SEENAA Y.G(2005) kutaa 1ffaa
Eeyyama Tigrootaa malee, Lammaa Magarsaa waa jedha jettanni warri yaaddan dogoggora gudaa gotan. Lamma Magarsa cannot say a word against TPLF without a permission from them
Waggoota 150 oliif Gabrummaa jala jirra. Bilisummaan jiraachuu irra, Gabrummaa jalatti waa hedduu baratan. Warri Gabrummaa jala turanii fi jiran, hadhaa gabrummaa tokkummaan hadheeffatanii, mi’aa Bilisummaa waliin dhandhamaa jiran. Nuuti garuu hadhaa Gabrummaa kana wal qixa hadheeffachaa hin jirru. Kanaaf bakka sagal dhaabbannee ija walitti baafna. Waan nu ilaallatuu fi nu hin ilaallannee wallaallee, wal qoccolla. Akka nama tokkotti Kan of hin bilisomsinee , Bilisummaa sabaaf hin falmuu. Warri Bilisummaa ofii hin mirkaneessinee, , Waa gaafa ho’iitu, Bilisummaan boruu taati jedhanii fiiganii itti seenan. imalli bilisummaa yeroo dheerattu ammoo keessaa ba’anii, ykn ganee, ykn moggaa dhaabbatee qeeqaa fi xiinxala eegala. Namni Bilisummaa barbaaduu , jalqaba ofii isaa qaamaa qalbii bilisoomu isa barbaachisa. Raajiin Oromoota keenya keessatti argaa jirru garuu , kanarra taree OF-nama jibbisiisa. inni Gabrummaa jibbee, qabsaa’een Ummata kiyya bilisoomsaa jedhee of kenna. Inni kaan ammoo , qabeenyaa saammachuu fi nagaan ba’ee galuu ilaalee bilisummaa qabnaa jedha. Inni kaan ammoo, biyya alaa ba’uu isaa fi wayyaanee jalatti gabroomuu jalaa akka baraarameetti of ilaalee, amala habashootaan lammaaffaa gabroomee, obboleessa isaa waliin dhaabbachuu dadhabee kachachala. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk