Mana Hidhaa Qilnixxoo fi Mana Hidhaa Impayeera Itoophiyaa

Aside

Damee Boruu Irraa

Namootni tokko tokko damaqinsaa fi hubannaa gad fagaate dhabuu irraa kan ka’e dhiphuu fi jireenyi salphinaa kan saba Oromoo itti dhufe waggaa diigdamii shanii as qofa itti  fakkaata. Keessatti dhaloota qubee warri jennu kun dhalatanii kan dhidhiitamaa fi tumamaa guddatan Mootummaa TPLF jalatti waan taheef Mootummaa TPLF wajjin diddaan qaban kan hiikamuu fi araaramuu danda’u miti. Karaa biraa diddaan sabni isaanii Mootumaa Impayeera Itoopiyaa wajjin waggaa dhibaa fi shantumaa ol qabu kan hiikamuu fi araaramuu danda’u akka hin taane isaan hubachiisuun dirqama warra beeknu  akka tahe hubachuu qabna.

Bara Mootummaan Habshaa tokko kufuuf ka’u akkaata itti mootummaa haaraa Impayeera Itoophiyaa tiksu haaroomu irratti namootni qaamaan Oromoo tahan gahaa guddaa qabachuu isaanii seenaatu raga baha. Har’a illee dhiiga  ilmaan Oromoo akka bishaanii dhagalaasaa uummatni bal’aan Oromoo bilisa bahuuf dararamaa jiru irra tarkaanfatanii bu’aa lubbuu isaaniif argachuuf uummata Oromoo hidhaa Impayeera Itoopiyaa jalatti hambisuu wixxifachaa jiran arguun kan nama ajaa’ibu miti. Kan nama ajaa’ibuu qabu uummatni Oromoo akkasi dammaqee, mirga isaa fi dhima isaa hubatee ka’e yoo ayyaan-ilaallatota kanaaf gowwome mana hidhaa Impaayeera Itoophiyaa jalatti hafe dha. Gaafi sana hadheessamuu qabu Uummtni Oromoo humna TPLF cabsuu yoo qabaate harcaatuu Mootummaa Habshaa fi gantuu saba Oromoo cabsee abbaa biyyumaa isaa mirkaneefachuuf dirqama sabummaa qaba. Galami qabsoo godhamaa jiruu sadarkaa  ol’aanatti abbaa biyyumaa irratti xiyyeefachuu irraa eegama. Continue reading

Diraamaan  Maqaa jijjiramaatiin OPDO keechatti Raawwachaa Jiru Wayyaanee Badiirraa Hin Baraaru.

Aside

 Baarentuu Gadaa Irraa
Diina waggoottan 25n darbaniif nu weerartee; nusaamaa, nujjeesaa fi biyyaa nu godaansisaa  turtee fi jirtu wayyaanee akka kamittuu kaban qabsoo ummanni Oromoo taasisaa jirurraa baraaruun hin danda’amu. Ammaan achi eenyuyyuu dhufu wayyaanee fi ummata Oromoo walitti
araarsuu hin danda’u.
Wayyaaneen har’a  qabsoo Ummata Oromootin baaragdee kan qabduu fi gadi dhiiftu wallaalaa jirti. Ilmaan  Oromoo Kaan qaawween itti bobbaatee fixaa, kaan ammoo hololaan, kan hafe ammoo horiin burjaajeessuuf tattaaffin taasisaa jirtu amma hin qabu. Ibidda qabsoo Oromootin itti qabatee jiru, FXG ummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo itti qabsiisee jiru ofirraa dhaamsuuf asiif achi utaalaa jirti. yaalii ijibbaataa gaggeessaa jirti. Yaalii itti jirtu kana keessaa ammoo tokko ajjeechaa, hidhaa fi dararaa cinaatti holola yeroon itti darbe maqaa jijjiramaatiin OPDO fi ergamtoota ishii dhaaboolee bixxilte keessatti diraamaa  hojjechuudha. Continue reading