Guyyaa WBO Amajjii Tokko Bara Haaraa 2017 Kabajamuuf jiru Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 29,2016
Uummata Oromoo Hundaaf
Baga nagaan jala bultii guyyaa WBO kan bara 2017 fi waggaa haaraan isin gahe. Guyyaa ayyaana dachaa kana yeroo itti kabajachuuf deemnu haalli ummanit keenya irree cunqursaa jala jiruu fi walabummaa isaaf ammoo warraaqsa hiriyyaa hin qabne gaggeessuun wareegama ol aanaa kafalaa jiru keessa jirra. Barri 2017 kun kan milkii fi injifatanoo akka nuu ta’u irratti qabsaawuun dirqama qabasoo nurraa eegamu akka baanu abdii qabna.
Guyyaa kabajamaa fi seenaa qabeessaa Amajjiin gaafa 1 uummata Oromoof haarawaa miti, Oromoo dhalatee Oromummaa isaa beekuu fi Oromoo qabsoo bilisummaa isaa fi walabummaa Oromiyaaf falmaa hadhooftuu gaggeessaa jirutu guyyaa kana haalaan midhaksee beeka. Bara kanas Amajjiin tokko Guyyaan WBO Oromiyaa Godinaalee cufa keessaatti bifa adda ta’een Qeerroo Bilisummaa Oromoo, miseensooota Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Uummaata Oromoo, maadheewwaan ABO, gootota barattoota Oromoo , Humnoota qabsoo Bilisummaa Oromoo, WBO-ABO fi sabboontoota ilmaan Oromoo waliin ta’uudhaan kabajamuuf kan jiru Ammajjii tokko Guyyaa seenaa qabeessaa akka daawwitiitti ija uummata Oromoo jalaa hin badnee bifa addaan kabajamuuf jira.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Mudde 29 2016 fnl.pdf
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk