Waci Raachaa Hangam Baay’atullee Galaana Yaa’u Goksuus Dhaabuus hindanda’u!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 12,2019
Finfinnee Oromiyaa
Daandii karaa nagaa qabatnee qabsoon gochaa turre nageenya amansiisaa akka fiduuf malee balaaleffatamni nurratti godhamuun maqa balleessiin nurratti deddeemuun akkuma waggaa 28 duraa sirni EPRDF amala fokkisaa nagaa uummataa jeeqsisu sana itti fufsiisee nageenya keenya akka molquuf hinturre. Hawwiif akeekni qabannee kaane gufachuudhaan; akeekni aanjaa’aan nuti dhugoomsuuf qabsoo gochaa jirru nagaaf dimokiraasiin haqaa hidda jabeeffatee lafa qabachuun hafee mirgi namoomaa keenya molqamuun har’as akkuma kaleessaa itti fufe. Mootummaan daandii fokkisaa kaleessa irra ture irraa deebi’ee mirgoota namoomaa fi dimokiraasii qabnu nuuf kabaja jennee abdannus abdiin keenya fiixa bahiinsa hanqatuun hireen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mana hidhaatti dararamuu, ajjeefamuu, reebamuu, fi manneen barnootaa keessattis ari’atamni ittuu caalee sochii itti fufe. Nuti akka ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo tti namuu paartii siyyaasaa barbaade hordofee nagaan qabsoo gochuu akka qabutti amanna. Kun hafee mootummaan EPRDF yoo sirna kiyya amiin jettee hinfudhattu ta’e jechuurraa har’as nama miseensa paartii isaaf jaarmiyaalee isaa hintaane adamsuun yakka dhala namaaf hinmalle raawwachuu itti fufe. Continue reading
