TPLF “Nageenya Bu’uuraa Guddaa Buufne” jedhee ololuun tuffii mirga saboota Cunqurfamoof qabu muldhisa.

Aside

Amajjii 15,2017

WayyaanneeErga Labsiin Waraanaa Labsamee Asitti Qe’een Oromoo Bakkeewwaan Hedduutti Bohichaaf Watwaannaa Dhabee Kan Hin Beekne Ta’ee Utuu Jiruu Mootummaa Nageenya Biyyattiif Bu’uura Guddaa Buusee Jiraan Tuffii Guddaadha Jedhu Jiraattoonni Akka gabaasaan Qeerroo bakkeewwan hedduutii gabaasaa jirutti adeemsa Mootummaan Wayyaanee ittiin uummata Oromoo daguuguuf baafate kanaan lammiiwwaan kitillayyoota hedduu awwaalaa jiraachuu addatti tibba kana gaabaasaaleen Sagalee Qeerroo Bilisummaa dhaqqabaa jiran labsii murna bicuu wayyaanee jala haguuggachuun waraanni Uummatarratti bobbaafame rasasaan dhaanee uummata ajjeesaa akka jiru  keessattu uummata daangarra jiran hedduu irratti gaagaa’ama hamaa saatii dhaqqabsiisaa jirutti nageenya  du’ee jiruun nageenyi biyyatti deebi’eera jechuun hololli kadhaa biyyoota biroo irraa ittiin maallaqa sassaabachuuf banaamaa jiru kan tuffii ilma namaa ta’uufi duuti ilmaan Oromoo mootummaa burjaajoftuu Wayyaanee cinatti hanga du’a Hantuutaa itti dhagaa’amaa akka hin jirre raga baha. Continue reading

ደግነቱ ጆሮ አለመሙላቱ

Aside

Continue reading

FXG Itti Fufee Manni Barumsaa Preparatory Amboo Cufame.

Aside

Amajjii 15,2017

Itti fufaYaadannoo baratoota Oromoo bara darbe qabsoo irratti wareegamani gochuuf jecha,Qeerroon manneen barnootaa Amboo fi magaalaa jiran wal gurmeessuun waraqaa warraaqsaa fi suuraa barattoota wareegamanii maxxansuu fi baasuun duungoo qabatani bahuuf waamicha yeroo taasisanitti mana barnootaa guyyaa lamaaf cufuun akka yaadannoon kabajamu wal gurmeessaa turan.

Waraanni Agaazii haala kana dhagahe konkolaatota 5 niin loltoota guuree gara mana barnootaa deemuun dallaa marsuun barattoota haala kana qindeessu jedhu tokko lamaan maqaa yaamuun heddumminaan gara mana hidhaatti fuudhanii waan deemaniif jecha Qeerroon diddaa isaa itti fufee manneen barnootaa cufee jira.

Amajjii 14,2017 manni barnootaa high school Amboo irraa hamma Awaaroo gahutti barattooti daandii aspaaltii cufuun FXG gaggeessaa olanii jiru. Haalli kun hanga ammaa hin tasgabbaawiin jira.

SAGANTAA GUYYAA MARII UUMMATAA FI WALGA’II QEERROO AMAJJII 14 – 2017 LONDON

Aside

Continue reading

Aside

Image may contain: 4 people

“Ilmi Kee Garaa Kutateera,Jajjabaadhu Yaa Haadha Dhiira” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Hawwii H. Qananii

Aside