Godina Arsii Keessatti Waraanni Wayyaanee Dhumaatii Ummata Oromoo Irraan Gahaa Jiru.

Aside

 

cropped-qeerroo-edit.jpg

Labasii Wayyaanee Hojii Irra Oolchuuf Jecha  Godina Arsii Lixaa fi Arsii Bahaa Keessatti Waraanni Agaazii Wayyaanee Gaga’ama Ajjeechaa fi Hidhaa Ummata Oromoo Irra Gahe Daran Ulfaataa Ta’uu Qeerroon Saaxile.

Onkoloolessa 29,2016

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

  1. Nageellee Arsii irraa kanneen hidhamaan *335*, kan ajjeefaman *70*, kan dhabaman hin beekkamne.

2. Kofale irraa kanneen hidhaman nama *87*, kan ajjeefaman *6 *kan dhabaman hin beekkamne.

3. Shaallaa fi Ajjee irraa kanneen hidhaman *400*, kan ajjeefaman *85*, kan dhabaman hin beekkamne.

4. Adaabbaa irraa kanneen hidhaman *65*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.

5. Dodola irraa kanneen hidhaman *77*, kan ajjeefaman *17*, kan dhabaman hin beekkaman.

6. Jaju irraa kanneen hidhaman *97*, kan ajjeefaman *5*, kan dhabaman hin beekkamne.

7. Saddiiqa irraa kanneen hidhaman *361*, kan ajjeefaman *16*, kan dhabaman hin beekkamne.

8. Munessa irraa kanneen hidhaman *345*, kan ajjeefaman *12*, kan dhabaman hin beekkamne.

9. Xiyyo irraa kanneen hidhaaman *180*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.

10. Heeban Goljootaa irraa kanneen hidhaman *213*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.

11. Digalu fi Xiijoo irraa kanneen hidhaman *235*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.

12. Qoree irraa kanneen hidhaman *311*, kan ajjeefaman *25*, Isaan keessaa Fayyisoo Gammadaa Xabboo fa’aadha. kan dhabaman hin beekkamne.

13. Leemmoo fi Bilbilloo/Boqqojjii irraa kanneen hidhaman *300, *ajjeefamanii fi dhabaman hin beekkamne.

14. Shirka Xannaa irraa kanneen hidhaman 700, kan ajjeefaman 2, kan dhabamn hin beekkamne.

Continue reading

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Onkoloolessa 28,2016

Aside

Continue reading

Aside

Waamich Dirmannaa Xumura Fincila Garbummaa fi

Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO!

Haala yeroo irratti MGS-ABO fi itti gaafatamaa Birkii Diplmasii biyya alaa J/Dr.Shigux Galataa, Miseensa hoggana WBO Zoonii Kibbaa fi J/Seenaa Dhugaa miseensa hoggana Qeerroo Bilisumaa irra ibsaa  ni kennama. Akksumsas haala qabsoo kenyaa irraa jiruu fi egereen qabsoo keenyaa irraatti marii bal’aan ni taasifama.

Kutaa ABO Scandinavia (Iskandiinaviaya) Guuyyaa Yaadannoo FDG wagga 11ffa bara kana bifa addaan yaadachuuf karoorfatee jira. Haala qabatamaan biyya keessatti raawwatamaa jiruu fi sadarkaa qabsoo keenya irra jiru  xiyyeefanna keessa galchuun; wareegama ilamaan Oromoo kaffalaa jiran galmaan ga’uun dirqama Oromoota hundaa ti.

Kanaaf Miseensonni, Deegartoonnii QBO fi Oromoon sabboonummaa Oromummaa qabnu hundi gumaacha qabsoo nugaafatu keessa;  addatti Tinnisa diingdee fi yaadaa gumaachuun  yaadannoo guyyaa FDG bara kana akka kabajaan isni afeerra.

Akkasumsa Artistoonni Oromoo Kanneen akka Hirphaa Ganfuree, Tottobaa Taddasaa fi Dangaa Hayile- Iyessuus sirboota qabsoo fi warraaqsaan hirmaattota walga’ii kan bohaarsuuf qopha’anii jiru.

Oromoon hundi Wareegama Oromoonni qabsoo Abbaa biyyummaa fi Bilisummaa isaanii baasa jiran galamaan ga’uuf gumaacha qabsoon nugaafatu ba’uuf koottaa waliin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO bira waliin haa dhaabbannu!

IUO!

Kotaa ABO Scandinavia!