Amajjii 25,2017
Jimmaa:- Galgala Kana Mooraa Guddaa Jimma Yuunibarsiitii Keessa Humni Waraanaa Akka Waan Lubbuun Isa Bahuuf Jettutti Garmaamaa Jirti.
Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaa bakkeewwan garaagaraatii taasisaa jiru sodaachuun doorsisi wayyaanee dorsisi humna hin qabne daran bakkeewwan hedduutti dabalee mul’ataa jira.Haala sochii bakkeewwan garaagaraatti taasifamaa jiruu sodaachuutin adeemsa
qabsoo Oromoo ABOn durfamu dadhabsiisuuf tooftaalee hedduu fayyadamaa turtullee,waan qabbanaa’e hin jirre ta’uu hubachuurraan;Akkasuma waraqaa waamichaa Qeerroon waliin gahaa jiru sodaachuun mooraalee Yuunibarsiitii garaagaraa keessatti sochii dhaamsuuf ifaajii taasiftu itti fuftee jirti.
Addatti wanti har’a moraa guddaa Jimma Yuunibarsiitii keessatti argamaa jiru,sodaaf bir’annaa hamaa keessa galuu ishee haala deemsa diinotaa kaarra hubachuun dandaa’amullee Qeerroo Bilisummaa Oromoo falmasaa galiin gahuuf ammallee duubatti kan hin jenne ta’uu
hubachiise
Dambi Doolloo:- Lixa Oromiyaa Dambi Doollo Ona Gordommee Keessatti OPDOn Walitti Bu’insa Hamaa Keessa Seenanii Jiran. Erga kaabineen OPDO ona Gordommee keessatti ummata gidirsaa ture du’ee asitti hojettoonni OPDO guddaa hanga xiqqaatti walshakkii hamaa keessa seenuun walii isaanii lolaa jiraachuun dubbatame.Haalli Kaabinoonni keessa jiran,daran kan isaaniin abdi kute yoo ta’u jireenyaaf abdii kutachuurra darbanii caasaleen isaanii wal diigaa jiraachuullee dubbatu.Ona kana keesaatti gama biraan gartuun tarkaanfii fudhachaa jiru ammallee tarkaanfii isaa gadi jabeessee anjessuun diina Oromoo ajjeesee konkolaachisuuf kan duubatti hin jenne ta’uu dubbatu. Continue reading
