Xumura Abbootii irree!
Baarentuu Gadaa Irraa
Ummanni rakkatu malee gaafii hin kaasu, hin lolu, miidhamu malees hin iyyatu, hin fincilu. Ummata miidhamee gaafii kaase ammoo sobuu fi sossobuudhaan yknis waliin dhahuudhaan itti fakkeessanii bira darbuun hin danda’amu. Gaafii ummata fincilee humnaan ukkaamsanii hanbisuunis akkasuma hin danda’amu. Ukkaamsaan yoo badii dabalataa ida’e malee furmaatas ta’uu hin danda’u. ta’ees hin beeku.
Biyya hedduu keessatti, abbootiin irree hedduun ummata gaafii haqaa kaase, ummata mirga isaaf qabsaawe ukkaamsuuf yaalaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, dararaniiru. Biyya kam keessattuu garuu abbootin irree kun milkaawanii bara baraaf ummata gaafii kaase ukkaamsanii haangoo humnaan tikfachuuf abbalan sanirra hin turre. Ykn hin jiraanne.Yeroof waan humna qawweetiin gaafii ummataa ukkaamsanii hanbisan itti fakkaatee dhiittaa mirgaa sukanneessaa raawwatanis dhumarra ummataan injifatamaniiru. Baayyeen isaanii du’a badaniiru. Xumurri isaanii akka hin taane ta’eera. Akka humna qabna jedhanii namatti taphatanitti itti taphatameera. Haangoo bololaniif sanis dhabaniiru, qabeenya hangoo harkaa qaban fayyadamanii saamanii horatanis osoo hin nyaanne nyaatamaniiru. ykn dirqamanii isa biraaf laataniiru. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk