Lubbuu, Dachii, Qeyee fi Qabeenyi Ummata Oromoo, Bilisummaa Oromiyaa Qofaan Tikfama:
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.
Fulbaana 12,2017
Dhiigaa fi lafee ummata keenyaatiin aangoo isaa hundee irraa raafamee kufaatiif gatantaraa jiru lubbuu itti horuuf, mootummaan Wayyaanee, humna waraanaa ergamtuu isaa ta’e, ‘liyyuu poolisii’ humna ittisa Impaayera Ixoophiyaa fi tikaa bobbaasuun, dachii fi qeyee isaa irratti: Baha Oromiyaa, Kibba Baha Oromiyaa fi Zoonii Booranaa keessatti, duula faashistummaa fi shaynii duguuginsaa hamaa, seenaa gabrummaa keessatti argamee hin beekne ummata Oromoo irratti raawwataa jira.
Har’a, ummatni Oromoo, filannoo lama gidduu dhaabbata. Akka saba mirga falmatuu gabroomfataa dura dhaabbatee: qeyee, dachii fi biyya isaa bilisoomsuu ykn dhabamuu dha. Mirga: of ittisuu, nagaa, kabajaa fi bilisa ta’ee jiraachuuf akka aadaa fi seera addunyaatti qabu dhimma bahee weera wayyaanee kana cabsuun mootummaa Wayyaaneetti xumura godhuun dirqama keenya kan yeroo ti.
Keessattuu, dirqama kana adda durummaan kan raawwachuu qabu qeerroo bilisummaa waan ta’eef, hoogganooti Qeerroo Bilisummaa kan zooniilee Oromiyaa mara keessa jirtan,dirqama hatattama kana shaffeessaan ofitti fuutanii ummata keenya waliin adda durummaan finciluun, mootummaa Wayyaaneetti xumura maayyii akka itti goonu, akkasumas, ummata keenya: Bahaa, Kibba Bahaa fi Booranaa falmaa hadhooftuu geggeessa jiruuf karaa: qoricha, nyaata, dhugaatii, rasaasa, qawwee fi geejjibaa ummata bal’aa Oromoo hatattamaan dirmaachisuufiin irree ittisa ummata keenyaa akka taanu yaamicha hatattamaa fi kan jireenya ykn dhabamaa isiniif dabarsina. Nuti Qeerroon Bilisummaa ofii : duunee, madoofnee fi dhiiga dhangalaafnee, mootumaa Wayyaaneetti xumura godhuun,ummata Oromoo: gabrummaa, saamicha, salphina, tuffii fi shanyi duguuginsa irraa dandamuun jireenya ummata keenyaaf wabii taanee nagaa fi tasggabbii waaraa fiduuf yeroo nuhi itti hiriira jalqabaa seennu har’a. Ilmaan Oromoo, bifoota adda addaatiin mootummaa Wayyaaneef hojjetaniis: qabeenyaa fi dandeettii keessaniin ummata keessan cina akka dhaabbatan Qeerroon yaamicha gootummaa Oromoo fi hatattamaa isiniif dabarsa.
Qabsoon bilisummaa Oromoo, mirga fi qabeenyaa ummattootaa, akkasumas, tokkummaa ummattoota cunqurfamoo tiksuutti kan amanu waan ta’eef, fincila xumura gabrummaa kana keessatti kana akka kabajnu jabeessinee dhaammanna.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti.
Injifatnoon ummata Oromof !
Qeerroo Bilisummaa Oromoo.
Fulbaana 12,2017 Finfinnee
