SBO Onkoloolessa 14,2016. Oduu fi Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO

Aside

InJifannoole Argamaniifi Tokkumma Uumata, Olola ABO, Qeerroo fi Qabsa’oota irratti Karaa EBC, TVO fi social Media Deemuu. Akkasumas Of eeggannoo Haala Yeroo waliin Taasifamu qabu irratti Turtii Magarsaa Waaqjiraa waliin Taasifame

Aside

Jaal Magarsaa Waaqjiraa miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi gartuu hoggana bu’ureessaa Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ( National Youth Movement for Freedom and Democracy)kan ta’e  sochii FDG seena qabeessa bara  2011 Qeerroon Bilisummaa taasisan keessatti Yuniverstiilee Oromiyaa fi Magaalota keessatti hogganummaa Warraaqsaa osoo kennuu harka loltoota Wayyaanee Agaazii galee  mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararaa guddaa arguun waggootaaf dhimee lubbuu isaan kan bahee fi sana boodas qasootti makamuun gahee guddaa bahaa ture ykn jira.

Itti fufa Video kanaa barruu kanaa gadii tuqi argatta. Continue reading

SBO Onkoloolessa 12,2016. Oduu, Ibsa ABO, Haala Godina Baha Shawaa keessa jiru irratti gaaffii fi deebii dargaggoo naannoo sanii waliin, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Declaring ‘State of Emergency’ will Only Facilitate the Demise of the Minority  TPLF Regime in Ethiopia

 Statement of the Central Leadership of Oromian Youth Movement (a.k.a. Qeerroo Bilisummaa)

It has now been a clear that the heroic sacrifices Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa has been making since its formation in 2011 has resulted in shortening the date of the freedom of the Oromo people and independence of our homeland Oromia. The current declaration of “State of Emergency” is a clear evidence that the TPLF led regime is crumbling and is existing in a state of hopelessness. Due to the bitter struggle of Oromian youth led by Qeerroo Bilisummaa, the minority Tigrean elite which has been boasting of its political superiority for a long time has started disintegrating and collapsing by the day. The heroism displayed by Qeerroo has been a nightmare to the TPLF leaders.

It is important to note that the declaration of the so called “State of Emergency” will only fuel our struggle. Qeerroo Bilisummaa would like to make it clear to all of our friends and enemies that the current desperate ‘declaration’ will never deter the struggle of Oromo people led by Qeerroo Bilisummaa. It will rather bolster our strength and fuel the struggle. Hereafter, any futile exercise made by the TPLF regime will only result in shortening the date of its demise. In its bitter struggle, Qeerroo Bilisummaa succeeded in stripping the mask of TPLF covered with lies and has shown its true color of dictatorship and racist nature to the entire world.  The current ‘declaration’ corroborates that the TPLF regime is shaky, that it is hated by the Oromo people and entire peoples of Ethiopia, that it doesn’t have the capacity to protect the peace and stability of the country, and that it does not have the trust and confidence of the people it supposedly govern. The date of the death of the TPLF regime is not far.  Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Onkoloolessa 11, 2016

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg     

  “Ofiinuu Duutii Maaf Of Huuti?” – Labsi ‘Yeroo Atattamaa’  TPLF labsite Ilaalchisee Ibsa Hooggana Jiddu-galeesa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname

Wareeegamni Qerroon Bilisummaa Oromoo gootummaan gumaachaa as gahe ummata keenya guyyuu gara Bilisummaa isatti dhiheessaa jiraachuun dhugaa haalamuu hindandeenye dha. TPLFtti guyyaan dukkanawaa dhufuu isaaf labsi isheen mata duree ‘yeroo atattamaa’ jedhuun labsite kana caalaa ragaan guddaan hinjiru. Qabsoo hadhawaa Qeerroon Bilisummaa geggessaa jiruun gartuun yeroo dheeraaf olaantummaa siyaasaan of bokoksaa turte kun guyyaa irraa guyyaatti caccabuu,salphachuu fi diigamuu erga eegaltee bubbulteetti.  Gootummaan Qeerroon agarsiisaa jiru mootota TPLF guyyaa saafaa abjchisuu erga eegalee oolee buleera.  

Labsiin TPLF ummata keenya  irratti labiste kunis Qeerroo Bilisummaa Oromoo caalmaatti qabsichaaf hiriirsa malee tasa of-booda kan hindeebifne ta’uun isaa  firaafis ta’e diinaa ifa ta’uu qaba. Ammaan booda taattaaffiin TPLF gootu  marti yoo guyyaa du’a ishee gabaabse malee gonkumaa  bara angoo ishee dheeressuu hindanda’u.  Qeerroon Bilisummaa kafana soba TPLF bara dheeraaf marxifachaa turte sana irraa mulquun  bifa dhaloota ishee isa dhugaa, of-irrummaa siyaasaa fi dhiphummaa sanyiin guutame sana addunyaaf saaxileera.  Mootummaan ishee rommaa jiraachuu, ummata biratti jibbamtuu fi tuffatamtuu ta’uun ishee, akkasumas nagaa biyyattii eeguuf dandeettii fi amantaa gaha kan hinqabne ta’uu isheef labsii isheen baafatte kana caalaa ragaan hinjiru. Guyyaan isheen yeroo maayyiif angoo biyyatti irra fonqoltus fago hin ta’u.  Continue reading

Godina Shaggar Bahaa aanaa Fantaallee keessatti waraanni guddaan uummata Oromoo Karrayyuufi Wayyaanee jidduutti gaggeeffamaa jiru injifannoo Oromootiin ofdura tarkaanfataa jira.

