Godina Horroo Guduruu Shaambu Keessatti Dargaggoon Raayyaa Ittisa Biyyaan Hidhamaa Jiru.

Aside

By Dachaasaa Wiirtuu

Image may contain: 1 person Bilisummaa Amantee jedhama guyyaa har’aa Hagayya 23/2019 G/H/Guduruu magaalaa Shaambuu keessaa humna waraanaa mootummaan qabamee hidhamuu maatiin dubbatu.

Dargaggoo kun barataa yoo tahu yeroo boqonnaa isaattis ummata waliin waan gaarii ummata tajaajiluun kan dabarsu ture.
Hojii isaa kanaanis kabajaa fi jaalala ummata magaalaa shaambuu biratti argateera.

Namootni ummata biratti jaallatamu Humni tikaa qabanii dararuun jibbisiisuuf tahe jedhamee kan hojjetame tahuu jiraattotni magaalaa shaambuu dubbatu.

 

 

 

Wallagga Naqamte Keessaa Oromoonni 2000 Ol Waraana EPRDFn Badii Tokkoon Malee Hidhamanii Jiru.

Aside

By Kumsaa Buraayyu

Image may contain: one or more people, hat and closeup Dhugaasaa Mangashaa Baloo jedhama. Abbaa-qabeenyaa fi jiraataa magaalaa Naqamteeti. Obbo Dhugaasaan humnoota Komaandi Postiitii magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee goolaa jiraniin erga qabamee hidhamee baatii sadii ta’uuf deema. Obbo Dhugaasaa qofa osoo hintaane yeroo ammaa kana Oromotni hedduun magalaa Naqamtee fi naannoo ishee jiraatan hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuun isaanii ifaadha.

Odeeffannoon naannoo sanaa maddu akka ibsutti, obbo Dhugaasaa fi namootni 200 ol tahan yeroo ammaa kana Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti hidhamanii jiru. Lakkoobsi hidhamtoota magaalaa sana waliigalaa ammo 2000 ol akka ta’e odeeffannoon kun dabalee ibsa. Bakki namootni itti hidhamaan hundi adda ba’e waan hinbeekamneef lakkoobsa namoota hidhaa jiranii sirritti adda baafachuun nama dhiba.

Obbo Dhugaasaa fi namootni 200 tahan lafa-jala (basement) Masaraa Kumsaa Morodaa, bakka duraan buufata mi’aa (store) turee fi as dhiheenya kana ammoo horiin itti galaa turan keessatti wal irratti waan hidhamaniif dhukkuba adda – addaaf saaxilamaa jiraachuun isaanii bal’inaan dubbatama. Continue reading