SBO: Ebla 02 bara 2017. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Fuulleffatee fi Gaaffii fi deebii Qeerroo Dargaggoota Oromoo Fayyisaa Asaffaa fi Anwaar Sa’id waliin Taasifame – Kutaa jalqabaa.

Aside

Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Demookraasii (TUBD)

Aside

PEOPLES ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY (PAFD)

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa bilisummaa fi dimokraasii walgahii isaa dhaabbataa lammaffaa Bitootessa 28 hanga 29, 2017 adeemsifatee jira. Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii tumsa dhaabota bilisummaa shanii, Sochii Bilisummaa Ummatota Banishangul, Sochii Bilisummaa Ummata Gaambeellaa, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bili-summaa Biyyoolessa Ogaadeen fi Adda Bilisummaa Biyyolessa Sidaamaa hammata. Koreen hojii raawachiiftuu gabaasaa hojii fi sochii tumsichaa dura taa’aa irraa dhaggeeffatee jira. Akksumas, ibsoota biiroolee tumsichaa fi dhaaboti miseensoti tumsichaa waa’ee sochii isaanii ilaalchisuun kennan dhaggeeffateera. Koreen hojii raawwachiiftuu gabaasaa fi ibsoota kanneen erga dhaggeeffatee booda ajandaalee walgahii kanaaf qabaman raggaafatee gadi fageenyaan irratti haasa’e. Continue reading