Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 18,2018
Finfinnee Oromiyaa
Gidiraa hammataa gurraaf dhaga’uun illee nama sururu, rakkina guddaa ba’aa ulfaatu ta’e baatee uummatni keenya Oromoon jiraachuun; utuu qabuu saamamee iyyoomee, nagaa utuu beekuu nagaas utuu jaallatuu nagaa molqamee humna gittoota bittaaf nafxanyaan waggootni qananii isaa duraa uggaramee jireenya rakkiftuu jiraachuun: nu aarsee, nu onnachiisee, booree nutti horee qabsoo guddaa gochuuf haala hammaattuu keessatti dhaaba Oromoo ABO jala hiriiruun akeekaaf kaayyoo dhaabichaa galmaan gahuuf ittiin hogganamnee Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo gochaa turre ittis fufnee jirra.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo nagaa uummata Oromoo mirkaneessee, uummata Oromoo waanjoo garbummaa jalaa baasee dimokiraasii dhugaa mirkaneessuun biyyattii gara tasgabbiitti ceesisuuf jaarmiyaa lubbuu utuu hinqusatin afaan rasaasaa jala dhaabbatee wal ijaaruun qabsoo finiinse ta’uun beekamaadha. Akeekni Qeerroo Bilisummaa Oromoo nagaa Oromoo mirkaneessuun nagaa saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattis mirkaneessee biyyattii irraa humna garboomsaa hundeen buqqaasuuf qabsoo taasisaa ture ittis jira.
Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo gochaa turre keessatti karaa nagaa gaaffii haqaa waan gaafanneef wal qixxummaa saboota impaayera Xoophiyaa akka mirkanaa’u, saamicha albuudaa akka dhaabbatuuf jechootni xiqqeessii saba Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattiirraa akka dhaabbatu waan gaafanneef qofa irbaata rasaasaa ta’uun garii awwaallee, gariin ammoo qaamaa qalbii hir’atnee har’as qabsoo sabaatti cichuun akeeka ganamaa ABO qabatee bahe galmaan gahuuf kallattii nuu aanja’e maraan qabsootti jirra. Aarsaan keenya kaleessa kaffalle, humna saamaa ture aangomsee, cunqurfamoo irbaata du’aa taasisuuf akka hintaane hubataa, ajjeechaan gara jabinaa biyyattii keessatti Oromoo irra gahu, qaama saalaa muruu, qaama saalaa gubuu fi ajjeesanii reeffa namaa gubuun Oromoo fi akkasuma saboota cunqurfamoo kam irrayyuu gahaa jiru akka dhaabbatu gaafanna.
Nagaan biyyattii keessatti wayiita abdatamaa jirutti, humna nagaa eegsisu Foolisoota Oromiyaa bakkoota rakkoon uumameetti bobbaa taasisanii jiranirra addatti ajieechaan Wallagga keessatti irra gahaa jiru akka dhaabbatuuf qaamni dhimmisaa ilaallatu hatattamaan rakkina uumamaa jiruuf furmaata akka laatu nii gaafanna.
Ilmaan Oromoo Oromummaaf qofa manaaf qabeenyisaanii duraa gubataa jiru, gochaan suukaneessaan torban kana Baha Oromiyaa Cinaaksan fi Wallagga keessatti mana uummataa gubuu raawwataa jiru kan balaaleffatamuuf gocha jallataa jaarraa kanaaf hinmalle ta’uu hubatuun dararamni Oromoo irraa akka dhaabbatu nii gaafanna!
Qaamotni nageenya uummataaf dirqama qaban nagaa uummata keenya Oromoo akka eegsisan, ajjeechaa gara jabinaa nurraa akka dhaabsisan gaafataa; rakkoo kanaaf furmaata kennuu irraa ammas duubatti kan harkifatan yoo ta’e balaaf kasaaraa nurra qaqqabaa jiruuf qaqqaabuuf jiruuf itti gaafatamummaa kan qaban ta’uu hubachiifna!
Maayii irratti nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo nageenyi uummata keenya Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii hanga mirkanaa’utti, galma qabsoo keenyaa hanga geenyutti qabsoo itti fufna! Aarsaan nuti kaffalleef kaffalaa jirru nageenya Oromoo kan mirkaneessu akka ta’uuf hojjetaas turre hojjechuuttis jirra.
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkolooleessa 18,2018
Finfinnee Oromiyaa