Qeerroon Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaa Ganda Odaa Keessatti Kaabinoota Wayyaanee Salphise.

Aside

Ebla 27,2017/Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaa Ganda Odaatti Maqaa eebba misooma sululaa jedhuun ergamtoonni wayyaanee OPDO Qeerroo aanichaatin salphachuun gara mana isaanititti dacha’an.Sabboontonni Qeerroon Aanaa Dalloo Mannaa bakkichatti Argamuun Nuti isin hin barbaannu isin guyyaa aangoo qabattan kakuun isin kakattan kaayyoo tigree galmaan gayuuf kakattan malee wanti isin kakattaniif hin jirtu nuti bilisummaa barbaanna isin nu gabroomsaa jirtu tigree wajjiin nuti bilisummaa barbaannaa hanga Oromiyaan bilisoomtutti nuti Qabsoo keenna itti fufna jechuun salphinnaan ufirraa galchuu Qeerroon Aanichaa Gabaasee jira

Ilaalcha ABO Qulqulleessinee Karoora Mootummaa TPLF Itti Haadeebinu Jechuun Hogganoonni OPDO Ummata Goyyomsaa Jiru.

Aside

Ebila 18/8/2009 ALHtti Godina Addaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Sabbataatti hojii dhabdummaa magaalaa keessaa dhabamsiisuu fi Rakkoo bulchiinsa Gaarii furuudhaaf jechuun dubartoota fi Qaamolee mootummaa walitti qabanii Miseensotaaf Deeggartoota ABO Qeerroo jedhaman bakka hundaa baadiyyaaf magaalaa keessaa Qulqulleessinee humna misoomaa haa ijaarru jechuun marii godhaa oolanii jiru.Wal gahii kanarratti jiraattotni waamaman wal gahicharratti argamuu dhabuun miseensotaaf deeggartoota isaanii qofa wajjiin afaan banaa oolanii jiru

Continue reading

Kubbaaniyyaan TPLF Humnaan Dirqisiisuun Qonnaan Bultoota Gatii Guddaan Xaawoo Bichisiisaa Jira

Aside

Ebla 27,2017/ Wayyaaneen Qonnaan bultoota Oromoo Dirqamaan Karaa Hojjattoota Misooma Qonnaatiin Xaa’oo bitaa jettee diqamsiisaa jirti.Godina Addaa Naannawa Finfinnee Aanaa Mullootti Xaa’oo NAPS fi YUURIYAA kuntaala 3979 Qopheessanii ummanni dirqamaan gatii humna isaatii ol ta’een akka bitatu taasisaa jiru

FXG Magaalaa Aboo Keessatti Deemsifamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Warraaqsii Biyyooleessaa Oromiyaa FXG Gootoota Qeerroo Barattoota Oromoo fi Uummata Oromoo Magaalaa Amboon Itti Fufee, Warraaqsaa Kana Dura Dhaabbaachuuf Waraanni Koomandii Poostii Wayyaanee Dhukaasaa banuun Yeroo Ammaa Magaalaan Amboo Dirree Waraanaa Fakkaattee jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Shamarree Sabboontuu Sa’aadaa Jamaal(Caaltuu Carcar) Adduunyaa Irraa Boqachuu OMN Gabaase.

Aside

Gaazexxessaa Abdii Fiixee Gaaffiilee Warraaqoo Abbaa Duulaa Gammadaa Kallattiin Gaafate.

Aside

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo

ONN: Amboo Gara Galgalaa Show S01E06

Aside

https://youtu.be/VxQDA2SMSOA