ABO Yaadannoo Waggaa Har’aa Finfinnee, Oromiyaa
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
- Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme
- Click to share on X (Opens in new window) X
- Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook
- Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube
- Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video
- Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo
- Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp
- Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email
- Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa
- Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org
- Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress
(SBO – Fulbaana 14,2019) Bor Fulbaana 15,2019. Waggaa tokkoffaa hogganni ABO itti biyya galee fi ABOn waliigaltee mootummaa Itophiyaa waliin irra gahe irratti hundaa’uudhaan ifatti biyya keessa socho’uu itti eegalee dha.
Kamisa Fulbaana 12, 2019 galgala Waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti boombiin darbatamee miidhaa namoota irraa gahe jechuudhaan gochaa kanas (kallattiidhaan maqaa dhawuu baatanis) ABO.dhaan wal qabsiisanii oduun dabballoota ODP/EPRDF.iin tamsa’e ololuma maqa-balleessii baroota aangoo EPRDF guutuu itti hojjetamaa ture dha. EPRDF baroota aangoo isaa hunda lammiilee biyyattii kanneen sirna Abbaa irrummaa isaa mormanii mirga ofiif falmatan dharaan yakkuuf gocha fokkataa akkanaa oggayyuu irra deddeebiidhaan raaw’achaa jiraate. Manneen jireenyaa namootaa, manneen ciisichaa (doormii) barattootaa, manneen nyaataa – dhugaatii fi hoteelota, konkolaattota geejjibaa fi … kkf. keessa dhuka’aa fi meeshaalee lolaa adda addaa kaa’uun, yookaan Alaabaa ABO kaa’uudhaan namoota yakkamoo fakkeessuu barbaadan ittiin tohannoo jala oolchuuf ykn. miidhaa irraan gahuuf fiilmiin sobaa hojjetamaa ture kan himamee dhumu miti.