Aside

Uumaa gaditti ABO’n madda nagaati!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
====================
OLF gulaAddi bilisummaa Oromoo, dhaaba uummataa amala uummata isaa Oromummaa haqaa fi fedhii uummata isaa irratti qiyyaafatee uummata Oromoo keessaa bu’uuramedha. Akkuma abbootni keenya Oromoon nagaa jaallatan, dhaaba nagaa jaallatuuf dhaaba nagaa manca’e bakkatti deebisee abdii uummata isaa haareessuu fi haamilee saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa jalatti cabe jabeessuuf qabsootti jirudha. Boquu Oromoo ol qabee, biyyattii keessatti kabaja Oromoof malu argamsiisuuf qabsoo gochaa ture irraa duubatti hinjedhu. Qaama nagaa uummataa barbadeessuun uummata gadadoo keessatti hanbisuuf, uummata saamuudhaan nageenya uummataa hunkuruuf hojjetu dura dhaabbataa akkuma ture, itti fufee qabsoo isaan ABO’n uummatni nagaan isaa akka dhugoomuuf hojjeta.

Eegala isaa irraa qabee hanga har’aatti qaamolee uummata ajjeesan dura dhaabbachuu, qaamolee uummata saaman irratti qabsaa’uudhaan dhaaba ofiif utuu hintaane dhaaba uummata isaaf jiraatu ta’uu namuu beeka. ABO’n dhaaba bilisummaa, nagaa, dimokiraasii fi mirga yaada lammiilee kabachiisuuf qabsaa’u, dhaaba hundaan olitti of kenninsaan uummataaf dhaabbatudha. Continue reading

Aside

Walgahii addaa ABO galma Miliniyemitti

ABO walgahii addaa galma Miliniyemitti gaafa Amajjii 12, 2020 yookaan ALItti. Amajjii 3, 2012tti qopheessee jira.

Walgahii addaa kana irratti ABOn sagantaa isaa gama siyaasaa, dinagdee, nageenyaa, hawaasummaa fi qophii filannoo 2020 irratti bal’inaan ummata Oromoo, ummatoota Itoophiyaa fi addunyaaf ibsa ni kenna.

Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo, jaarmiyaaleen sabaa fi sablammootaa, hayyoonni Oromoo fi keessummoonni hedduun ni hirmaatu.

Kottaa hirmaadhaa

Koree Qopheessituu

No photo description available.