Furmaatni Tokkichi Warraaqsaa FXG Daran Jabeessu Dha
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 4,2016
Finfinnee
Haala Yeroo Oromiyaan Keessa Jirtuu fi Hiraarsaa fi Shoroorkeessa Waraanni Wayyaanee maqaa State of Emergency jedhuun waraana biyyarratti labsee yakka duguuginsa Sanyii (Genocide) dalagaa jiruu ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo furmaatni tokkichi Warraaqsaa FXG daran jabeessudha jechuun Ibsa Waliigalaa fi Waamichaa qabsoo uummata Oromoo fi saboota Cunqurfamoof dabarse!!
Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee afaan qawweetti malee olaantummaa Uummataa fi olaantummaa seeraatti kan hin amannee ta’uun uummata biyyattiif haa hafuu addunyaa biyyaa lafaaf mirkanaa’ee jira. Uummatni Oromoo akeekaa Sochii Warraaqsaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessuu waliin hiriiruun mirga isaa akka kabachiifachuu danda’uu amanee hirmmaannaa guddaa gochuun bara Ebla 2014 Addatti Sochii Warraaqsaa Qeerroo bilisummaa Oromoo qabsiise irraa qooda olaanaa bahachuun Oromiyaa keessatti tokkummaa isaa jabeeffachuun addatti Sadaasa 12,2015 Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG dhoosuun godinaalee Oromiyaa cufa keessatti Sochii warraaqsaa waggaa tokkoo guutuuf utuu wal irraa hin kutiin mirga isaaf falmachuun wareegama qaalii kanfalaa kan jiruun hanga ammatti ilmaan Oromoo badii tokko malee gaaffii mirgaa karaa nagaa gaggeeffamaa jiruutti waan hirmaatanii mirga isaaniif falmataniif lubbuun İlmaan Oromoo 2500 olitti lakka’amuu Waraanaa Continue reading


Posted August 30, 2016 by Adi Agimba