Daily Archives: May 30, 2017
Aside
ከደራሲ ገዳ/ተስፋዬ ገብረ-ኣብ ጋር ቆይታ (via OMN)
Aside
Riqicha-Gaaffii fi Deebii Addaa HD ABO, Ob Daawud Ibsaa -Kutaa 3ffaa
Aside
Godina Wallaggaa Magaalaa Mandii Keessattti Dargaggoonni Nagaan Lama Waraana TPLFn Butaman
Aside
Caamsaa 30,2017/ Godina Wallaggaa Liixaa magaalaa Mandii keessattii Qeerroon waraqaa waraqaasa guutumaa magaalaatii keessa rabsuu isa gabasnee ture haalumaa kanan warqaa facaa’ee sanattii baayee kan na’ee Wayyanneen erga gaafa sana uummataa nagaa gollaa jirtii dargagoota 2 as mana hiidhaa galchuun dararaa guddaa irraan ga’a jiru.
Isaniis:-
- Iyoob Kumaarraa
- Getuu Alamayyoo kana jedhamaan sababa sanan harkaa Koomandii Poostittii miidhaan irraa ga’aa jira.
Kanan duraas yeroo gara garaa mana hidha wayaanetti hiidhama fi reebama turan. Sababa waraaqallee dhaadanno qeerron raabsamanif magaalan Mandii shororka jabaa keessa jirtii. Kumaatamni kufee kumaatamonni hiidhamanis qabsoon keenya itti fufa. Qeerro Magaala Mandiira
Godina Arsii Aanaa Dodolaa Gandaa fi Magaala Eddoo Keessaa Dargaggoonni Oromoo Umurii 20 Hidhaa Keeessatti Dararamaa Jiru.
Aside
Caamsaa 29,2017/ Kanneen maqaan isaan armaan gaditti woraqaa fuula duraa irratti tuqamee Himataamtoota Qeerroo Aanaa Dodolaa Magaala Eddoo yoo tahan, kanneen fuula lammaaffaa irratti agartaan ammoo warraa faaydaan Xiqqoon sobamaani Qeerroo irratti ragaa bahuuf dhihaatanii dha. Abbaan Alaangaa Aanaa Dodolaa Himannaa Qeerroo Eddoo irratti banee immoo Tasfaye Dheekkoo jedhama.
Worroonni ragaa baana jettaani faayda xiqqoon bitaamtanis gochaa jibbisisaa fi Amala ammaan dura Eddoon ittiin hin beekmne maqa xureessummaa fi maqa balleessumma akkasii irraa of eega isiniin jenna.Eddoo biyyaa Afaan tokkoo, karoora tokkoo, kaayyoo tokkon, waliin duuluu, fi waliif duuluun beekamtu murnii xiqqoo faayda xiqqoo ragaa baataani boruu seenaa fi ummannii eddoos isin gafataa irraa dhabbaadha isiniin Jenna. Abbaan Alangaa obbo Tasfaye Dheekkofis kanumaa dhaamna.” Continue reading
Aside
“Dhiisi-Dhiisi,Lakki Dhiisi”
Aside
Koloneeffataan TPLF Godina Wallagga Aanaa Waayyuu Xuqaa fi naannoo ishee irraa xaa’oo kutuudhaan uummata naannichaa rakkoo beelaaf saaxilaa akka jiru himame.
Aside
Caamsaa 30,2017/ Godina Wallagga aanaa Waayyuu Xuqaa fi naannoo ishee keessatti koloneeffataan Wayyaanee uummata irraa xaa’oo kutuudhaan uummata naannichaa rakkoo beelaaf saaxilaa akka jiru himame.
Akka maddi oduu Qeerroo naannicharraa himaa jiranitti uummanni naannichaa maqaa mootummaan wayyaanee xaawoo uummaticharaa kuteef rakkoo keessa akka seenanii jiran human.Irra caalaattimmoo akka oduun qeerroo achirraa dhufaa jirutti xaawoon akka harka qonnaan bultootaaf kennamuuf dhiyaateyyuu gatiin isaa humna uummata naannichaa ol waan ta’eef bitannee itti fayyadamuun nutti ulfaataa jira jechuunis uummanni naannichaa iyyachaa jiran.Sababa dhiyeessii xaawoo dhabuu isaanii kanarraa kan ka’es uummanni aanichaa beelaaf saaxilamaa jiraachuu isaaniitu gabaafame.
Sirni aangoo qawween biyya bulchaa jiru wayyaaneen karaa tokko maqaa misoomaatiin uummatatti hololaa karaa tokkoon uummata oromoo miidhuun ittuu qabsoo uummatichaa gabbisa malee boodatti hin deebisu Continue reading