Aside

Onkoloolessa 10,2016 ,Labsiin yeroo hatattamaa otoo hin labsamiin dura halkan eengaddaa waraana Wayyaanee ooraalii sagaliin bobba’e wajjiin waldura dhaabbatee, bifa haaraan jabaatee kan itti fufe waraanni kun, ganda Gidaaraa jedhamutti waraana Aga’aazii nama 6 galaafatee shan madeesse,

Guyyaa kaleessaasaa ammoo Ganda XUXXUUXXII jedhamtutti waraana oraalii 60, taankii 10fi elikooptara lamaan kan bobba’e gidduutti falmaa hadhaawaa gaggeesseen waraana diinaa 32 barbadeessee sadii jiraa booji’uun madoo konkolaataa ooraalii tokko hospitaala seensisee jiraachuun argameera.

Akka aadaa Oromootti eebba Abbaa Bokkuu gandaafi Qaalluu abbootii ayyaanaan waraana Oromoo Ayyaana Godaanaa Qumbiin eebbisanii waraana diinaa walgahanii abaaranii kan bobba’an yoo ta’u injifannoo guddaa galmeessuun humna diinaa kana bittinsanii of duuba dachaasuun addaateera. Continue reading

Labsiin Yeroo Hatattamaa Wayyaanee Aangoo irra tursuuf Wixxifata Mayii ti.

Aside

log(Kan Bishaan Nayyataa Jiru Homacha Qabata)

(Ibsa ABO)Labsii yeroo hatattamaa mootummaa haala gara garaa irraa labsamuu danda’a. Mootummootni labsii hatattamaa wayta haalli addaa biyyaa fi ummata biyyaa irratti yaaddoo uumuu fi balaa dhaqqabsiisa jedhanii yaadan uumamutti labsan.  Labsiin akkanaa ummataa fi biyyaaf dhimmuun labsamu mootummoota dimokraarawaa jalatti mul’ata. Labsiin Hatattamaa Wayyaanee Onkololessa 9, 2016 garuu mootummaa fi ummatootaa Itopiyaa balaa irraa hambisuuf osoo hin taane Wayyaanee/TPLF kufaatii irraa lubbuu itti dheeressuuf qofa kan labsame dha

Mootummaan Wayyaanee/TPLF labsii yeroo hatattamaa Onkoloolessa 9, 2016  murtii mana marii ministorootaan dabarfame Manni Marii bakka bu’ootaa hin raggaafne karaa Muummicha Ministeraa Wayyaanee Dessalenyi H/Maariyaamiin labsamee jira. Labsiin yeroo hattattamaa kun kan isa jalqabaa miti. Bara 1992 labsa fakkaataa prezidaantii alasii Mallas Zeenaawiin lola labsameen lammiileen Oromoo bakkayyuutti ajjeefamaa fi hidhamaa turan. Sababa labsii kanaan manneen hidhaa akka Huursoo fi Dhidheessatti lammiileen Oromoo daa’imaa hanga jaarsaatti kumma kudhanoota hedduun hidhamuu irraa lubbuun namota hedduu mooraa hidhaa kana keessatti dabreera. Hedduun ilmaan Oromoo mooraa kana keessatti Wayyaaneen giddirfamuu irraa  qaamaan hir’atuu  har’ayyuu ummata Oromoon ni yaadata.

 

Continue reading

Oromoon Roorroo Alagaa of irraa ittisuuf Qabsoo akkaan jabaattuu yeroo inni itti geggeessu amma 

Aside

 Noolee Buttaatiin!

Guyyaa Har’aa 9/10/2016 giti bittuu fi murna waraana Agaaziitiin waggoota 25n guutuu Uummata keenya reebaa baate, dhoksaadhaan ji’oota ja’aa oliif humna waraana Agaazii command post jedhamuun uummata keenya irratti ajjeechaa deettii  ta’e raawwachaa ture guyyaa har’aa jechuun Onkoloolessa 9/2016 ifatti biyyattii impaayeraa kana guutuuyyuu “labsa hatattamaa emergency state ” keessa buusuun beekamaadha!

Murni kun maqaa labsii hatattamaa jedhuun,Oromiyaa irratti uummata nagaa gooluufi shororkeessuuf akeekee jira.Kaayyoon gita bittoota kanaa salphina,qaanii, tuffatamaafi afaan qawweetiin garboomfannaa Abisiyaanotaa yeroo lammaaffaaf Oromiyaa irratti qiyyaafate ta’uun beekamuu qaba! Continue reading

Ethiopia: The TPLF/EPRDF Government has declared an official state of emergency in the Oromia region

Aside

HRLHA Urgent Action

October 9, 2016

HRLHAThe Ethiopian Prime Minister Hailamariam Dessalegn has informed the public  through the state run TV that a six month state of emergency has been declared as of October 8, 2016 because “the current situation in the country posed a threat against the people of Ethiopia”

Prime Minister Hailemariam Dessalegn indicated in  his emergency declaration that the Council of  Ministers  declared the state of  emergency after they discussed the damage caused by protests across the country during the past week.

HRLHA reported in its “Ethiopia: The TPLF Hidden Agenda of Reducing the Oromo Population Must be Stopped” on April 17, 2016 that the Oromia regional State has fallen under the TPLF Security intelligence officer generals’ control when they removed the civil administration and declared unofficial martial law as of Febrary 26, 2016. The recent declaration is designed to legitimize the previuos military administration of TPLF government.

Background:

The protests in Oromia regional state, which have continued steadily  since November 2015,   escalated  on October 2, 2016 after many Oromo people were killed by the Agazi force  on the ground supported by helicopter gunships at the Irrecha Festival – which left reportedly at least  600 civilians dead and thousands  wounded.

 

Continue reading