Dhumaatii Arsedee Booda Gaaffii Gubaa

Aside

Damee Booruun

black-irreechaaMootummaan Sanyii balfattuu TPLF uummata Oromoo daa’ima amatee habaaboo fi marga qabatee nagaa Waaqa isaa galata galchuuf qopha’ee irratti qileensa keessaa fi lafa irraan waraana  bantee Haroo Arsedee irratt gaafa Onkololessa 2, 2016 lubbuun Oromoo hedduu akka tasa badu gootee jirti. Mootumman kun hammeenya hiriyyaa hin qabne daddabaltee ilmaan Oromoo irratti akka raawwachaa jirtu raga barbaacha hin deemnu.

Dhuumaatiin Arsedee warra kaan irraa kan adda godhu itti yaadamee  plaanan hojii irraa ooluu isaa ti. Guyyaa kana akka Uummatni Oromoo milliyoonan lakkawamu ayyaanefachuuf bahu mootumaan kun bareechitee beekti.  Bakki kun bakka hojiin mootummaa fi qabeenyi mootummaa jiru miti. Namni mootummaaf hojjetu illee waan achi dhaquuf hin jiru. Kanfaauu, mootummaan  kun uummata Oromoo irratti waraana geggeessuuf qophii utuu  hin qabu tahe  waraanni qileensaa fi waraanni lafa bakka kanatti waan argamaniif sababni tokko illee hin jiru. Mootummaan TPLF karaa ifa taheen saynii Oromoo akka lafa irraa duguggaa jiru dabale daddablee addeesse. Continue reading

Ethiopian empire needs curative surgery instead of palliative one

Aside

Dr. Baro Keno Deressa

baroThe colonial ruling system in Ethiopian empire brought misery to all nations ( Oromo, Ogaden, sidama, gambella, benishangul, innocent Amhara, innocent Tigre …..etc ). Ones and for all this chronical cancer (colonial rule) is going to get lasting curative surgey by gallant sons and daughters of Oromo people and other nations. To achieve this goal radical resection of the system with his tentacles (like OPDO) is essential in order to bring real freedom, justice and peace

In case of malignancy,the goal of curative surgery is to remove the entire tumour with no residual disease (oncological R0 resection), which requires extensive resection of the surrounding tissues. Even if lymph nodes are histologically free of disease, molecular biological techniques reveal infiltration with cancer cells in 50% of cases.

The goal of palliative resection is to improve the quality of life, relieve pain and preventing obstruction without treating the origine of the disease. Continue reading

Yakka Waraanaa Ummata Oromoo Irratti Gaggeeffama Jiru Ilaalchisuun Ibsa Gamtaa Barattoota Oromoo(Oromo Student Union )

Aside

Yakka ajjeechaa Uummata Oromoo Ayyaanaa Irreechaaf bahee Onkololessaa 2/2016 sirni mootummaa ofiin jedhu Wayyaanee TPLF/EPRDFn rawwatamee lubbuu Ilmaan Oromoo 700 Olii wareegameef gadda guddaa nutti dhagahame. Gochaa  hammeenyaa saba Oromoo irratti fudhatame kanaanis  bakka jirruu hundatti sagalee mormii cimaan ibsacha kan jirruu amma irraa deebi’uun gaddaa keenya diddaa keenya jabeessuun haala waliigala Oromiyaan keessa jirtuu fi Walumaa galatti biyyatti keessa seentee jirtu ilaalchisuun Gamtaan Barattoota Oromoo (Oromo Student Union ) Ibsa gabaabaa qabxii 10 of keessaa qabu ummata Oromoof dabarse Continue reading

KALEESSA ISA HAR’AA HAWWINA TURRE !!!! HAR’A AMMOO!!

