Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Onkoloolessa 11, 2016

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg     

  “Ofiinuu Duutii Maaf Of Huuti?” – Labsi ‘Yeroo Atattamaa’  TPLF labsite Ilaalchisee Ibsa Hooggana Jiddu-galeesa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname

Wareeegamni Qerroon Bilisummaa Oromoo gootummaan gumaachaa as gahe ummata keenya guyyuu gara Bilisummaa isatti dhiheessaa jiraachuun dhugaa haalamuu hindandeenye dha. TPLFtti guyyaan dukkanawaa dhufuu isaaf labsi isheen mata duree ‘yeroo atattamaa’ jedhuun labsite kana caalaa ragaan guddaan hinjiru. Qabsoo hadhawaa Qeerroon Bilisummaa geggessaa jiruun gartuun yeroo dheeraaf olaantummaa siyaasaan of bokoksaa turte kun guyyaa irraa guyyaatti caccabuu,salphachuu fi diigamuu erga eegaltee bubbulteetti.  Gootummaan Qeerroon agarsiisaa jiru mootota TPLF guyyaa saafaa abjchisuu erga eegalee oolee buleera.  

Labsiin TPLF ummata keenya  irratti labiste kunis Qeerroo Bilisummaa Oromoo caalmaatti qabsichaaf hiriirsa malee tasa of-booda kan hindeebifne ta’uun isaa  firaafis ta’e diinaa ifa ta’uu qaba. Ammaan booda taattaaffiin TPLF gootu  marti yoo guyyaa du’a ishee gabaabse malee gonkumaa  bara angoo ishee dheeressuu hindanda’u.  Qeerroon Bilisummaa kafana soba TPLF bara dheeraaf marxifachaa turte sana irraa mulquun  bifa dhaloota ishee isa dhugaa, of-irrummaa siyaasaa fi dhiphummaa sanyiin guutame sana addunyaaf saaxileera.  Mootummaan ishee rommaa jiraachuu, ummata biratti jibbamtuu fi tuffatamtuu ta’uun ishee, akkasumas nagaa biyyattii eeguuf dandeettii fi amantaa gaha kan hinqabne ta’uu isheef labsii isheen baafatte kana caalaa ragaan hinjiru. Guyyaan isheen yeroo maayyiif angoo biyyatti irra fonqoltus fago hin ta’u.  Continue reading

Godina Shaggar Bahaa aanaa Fantaallee keessatti waraanni guddaan uummata Oromoo Karrayyuufi Wayyaanee jidduutti gaggeeffamaa jiru injifannoo Oromootiin ofdura tarkaanfataa jira.

Aside

Onkoloolessa 10,2016 ,Labsiin yeroo hatattamaa otoo hin labsamiin dura halkan eengaddaa waraana Wayyaanee ooraalii sagaliin bobba’e wajjiin waldura dhaabbatee, bifa haaraan jabaatee kan itti fufe waraanni kun, ganda Gidaaraa jedhamutti waraana Aga’aazii nama 6 galaafatee shan madeesse,

Guyyaa kaleessaasaa ammoo Ganda XUXXUUXXII jedhamtutti waraana oraalii 60, taankii 10fi elikooptara lamaan kan bobba’e gidduutti falmaa hadhaawaa gaggeesseen waraana diinaa 32 barbadeessee sadii jiraa booji’uun madoo konkolaataa ooraalii tokko hospitaala seensisee jiraachuun argameera.

Akka aadaa Oromootti eebba Abbaa Bokkuu gandaafi Qaalluu abbootii ayyaanaan waraana Oromoo Ayyaana Godaanaa Qumbiin eebbisanii waraana diinaa walgahanii abaaranii kan bobba’an yoo ta’u injifannoo guddaa galmeessuun humna diinaa kana bittinsanii of duuba dachaasuun addaateera. Continue reading

Labsiin Yeroo Hatattamaa Wayyaanee Aangoo irra tursuuf Wixxifata Mayii ti.

Aside

log(Kan Bishaan Nayyataa Jiru Homacha Qabata)

(Ibsa ABO)Labsii yeroo hatattamaa mootummaa haala gara garaa irraa labsamuu danda’a. Mootummootni labsii hatattamaa wayta haalli addaa biyyaa fi ummata biyyaa irratti yaaddoo uumuu fi balaa dhaqqabsiisa jedhanii yaadan uumamutti labsan.  Labsiin akkanaa ummataa fi biyyaaf dhimmuun labsamu mootummoota dimokraarawaa jalatti mul’ata. Labsiin Hatattamaa Wayyaanee Onkololessa 9, 2016 garuu mootummaa fi ummatootaa Itopiyaa balaa irraa hambisuuf osoo hin taane Wayyaanee/TPLF kufaatii irraa lubbuu itti dheeressuuf qofa kan labsame dha

Mootummaan Wayyaanee/TPLF labsii yeroo hatattamaa Onkoloolessa 9, 2016  murtii mana marii ministorootaan dabarfame Manni Marii bakka bu’ootaa hin raggaafne karaa Muummicha Ministeraa Wayyaanee Dessalenyi H/Maariyaamiin labsamee jira. Labsiin yeroo hattattamaa kun kan isa jalqabaa miti. Bara 1992 labsa fakkaataa prezidaantii alasii Mallas Zeenaawiin lola labsameen lammiileen Oromoo bakkayyuutti ajjeefamaa fi hidhamaa turan. Sababa labsii kanaan manneen hidhaa akka Huursoo fi Dhidheessatti lammiileen Oromoo daa’imaa hanga jaarsaatti kumma kudhanoota hedduun hidhamuu irraa lubbuun namota hedduu mooraa hidhaa kana keessatti dabreera. Hedduun ilmaan Oromoo mooraa kana keessatti Wayyaaneen giddirfamuu irraa  qaamaan hir’atuu  har’ayyuu ummata Oromoon ni yaadata.

 

Continue reading