeeka Oromoo irratti akeekame ta’uuttis amanna. Kun ammoo siyyaasa biyyattii hammeessuun ala furmaata waaraa fida ejjennoo jedhu hinqabnu.