Wayyaaneen Marsaaleen Hawaasaa Akka Hin Banamne Irra Deddeebi’ee Ugguraa Jira.

Aside

14881485_687666158075975_895572066_oMootummaan Wayyaanee erga interneeta kutee odeeffannoon biyya keessaa akka jalaa ba’aa jirus hubachuudhaan hordoffii addaa taasisaa jira Marsaaleen hawaasaa adda addaa akka biyya keessatti hin banamne taasisaa jira.

Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth Australia Qeerroo Bilisummaa Cinaa Dhaabbachuuf Maree Taasisan.

Aside

Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisumma Oromoo magaalaa Perth, Australia, guyyaa harra (30/10/2016) walitti dhufuun akkamiin qeerroo biyya keessaa, bobaa diinaa jala ta’anii qabsa’a jiraniif akkamiin daran cimsee akka tumsu mari’atee, Akkuma kanas, haala kabajaa guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa irratti yaada wal jijjirre jirra. Continue reading

[Video] Yemane Ghebreab slams TPLF regime, makes Oromo protest sign at UN

Aside

Continue reading

MANNI MAREE MOOTUMMAA KANAADAA GOCHAA DHIITTAA MIRGA DHALA NAMAA IRRATTI MOOTUMMAAN WAYYAANEE GEGGEESSAA JIRTU MORMMAN.

Aside

https://youtu.be/YjhpkQ2nJRI?t=17

Maal Haabaasuuf Dhama Raasu

Aside

 Damee Boruutin

img_2763
Waan nama gadisiisu  guddaan tokko yaroo bara baraan guddachuu dhabnu dha. Bara kana keessa yaroo uummatni diina wajjin kokee wal qabee xinnaa fi guddaan Bahaa amma Dhihaa, Kaaba amma Kibbaa dhiiga isaa lolaasaa jiru akkuma bara darbanii  arrabaa fi abaarsa hojii keenyaa duraa godhachuun kan nama gadisiisu caalaa kan nama gaafachiisuu tahuu qabu. Gaaraa garumaan namootas tahee ijaarsota maqaa Oromoo mogaafatanii socho’aa jirra jedhan jidduu jiru amma diina wajjin hiriiroo hin galeetti  kan lamaffaa fi kannagaa hiikamuu danda’u dha.

Qabsoon uummata Oromoo yoom iyyuu caalaa har’a bakka tokkotti itituu qaba. Kana jechuun ijaarsonni kun halkan tokkotti tokko tahanii buluu qabu jechuu miti. Waan akka tokko hin taanee isaan godhe waan jiruuf amma sana furatan yaroo fudhachuun hammeenya hin qabu. Waan baayyee nama dhibuu fi guddachuu dadhabne nama jechisiisu, ijaarsan qaba jedhanii waa’ee kaayyoo ijaarsa ofii injifannoo ijaarsi isaanii qabsoo uummata Oromoof galmeesse himachuu irraa waan ijaarsi biraa hojjechuu dadhabe, waan ijaarsi biraa balleesse odeessaa ooluun tooftaa qabsoo isa duraa taheeargamuu isaa ti. Kanaaf immoo itti gaafatama duraa warri qaban warra ijaarsa qabna jedhan yoo tahu.  Warri isaan dhageenuus isaani irraa adda bahuu hin deenyu. Yaroo isaan ijaarsa biraa geeraruu qaban , kan ijaarsa kee qofaa nuuf himii achi irraa bu’ii jechuu qabna. Isa bareedaa hojjeeteef isa faarsinee isa hojjechuu dhadbabeef isa jajjabeesinee nagaa itti dhaamna.

 

Continue reading