Adeemsi Araaraa Akka Hin Gufanneef Gaafatama Keenya Haa Bahannu

(Ijoo Dubbii ABO – Hagayya 26, 2018)
======================================
(SBO/VOL – HAGAYYA 26, 2018) – Adoolessa 08, 2018 Hayyu-Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Muummicha Ministeerotaa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed gidduutti yeroo jalqabaaf haasaan nagaa kan rakkoo siyaasaa mootummaa Itoophiyaa fi Saba Oromoo gidduu jiruuf furmaata karaa nagaa argamsiisuu akeeka godhate taasifamuun ni yaadatama. Tarkaanfiin seena-qabeessi sunis abdii fi gammachuu guddaa ummata keenyatti hore. Haasaan jalqabaa Muummicha Ministeerotaa Itoophiyaa waliin taasifamee guyyoota afur booda Addi Bilisummaa Oromoo kaka’iinsa mataa isaatiin labsii dhukaasa dhaabuu ifatti labsee abdii fi gammachuun ummata keenyatti bule kun akka fiixaan bahuuf fedhii fi kutannoo ol’aanaa qabaachuu isaa hojiidhaan mirkaneesse. Labsii Dhukaasa Dhaabuu kan haasaa jalqabame milkeessuuf labsame kana keessattis Irree fi Gaachana ummata keenyaa kan tahe Waraanni Bilisummaa Oromoo diina lolaaf isatti deemu of irraa faccisuu irraa kan hafe humnoota mootummaa Itoophiyaa irratti tarkaanfii waraanaa akka hin fudhanne ifatti ajajni fi qajeelfamni dabreefi.

Labsii sanaan booda Waraanni Bilisummaa Oromoo ajajaa fi qajeelfama Dhaaba isaa irraa dabreef takkaa faallessee hin beeku. Haa tahu malee gama mootummaa Itoophiyaatiin hanga har’aattuu tarkaanfiin fakkaataan fudhatamee ifatti labsame hin mul’atne. Akka kanaanis sochii walitti bu’iinsaaf karaa banu kan loltootni mootummaa Itoophiyaa bakkoota adda addaatti taasisanii fi tarkaanfii of ittisuu Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhatuun dabree dabree lolli mudachuu fi gama lachuutiin wareegamni adda addaa mudachuun guutummaatti hin dhaabbanne.

Akka kanaanis dhihoo kana (Hagayya 22, 2018) Dhiha Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa keessatti (Jimmaa Horroo fi Qellem gidduu bakka Nakuuraa jedhamtutti) Waraana Bilisummaa Oromoo fi loltoota mootummaa Itoophiyaa gidduutti lola mudateen gama lachuu irra miidhaan gahee jira. Lolli kunii fi miidhaan isaan wal qabatee gahes mudachuun irra hin turre. Lola mudate kanaaf sababaan maal akka tahee fi haalli hin barbaachisne kun akka itti hin fufne gama lachuutiin irratti dubbatamaa jira. ABOn erga mootummaa Itoophiyaa waliin haasaan jalqabamee kaasee lolli itti fufuu fi lubbuun namaa dabruu akka hin feesisne irra deddeebi’ee himaa ture. Ammas sanuma gadi jabeessee hima.

Lola olitti ibsame kana irratti kan gama keenyaan nu irraa wareegame miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Mo’ataa Tarreessaa ilaalchisee ABOn gadda isaa ibsaa maatii isaatiif jajjabina hawwa. Itti dabaluudhaanis kanneen geggeessaa fi awwaalcha Goota keenyaa kana bareechan guddisee galateeffata.

Ammas sochiin gara lolaatti nu geessu kamuu dhaabbatee waltahiinsa keenya hojiitti hiikuuf sochii jalqabne garaa qulqulluudhaan itti fufnee wal amantii keenya jabeeffachaa akka deemnu jabeessinee mootummaa Itoophiyaa gaafanna. Kanuma waliin faallaa waltahiinsa keenyaa kan tahe ololli diigaan gama DhDUO fi hoogganoota isaa gariidhaan bifa haaraadhaan finiinaa jiraachuun ummata keenya mufachiisaa fi shakkii itti bulchaa kan jiru tahuu hubachiisuu feena. Karaa keenyaan ololoota kanneeniif deebisaan kennamaa hin jiru. Gama DhDUOtiinis of keessa ilaaluudhaan tarkaanfileen sirreessaa akka fudhataman gaafanna.

Maqaa tikaa fi ol’aantummaa seeraa kabajsiisuutiin, akkasumas sababoota adda addaa uumuudhaan dargaggoota keenya (Qeerroo) gidduutti garaagarummaan akka uumamuuf sochiin taasifamu adeemsa araaraa kana gufachiisuuf shira xaxamu waan taheef, qaamni kamuu adeemsa hin barbaachisne akkanaa irraa dhaabbachuu qaba jennee amanna. Ummatni keenyas araarri kun akka hin gufanneef gama isaatiin sochii hunda keenyaa dammaqiinsaan akka tohatu yaadachiisna.

1 thought on “Adeemsi Araaraa Akka Hin Gufanneef Gaafatama Keenya Haa Bahannu

  1. federalizmii itophiyaa jechan ruling class of amharic speakers in federal state and the opperesed class of oromo people (regional state).thefore stuggle for the freedom must continiue.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s