SBO: Amajjii 13 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sirna Kabajaa Guyyaa WBO Konyaalee ABO Kanaadaa akkasumas Yaada Hirmaattota Sirna kabajaa Amajjii 1, 2017 Jiddugala Mooraa Leenjii ABOtti gaggeeffamee.

Aside

Ethiopia: Year of Brutality, Restrictions

Aside

Restore Rights, Address Grievances

(Nairobi) – Ethiopia plunged into a human rights crisis in 2016, increasing restrictions on basic rights during a state of emergency and continuing a bloody crackdown against largely peaceful protesters, Human Rights Watch said today in its World Report 2017. The state of emergency permits arbitrary detention, restricts access to social media, and bans communications with foreign groups.

Continue reading

ABO abaruun rakkina Oromoo furuu hin tahu!

Aside

 Ibsaa Gaaddisaa irraa

ABO abaruun rakkina Oromoo furuu hin tahu!ABO fi Hoggana Isaa abaaraa tahuun Rakkina Ummata Oromoo hiikuu hin tahu Saba Miliyoona 40 olii miti saboota kumootaan lakkaawwaman keessattiyu ilaalchi siyaasaa adda addaa jiraachuun waanuma maluudha. Biyya lafa kanarra jiru keessatti ummanni ykn Sabni Ilaalcha Walfakkaata qabu ni jira jechuun hin danda’amu. Ummanni Oromoo akka baayyina Ummata isa fi bal’ina dachii isaatti Dhaabolee siyaasaa adda addaa qabaachuun rakkina hin qabu ture. Rakkina ilaalchaa Qabaachuun rakkoo ummata ofii hiikuu nama hin dhorku. Yoo dantaa ofiif jecha bololuu tahe malee.

Nuti akka sabaatti tokko tahuun keenya ilaalcha garaa garaa qabaannus rakkoo tokko waan qabnuuf jalqaba atuu rakkina keenya irratti fuulleffannee salphina akka sabaatti nurra jiru keessaa baane gaarii ture.

Garuu yeroo ammaa wanti mul’ataa jiru Ebiluun hojjechuu nu dhorke, Dhaabni ebiluu badu malee hojjechuu hin dandeenyu kanneen jedhantu garaagartee ummata keenya gidduutti uumuuf oliif gadi Wixxifatu. An akka yaada kiyyaatti ABOn dhaaba Ummata Oromoo of barsiise ummata Amantii fi Gandaan Adda adda faffaca’ee ture tokko taasise dhaaba yoo maaluu hojjetame onnee ilmaan Oromoo keessaa baduu hin dandeenyeedha.

Dhugaadha Qabsoon dheerachuun namoota qabsicha keessa hin jirreef waan qabsichi bakkuma gaafa dhalatee sana jiru itti fakkaachuu mala. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 12, 2017

Aside

Ethiopia: TPLF Resorts To Fascism To Control Citizens (Adeola Fayehun)

Aside

Manni Jireenyaa Artist Jaalatamaa fi Kabajamaa Oromoo Galaanaa Gaaromsaa Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee tiin sakkatta’ame.

Aside

galanaAmajjii 08/2017 Manni Galmaa Artistii Jaalatamaa fi Kabajamaa Oromoo Galaanaa Gaaromsaa Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee tiin sakkatta’ame. Waraannii Komaandii Poostii Wayyaanee Artistii Galaanaa Gaaromsaa ukkamsuuf bobbaafamee mana galmaa Artistii Galaanaa Gaaromsaa yeroo gahuu akka Carraa ta’ee Artistiin Oromoo Galaanaa Gaaromsaa mana waan hin jirreef mana galmaa isaa Kutaa Magaalaa Finfinnee bakka Haayati jedhamuu humnaan Cabsanii seenuun sakkatta’insa seeraan alaa irratti rawwachuun mi’a  (qodaa) mana keessaa caccabsuun sa’aatii dheeraaf manichuma turuun eganii dadhabnaan dhumarraatti Obboleessaa Artistii Galaanaa Gaaromsaa , Caalaa Gaaromsaa ukkaamsuun fuudhanii kan adeemaan ta’uu maddeen Qeerroo Finfinnee irraa gabaasan. Yeroo ammaa kana obbooleessi Artistii Galaanaa Gaaromsaa;  Caalaa Gaaromsaa Mana Hidhaa Maa’ikalaawwiitti darbatamee dararamaa jiraachuun mirkanaa’ee jira.
Gootichi Oromoo Artistii Galaanaa Gaaromsaa artistoota Oromoo dhaloota qubee haaraawaa afaan, Aadaa,  seenaa fi gootummaa Oromoo faarsuun  beekamanii fi addatti immoo  roorroo fi gidiraa saba Oromoo irraa gahaa jiruu wallee garaagaraa qindeessuun dura dhaabbachaa jiranii fi yeroo dhiyoo keessaatti ija uummata Oromoo miliyoonotaa keessaa seenanii jiran ta’uu uummata Oromoo har’a jaalaalaa fi kabajaan ija mararfannoon isaan ilaalutu ragaadha. Har’a artistoota Oromoo uummata Oromoo miliyoonotaan jaalatamanii fi kabajaman keessaa artisti Galaanaa Gaaromsaa isa tokko. Artistoota Oromootti ba’uun qaroo ija uummata Oromoo tti bu’uudha.  Kanneen hidhamanii jiran iyyuu atattamaan akka gadi lakkifaman Qeerroon gadi jabeessuun gaafata.
     Kana Malees ilmaan Oromoo hedduun Finfinnee fi magaalotaa naannawaa Finfinnee ti argaman keessaa hordofamanii ukkanfamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaan. Haaluma kanaan Barattootni Oromoo sadii bulchiinsaa Laga Xaafoo laga Daadhiitti Godina Lixa Shawaa Amboo irraa wayyaanee jalaa dheessanii rakkatanii barachaa utuu jiranii waraanaa Komaandii Poostii Wayyaaneetiin ukkanfamuun eessaa buuteen isaanii dhabamee jiruu keessaa 1.barataa Yeroo Haayyii fi barattootni lama yeroof maqaa isaanii kan adda hin baafamiin ta’uun gabaafamera. Haala kanaan ilmaan Oromoo yeroo irraa gara yerootti waraanaan ukkanfamuun hidhaatti guuramaa waan jiraniif uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo Bakkaa jirtaan hundaa gamtaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuun uummataa keenya miliyoonotaa manneen hidhaa biyyatti keessatti dararamaa jiran qabsoon haa hiiksifannu jechuun Qeerroon waamicha dabarsa.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ), Amajjii 10, 2017

Aside

SBO Amajjii 11,2017. Oduu fi Haasaa I/An H/D ABO Jaal Dhugaasaa Bakakkoo Amajjii 1 guyyaa WBO kan 2017 Giddu gala Mooraa Leenjii ABOtti kabajame irratti taasisan

Aside

SBO Amajjii 08,2017. Oduu, Du’aan Boqochuu Jaal.Nuuraddiin Adam ilaalchisuun Ibsa Gaddaa ABO irraa kennamee fi Gabaasa Addaa Amajjii 1,Guyyaa WBO Giddu gala Mooraa Leenjii ABOtti kabajame kutaa lammaffaa

Aside

SBO Amajjii 06,2017. Oduu fi Gabaasa addaa Sirna kabajaa Guyyaa WBO Amajjii 1 kan bara 2017 Giddu gala Mooraa Leenjii ABOtti kabajame

Aside