Damee Boruu Irraa
ABO erga akka kaayyoo bilisumm ti bu’uraa’ee gara waggaa afurtamaa tahaa jira. Akeeka kana bakkaan gahuuf qaroon ilmaan Oromoo lakkoobsa hin qabne dhiiga isaanii itti lolaasanii lafee isaanii itti tareessanii jiru. Kaayyoo bilisummaa kana irratti ilmaan Oromoo warri dammaqinsa gahaa gaban utuu Kaabaa Kiba , Bahaa Dhiha hin jennee gamtaan wareegama qaalii baasanii darbaniiru. Har’as guca bilisummaa qabatee jiru galmaan gahuuf ilmaan Oromoo kumaataman irratti kitimaa jiru.
Utuu ilmaaan Oromoo qaroo tahan lubbuu isaanii kenanii kaayyoo Bilisummaa kana irratti hin ciccinee sabni Oromoo bakka har’a jiru kana jiraachuu danda’a jennee hin yaadnu. Qabsoon bilisummaa bu’aa bahii guddaa qaba. Beelaa’uu, dheebochuu, dhukkuba adda addan dararmuu, aduun gammoojii keessatti waadamu, bokkaan tumamuu , harka diina itti kufanii waxxalamuu fi isa dhumaa aarsaa tahuutu jira. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk