Aside

qeerroo-editWareegama kaffalaa as geenyeen Qabsoon keenya warra gufuu qabsoo oromoon hin laamsha’u ammas wareegamnee Oromiyaaf ni Falmanna.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa oromoo irraa kenname.
Fulbaana 6/2019
Finfinnee, Oromiyaa

Akkuma beekamu Qeerroon Bilisummaa oromoo bara hundeeffama isaa irraa kaasee hanga ammaatti wareegama qabsoon gaafattu kaffalaa osoo dadhabe beela’e, dheebodhe,waanin uffadhun dhabe hin jenne ummata cunqursamaaf dhaabbatee cunqurfamtoota gidduutti argamee qabsoo hadhooftuu gaggeessaa wareegama qaalii of duuba hin deebines kaffalaa as gahe ;ammas itti jira.

Qeerroon Bilisummaa oromoo qabsoo hadhooftuu gaggeesseen humna waraanaa mootummaa Abbaa irree Agaazii fuuldura harka duwwaa dhaabbachuun kan wareegame wareegamee ,kan qaamaa hir’ate hir’atee ,kan mana hidhaatti darbatame qabsoon Irbuun wareegamtoota wareegamaniin Seenamtee finiinte akka abidda saafaa wal harkaa fuudhaa Dhalootni qubee wareegama kamuu sodaa malee dura dhaabbatee jijjiirama dhufe jedhamu dhiiga isaan dhugoomseera.

Qeerroon Bilisummaa oromoo gaafa Hundeeffama isaa irraa eegalee dargaggootni hedduun hidhamaa ,biyyarraa ariyatamaa,ajjeefamaa qabsoon oromoo akka ija godhatu warra godhan keessaa adda dureedha. Continue reading