Godina Wallagga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti mootummaan Wayyaanee maqaa walga’iitiin uummata doorsisaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Aside

Caamsaa 3,2017/ Mootummaan sirna nama nyaataa Abbaa irree Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti kaabinoota isaaf amanamoo ta’an walitti qabuudhaan uummata amansiisuu qabdan jechuudhaan uummata magaalaa Naqamtee irratti hololaa fi afaanffajjiidhaan lafa cabsaa akka jiru ibsame.
Haaluma kanaan hundeen garboomffattuu ilmaan Tigiraayiin bu’uureffamte sirni Wayyaanee torban kana keessa guyyaa gaafa Caamsaa 04/2017 irraa eegalee hanga Caamsaa 05 /2017 tti sirni wayyaanee Godina Wallagga magaalaa Naqamtee galma guddicha kan magaalichaa keessatti kaabinoota isaaf bitamuun uummata gidirsaa turan walitti gurmeessuun uummata walitti qabdanii amansiisuu akka qabdan jechuun koonfireensii teessisaa akka jirutu eerame. Continue reading

Finfinne by Maaramee (R.I.P)

Aside

Wayyaaneen TPLF Ummata Oromoo waan haloo bayaa jirtu fakkaata.

Aside

Caamsaa 3,2017/Wayyaaneen Ummata Oromoo waan haloo bayaa jirtu fakkaata. a 3,2017/Waan hundaan Ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti Karaa Adda addaatiin  dararamaa jira.Ifaadhaan,Tajaajila Geejjibaatin, Walumaa galatti Tajaajilli hawaasaa waan haloo bayuudhaaf raawwatamaa jiru fakkaata.Bifuma kanaan Godina Arsii Magaalaa Siree keessatti Ummanni Bishaan dhugaatii dhabuun haroo fi Laga loon wajjiin dhugaa jira,Bishaan Boombaa Torbaanitti guyyaa tokko dhufa.guyyaa inni dhufes Ummanni ganama bariisaa bahee hiriira dhaabbataa oolee galgala gala. Continue reading

Godina Baalee Magaalaa Goobbaa keessatti waraanni Wayyaanee Ummata Saamaa jira.

Aside

Caamsaa 3,2017/Godina Baalee Magaalaa Goobbaa keessatti waraanni Wayyaanee Ummata Saamaa jira. Magaalaa Goobbaa keessa galgala nama saa’atii 4:00  booda daandirratti argame waraanni Wayyaanee daandirraa qabee gara kaampii isaanii geessuun reebicha irratti raawwachuu fi saamuun cimee itti fufeera.Ummanni Magalattii yeroo ammaa dheekkamsa guddaa keessa jiraachuu Qeerroon Goobbaa gabaasee jira

SBO Caamsaa 03,2017. Oduu, Barruu haala yeroo irratti hundaa’ee fi Gaaffii fi deebii Qabsa’aa Geessisaa Kuusaa waliin godhame kutaa 3ffaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside