Caamsaa 14/2017 ) Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Irraa Kaleessa galgala Dargaggoo Oromoo Kabbadaa Qoroo Waraanaa Komaandii Poostii Wayyaaneetiin ukkanfaamee halkaan guutuu reebichaa hiraarsaa ulfaataa erga irratti raawwata turani halkan gara barii harkatti Waan laafeef baasanii bakkeetti gatanii uummataan kaafamee yeroo ammaa Hospitaalaa Amboo seenee jiraachuu maddeen Qeerroo gabaasan. Dargaggoo Kabbadaa Qoroo baroota 2005 mana hidhaa maa’ikalaawiitti hiraarfamaa kanture, bara bara 2011 mana hidhaa Ambootti hiraarfamaa kanture, bara 2015 -2017 Manneen hidhaa Maa’ikalaawwii fi mana hidhaa mooraa leenjii waraana Xollaayitti hiraarsaa ulfaataa keessa turee ji’a tokko dura kan gadhiidamee hiraarsaan miidhaan ulfaataan irra gahee Sammuu isaa keessatti dhiigni ititee torbee darbee keessa Hospitaalaa Amboo irraa referiin barreeffameefi yaalaa irra kan jiru yoo ta’uu Lubbuu isaa balleessuuf waraanni Koomandii Poostii wayyanee Yakka suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti dalagaa jiraachuu caalaatti man muldhisuu ta’uu isaati. Kana Malees Ilmaan Oromoo hedduun dheengaddaa dargaggootni hedduun ganda Goosuu Wangee irraa kan ukkanfamanii hidhaman yoo ta’uu addatti immoo halkan edaatarkaanfii boombiidhaan Waajjira Poolisii Aanaa Midaa Qanyii irraatti fudhatameen barraaguun wayyaaneen uummata jumlaan hidhaa jiraachuu fi waraannii wayyaanees uummata shororkeessa jiraachuun ibsame. Maqaa namootaa hidhamanii adda baasuun kan gabaasnu ta’uu ni hubachiifna. Injifannoon uummata Oromoof Qabsoon itti fufa!
Monthly Archives: May 2017
SBO Caamsaa 14,2017. Oduu, Gabaasa hidhamtoota Oromoo Godina Arsii fi Gaaffii fi deebii dargaggoo Gooressaa waliin taasisame kutaa lammaffaa
Aside
**Naankihkaameen**new oromo music Abbabaa Dhugaasaa 2017
Aside
ONN: Gaaddisa Dhugaa 8ffaa May 11,2017
Aside
Hawaasi Oromoo Magaalaa Jimmaa Loltoota TPLFn Dararamaa Akka Jiru Qeerroon Gabaase.
Aside
Caamsaa 12,2017/ Wayyaaneen Uummata Beelaan Dhumaa Jiru Akka Uummanni Hin Gargaarreef Hawwaasa magaalaa Jimmaa Reebuuf Hidhuun Itti Fufte.
Uummata Oromoo ilu abbaa booraa irraa sababa godaansaaf saamicha Wayyaaneen beelaaf saaxilamanii jiran, magaalaa Jimmaa keessa gaaffii karaa nagaa gaafataniif deebiin dhabamee dhoksaan uummaticha ukkamsuuf utuu yaaltuu dubbichi erga bahee akka waan gargaaraa jirtutti Continue reading
Wayyaaneen TPLF Ummata Oromoo Jiruu Isaa Irraa Kaasuun Baadiyaa fi Magaala Irraa Walgahiin Sardaa Jiru.
Aside
Caamsaa 12/2017 Godina Shaggar Bahaa Aanota hundarraa Ummata wal gahii teessisaa jiru. Maqaa Kiraasassaabdummaa fi Daldala seeran alaa jedhuun Itti Gaafatamaan Wajjira Dhaabaa Obbo Geetaachoo Taamiraat kaabinoota Godinaa wajjiin Ummata wal gahii teessisaa jiraachuu fi Continue reading
Godina Shaggar Kaabaa Magaalaa Fiichee Keessaa Oromoonni 50 Barnoota Amantaa Waqeffatnaa Irraa Qamabanii Hidhamuun Gabaafame.
Aside
Caamsaa 12/2017 Godina Shaggar kaabaa (salaaleetti) magaalaa Fiicheetti halkan keessaa naannoo sa’a 4:30 itti Galma Diida Heexoo kan jedhamu keessatti hordoftootaa Amantii Waaqeeffannaa Osoo isaan barumsa idilee amantaa Waaqeeffannaa gaggeessaa jira ni baay’inaan namoota 50 kan ta’an Poolisoota TPLFn marfamuun tohannaa jala olchuun achi buutee isaani dhabamanii akka jiran gabaasi Fiiche irraa nu gahe addeessa.
Godina Shaggar Kutaa Jalduu Magaalaa Goojjoo Keessatti FXG Itti Fufe.
Aside
Caamsaa 12,2017 Godina Shaggar kutaa jalduu magaalaa Goojjootti FXG eegaluun beekame.akkuma saamicha Qeerroon qellem lukkelee diinaa(basaastota)gogombisuun daandii qulquulleessa jiran,naannoo jalduu magaalaa Goojjoottis qeerroon bifa gaariin eegalan.
Mana ergamaa diinaa kan tadhe Araarsaa Iddoosaa kan jedhamu hanga dandaadhan waan qabaniin erga tumani,Mana saadhibasaa akkuma sa’a ergamaa diinaa Ajjamaa Beeggi kan jedhamu humni diinaa daddaffiin marsuun hardhaaf qeerroo jaalaa baraaranis gumaan qeerroo nibaasna jedhu qeerroon naannoo Sana’a akka nugabaasetti,hima diddu du’a hindiddu jedhuumiree!! Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 12, 2017
Aside
Gabaasi biraan jiru, Continue reading