Oct 7,2016
Nuti barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa haala biyyaa keenya keessatti ta’aa jiru addatti humna shororkaa mootummaa abbaa Irreetiin uummata Oromoo irratti raawwataa jiru,keessattuu gocha uummata Oromoo waaqa Uumaa isaa kadhachuuf baherratti humna hidhannoo fayyadamee waraana lafoof waraana qilleensarra fayyadamuun ilmaan Oromoo egeree biyyattii ta’an qaqqalii kanneen lakkoofsaan 700 ol ta’an irratti dhukaasa banee lubbuu hanga kana daqiiqaa 30 gidduutti galaafachuu isaa gadi jabeessinee nii balaaleffanna,Akkasuma erga mormiin diddaa
Maaster Plaanii eegalee asitti qe’een Oromoo guyyaa tokkoof bohichaaf awwaalcha du’a suukanneessaa ilmaan isaa beektootaaf haayyootaa
bahanii galuu dadhaban dhabee hin beeku.Hidhaan uummata nagaarraa takkaa dhaabatee kan hin beekne yoo ta’u .Akkasuma gochaa duguuginsa
sanyii uummata Konsoorratti ganna darbe fudhatamee ilmaan uummata Konsoo barbadeessuuf waraana irratti labsamee lubbuun kumootaan
laakaahamu biyyaattii keessaa humna mootummaan of cinaa dhabuu keenyatti addatti gadda guddaan nutti dhaga’ama.Dabalataan uummata
Amaaraa irratti ajjeechaa raawwatamee hayyuuwwan qaroo biyya kana jijjiiruu danda’an barattoota adda duree of cinaa dhabuun keenya
godaannisa sammuu keenya keessa hin haqamne ta’uu jabeessinee hubachiisuu barbaanna.Gochi kun gocha addunyaarratti raawwatee hin
beekne ta’uu hubachiisuu feena.Mootummaa nama nyaataa Wayyaanee kana seenaan addunyaa akkuma Adolf Hitilar galmeessee jiru mootummaa
Dhiittaaf nama nyaataa ta’uu seenaa Addunyaa akka nuu bartu cimsinee nii gaafanna. Continue reading