Aside

SEENAA  Y.G(2005)Gaaffiin Ummata Oromoo, wareegama qaalii Ilmaansaa kafalaa jiraniin  Ajandaa addunyaa ta’aa jira. Dhimmi Ummata Oromoo deebii hatattamaa argachuu akka qabu humnoota addunyaa dirqisiisaa akkuma jiru, deebii argachuu baannaan rakkoo dhalachuu maluuf illee , addunyaa dhiphisaa jira. Bilisummaan wareegamaan ala akka hin jirre itti amannee itti seenuun yeroo nu jalaa fudhateera. Wareegamaaf eenyullee nama hin dirqisiisuu. Wareegama akka nu gaafatu garuu barsiisuu fi amansiisuun waan jiraati. Adeemsa kana keessa dabarree har’aa irra geenyee jirra. Wareegama sodaachu keenyaan, diinni waggoota dheeraaf nurra bubbulee nu qorqee jira. Har’a garuu wareegama keenyaan, ofirra tarree abdii Ilmaan cunqurfamoo Biyya Itoophiyaa keessa jirru taa’aa jirra.

Continue reading

Artist Sabboontuu Oromoo Seenaa Salamon Waayee Dhumaatii Ilmaan Oromoo Irreechaa fi Bakkoota Adda Addaa Irratti Wareegaman Ilaalchisee Faarsuu Warraaqsaa “Biqiltuu Koo” Jedhuun Gadda Ishee Dabarsite.

Aside

SBO Onkoloolessa 09,2016. Oduu, Ibsa ABO fi Dhaamsa Addaa H/D ABO J.Daawud Ibsaa irraa darbe

Aside

Diddaan Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa Itti Fufee Daandiileen Cufaman.

Aside

GGO Ebla 15 JimmaOnkoloolessa 8,2016 /FXG Godina Jimmaattis jabaatuudhaan daandileen magaalota keessaa gara Yuuniversitiiwwan Jimmaatti geessaan irree gootota barattoota Oromoon kaleessaa kaasee halkan edaas itti buluudhaan cufameera. Waraanni agaazii halkan edaas gara Jimmaa yuuniversiti seenuun barattoota irratti tarkaanfi Barattootni Qeerroon Bilisummaa godina Jimmaa keessaa diina hidhannoodhaan guutame duubatti deebisuudhaan magaalicha dhuunfatanii daandiis cufuudhaan Injifannoo hin eegamne galmeessaa jiru.
Kana malee godinuma Jimmaa aanaalee adda addaa keessatti diddaan dargaggoota Oromoo Qeerroo haalaan jabaatee jiraachuu irraan loltooti Wayyaanee sadarkaa tohachuu dadhabuu irra gahanii jiru.

Godina Iluu abbaa Boooraa sochiin FXG haalaan jabaatee itti fufuu irraa kan ka’e poolisoonni Oromiyaa waan dargaggoota Oromootti dhukaasuu didaniif loltoota Wayyaanee Agaazii waliin walitti bu’aa akka jiranii fi yeroo amma wal dhabbiin isaan jidduu akka jiru beekamee jira.

Qabeenyi Hogganoota Wayyaanee Humna Hin Beekamneen Oromiyaa Keessa Dhabamaa Jira.

Aside

Onkolooleessa 08,2016, Magaalaa sabbataatti kan argaman warshaa BMT,warshaa uffataa Arbaaminci,warshaa shittoo,dhaabbata DST,warshaa abaaboo  dabalataanis manni jireenyaa tigirootaa  ganda 02  fi 08tti argaman gubatniiru. Kana malee sochiin itti fufee diimaa bakka jedhamutti warshaa biiraa meettaa sheh alhamuddin warshaa uffataa siyaagil 2, warshaa uffataa arbaamincii, konkolaataa daandiirra turan  wajjira gandaa 1,barbadeeffameera.
Konkolaataa warshaa ayikaa 14 caccabsaniiru. Onkoloolessa5,2016 magaalaa Alam Ganaa keessatti mana jireenyaa fi mana barumsaa diiguun,warshaa suuraa keentiri jedhamu gubuun lammileen Oromoo hin tahiin magaalitti lakkisanii akka bahan ta’ee jira.

Aaanaa Aqaaqii Qaallittiitti waajiirri poolisii walii gala tarkaanfiii humna addaatiin gubatee barbadeeffameetu jira. Arsii bahaa aanaa  Limmuu fi Bilbiloo ganda Gimbichuutti daandii addaan kutuudhaan riqichi guddaan caccabee jira. Akkasuma aanaa mertiittimmoo waajjirri ganda fi warshaan cuunfaa Afriikaa jedhamu humna addaatiin gubatee jira.
Magaalaa Shaashamanneetti magaazanni xaa’oo fi midhaanii gubatee jiraattonni Oromoo hin tahiin akka magaalitti gadilakkisan taasifamaa jira keessasttuu ilmaan tigooraa. Ganda baadiyyaaatti immoo waajjirri ganda gubaniiru. Aana gadab asaasattis magaazanni midhaanii gubatee jira.
Daandiwwan kaleessaa kaasanii Arsi lixaa fi Arsii bahaatti akkasuma baalee fi harargetti guutummaadhaan cufameetu jira. Ammas humini addaa  injifannoo kanaa oliif karoora bahe bakkaan gahuuf hanga dhumaatti itti fufeetu jira. Wayyaaneen sochii kana tasgabbeessuuf humna waraana fi meeshaa lolaa qopheessaa jirti.

Caasam Wayyaanee Godina Arsii Lixaa Keessaa Guutummaatti Badeera,Injifatnoon Qeerroo Bilisummaa Itti Fufe!

Aside

fxgOkoloolessa 08,2016, Guyyaa har’aa godina Arsii lixaa magaalota akka Kofalee, Shaashimannee fi kkf keessatti sochiin FXG Qeerroodhaan jabaatee jiru daran kan duuba hin deebine wayyaaneen humna hidhataa meeshaan ijaarame uumatatti erguun qbsoo amma sadarkaa bilisummaa irra gahe duubatti deebisuuf yaalii gootee jirti irree abbaa qabsoo Qeerrootiin diina kana dura dhaabbatuun uummatasaarraa duubatti deebisee jira. Haaluma kanaan godina Arsii lixaa aanaa Nagalleetti tarkaanfii humni hin beekamne fudhateen
1. Paarkii Sagoon
2.Hoteela Laanganoo fi
3.Mana jireenyaa qondaala ergamaa Wayyaanee tokkos hojii ala ta’uun beekama.
Guyyaa gaaafa Onkoloolessa 7/2016 qabsoo Qeerroon taasisaa jiruunis kanneen Wayyaaneef garaa tahanii hojjetan keessattuu kaabinoonni fi caasaan mootummaa Wayyaaneef amanamoo tahan akkasuma humni waraanaa fi poolisii godinicha keessaa kan gadhiisaa jiran akka tahe Qeerroon keenya gabaasee jira.
Aanaa Dallootti waajjralee fi manneen jireenya poolisoota Wayyaanee barbadeeffamaa ooleera.
Sochiin abbaan qabsoo Qeerroo Bilisummaa mootummaa Wayyaanee hundeedhaan raasee jiru kun xumura sirna mootummaa Wayyaaneetti gochuuf murteeffatee ka’een qabeenyi Wayyaanee Oromiyaa godina kam keessattuu kan hojiidhaan ala tahee jiruudha.
Godinuma Ars lixaa keessattti aanaa Loom Bilbilleetti waajjjiroonni gandaa shan (5)n daaraa tahanii jiru. Bulchiinsi wayyaanee guutummaatti godina Arsii lixaatti badeera caasaan qabsoo bilisummaa Oromoo Qeerroonis dhuunfataa jira. Alaabaan keenyas waajjirottaa fi magaalota keessatti fannifameera.