Simannaan Fulbaana 15,2018 hoggana ABOf ummatni bal’aan Oromoo miliyoona 6tti tilmaamamu Finfinnee Dirree Masqalaatti bahee simate seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamu keessatti bakka olaanaa dha qaba.
Fulbaana 15 guyyaa seena qabeessa kana sababeeffachuun Tv.n ONN fi SBOn Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waajjira ABO Gullalleetti argamuun dhimmoota adda addaa fi haala yeroo irratti gaaffii fi deebii godhaniifii jiran.
Gaaffii fi deebii kana guyyaa borii Fulbaana 15,2019 Tv.ONN, SBO fi Facebook Page Sagalee Bilisummaa Oromoon waan dabarsinuuf akka hordoftan kabajaa waliin isin beeksisna.
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)