Adeemsi Araaraa Akka Hin Gufanneef Gaafatama Keenya Haa Bahannu

Aside

(Ijoo Dubbii ABO – Hagayya 26, 2018)
======================================
(SBO/VOL – HAGAYYA 26, 2018) – Adoolessa 08, 2018 Hayyu-Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Muummicha Ministeerotaa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed gidduutti yeroo jalqabaaf haasaan nagaa kan rakkoo siyaasaa mootummaa Itoophiyaa fi Saba Oromoo gidduu jiruuf furmaata karaa nagaa argamsiisuu akeeka godhate taasifamuun ni yaadatama. Tarkaanfiin seena-qabeessi sunis abdii fi gammachuu guddaa ummata keenyatti hore. Haasaan jalqabaa Muummicha Ministeerotaa Itoophiyaa waliin taasifamee guyyoota afur booda Addi Bilisummaa Oromoo kaka’iinsa mataa isaatiin labsii dhukaasa dhaabuu ifatti labsee abdii fi gammachuun ummata keenyatti bule kun akka fiixaan bahuuf fedhii fi kutannoo ol’aanaa qabaachuu isaa hojiidhaan mirkaneesse. Labsii Dhukaasa Dhaabuu kan haasaa jalqabame milkeessuuf labsame kana keessattis Irree fi Gaachana ummata keenyaa kan tahe Waraanni Bilisummaa Oromoo diina lolaaf isatti deemu of irraa faccisuu irraa kan hafe humnoota mootummaa Itoophiyaa irratti tarkaanfii waraanaa akka hin fudhanne ifatti ajajni fi qajeelfamni dabreefi. Continue reading