Korri Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa Ebla 14-16/2017 Magaalaa Toroontootti geggeeffamaa ture milkiin xumuurame. Korri kun Akkuma aadaa Oromootti Eebba Maanguddoon baname, Faaruun Alaabaa akkasumas yaaddannoo gootootaan jelqabame. Itti aansuun D/T Konyaa Mul`is A/Gadaa J/Hundee Eebbaa Miseentotaan baga nagaan dhuftan jechuun simannaa godhe booda J/ Fiqaaduu Eebbaa D/T Kutaa Kanaadaa haala Sagantaa koraa ibsan.
J/Odaa Xasee MSG fi I/G Birkii Jaarmiyaa fi Siyaasaa ABO-BA, miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo Kutaa Kanaadaa keessa jiran hundi amanna dheeraa fi karaa fagoo deemuun Kora kana irratti argamii fi Konyaa Kora kana qopheesse galateeffachuun Kora sirnaan banan.
Kora kana irratti hoggannootni dhaabaa J/Ibsaa Nagawo MKHR ABOfi J/Morkataa Guutuu MGS ABO irratti argamaniiru. Continue reading


