Oromo TV: Ayyaan Irreechaa 10, 2016 Haroo Arcade bushooftuutti Dhamsa.

Aside

https://youtu.be/dAmRNWoS_Vk

Oduu Ammee:-

Aside

Oduu Ammee:- Hanga ammaatti reeffi ilmaan Oromoo Irreecha irratti wareegame, 180 lakkaawamee waajjiraa poolisii magaalaa DUKAM itti kennamuu misensi Qeerroo achii wajjiin harkasaatiin waliin rakkachaa jiran jiran gabaasan.
Dabalataan Dargaggoo lama bahinsa magaalaa Bishooftuu irratti Rasaasaan rkutanii galaafataniiru. Namootni reeffi isaanii hin argamiinis hedduun waan jiraniif walumaa galatti namootni lubbuun dabran yoo xinnaate 200/dhibba lamaa ol akka ta’an beekameera. Kana gubbaatti namootni hospitaala seenan 100 0l haala yaaddessaa keessa jiru.

Dhumaratti Abbaan Gadaa Oromoo Obbo Bayyanaa Sanbatoo poolisootaan akka malee tumamuun mirkanaayeera

 

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Yakka Waraanni TPLF Ayyaana Irreechaa Bishooftuu Hora Arsadeetti Rawwaatame Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa Gaddaa fi Itti Fufinsa Sochii Warraaqsaa FXG Gabaabaa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarse!!

Wayyaaneen TPLF yakka waraanaa duulaa duuguuginsa sanyii ummata Oromoo ayyaana Irreechaa Guyyaa har’aa Onkololeessa 2/2016 Magaalaa Bishooftuu Hora Arsadeetti kabajachuuf bahee irratti Waraana lafoo fi humna qiilleensa xiyyaaraa Waraanaa fayyaadamuun uummata civilii irratti baneen lubbuun ilmaan Oromoo 280 olii Wareegamanii fi hedduminaan madeeffamaniif gabroomfataan Itoopiyaa Wayyaaneen itti gaafatamaadha!!

Uummatni Oromoo mootummaa mataa isaa kan bilisummaa fi walabummaa isaa kabachiisuuf dhabuu irraa dhiittaan mirga dhala namaa kan waggoota 120 ol irratti deeme as dhihootti ammo ji’oota 11 olii kan irratti raawwatamaa turee fi guyyaa har’aa immoo addatti uummata Ayyaana İrreechaa Hora Arsadee kabajachuuf bahee irratti yakki waraanaa,  humna waraana lafoo fi humna qilleensaa  fayyadamuun bakka uummatni Oromoo miliyoonaa olitti tilmaamaman argamanitti ajjeechaa jumlaa  irratti raawwatamee eenyumaa Wayyaanee kan argisiisuufi kufaatii sirna TPLF dha. Continue reading

Down down Woyane!! jechuun Qeerroon Bilisummaa Warraaqsa FXG Gaggeessaa Jiru.

Aside

Helicopter Wayyaanee TPLF Ummata Oromoo Nagaan Irreefatu Irratti Gaaza Roobsaa Oole. Lubbuu Namoota Hedduu Galaafate.

Aside

Onkoloolessa 02,2016) Ayyaanni Oromoo Guddichi Irreechi Tarkaanfii Diinaa Dhiiga Ilmaan Oromoo Dhibbaa ol Dhangalaaseen Boora’e, Oromoof Sanbata Gurraacha!

Aside

(Ibsa ABO)

logUmmatni Oromoo Ayyaana uumaa isaaf galata itti galchu wagga waggaan Oromiyaa keessatti kabaja. Ayyaanni kun addatti ammoo lammiilee Oromoo Oromiyaa mara keessaa walitti dhufuun Har-Sadee Bishooftuutti kabajamu isa ol aanaa dha. Irreecha wagga waggaan kabajamu kana mootummaan Wayyaanee/TPLF danda’ame hanqisuuf dadhabame ammoo karaa jalee isaa OPDO, tikoota siivilii uffatanii fi humna waraanaan hanqisuuf karoora itti baafatuun yeroo dheeraaf sosso’aa akka ture ni yaadatama.

Ayyaana Irreeffannaa kana waltajjii siyaasaa mootummaa farra-ummatootaa godhatuun fedhii siyaasaa ofii ittiin guuttatuufis, deggertoota mootummaa gandoota Oromiyaa keessaa Har-Sadeetti akka argaman gochuu, akkasumas, bakka Irreeffannaatti baandii muuziqaa qopheessuu fi jalbultii ayyaana kanaa fiigichoo gosa adda addaa qopheessuun fuula mootummaa ittiin miidhagsuuf maallaqni irratti dhangalaafame hedduu dha. Kana malees ummatni Oromoo Ayyaana Irreechaa irratti baay’inaan akka hin argamneef karaa cufuutti dabalee geejjibni akka hin sossoone taasifamuun ummata jalaa dhokataa miti. Kanneen hundi Ayyaana Irreechaa tohannoo mootummaa jala galchuuf yaadamee hojjataman. Continue reading

Video lee Irreecha Bishooftuu Guyyaa Har’aa Toora Kana Keessaa Argattu.

Aside

Haala Irreecha guyyaa har’aa irratti  ture Video lee hedduu kana keessa saaqachuun argattu

Continue reading

Gootatu Dhale ABOn Bishooftuu Gale Jechaa Alaabaa ABO Mallattoo Oromummaa Baatanii Garmaamaa Jiru.

Aside

Sochiin Mormii Sirna TPLF Itti Fufee Magaalaan Buraayyuu Cufamuun Warraaqsi Qabatee Jira.

Aside

Fulbaana 2,2016 ! Yeroo ammaa kana ajjeechaa Magaalaa Bishooftuu irratti raawwate irratti uummati gadduun Magaalaa Buraayyuu cufuun sochii fincilaa irra jiru. Hawaasi Kattaa Buraayyuu humna poolisii Oromiyaa of keessaa arii’ee jira! yeroo ammaa kana Uummata Magaalichaa rukuchiisuuf humni waraanaa gara sanatti fe’amaa jira.

Ummata Oromoo Ayyaana Irreecha Arsadee Irratti Argamtan Maraaf, Dhaamsa Ariifachiisaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa!

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

#OromoProtests #Dhaamsaa_Ariifachiisa Uummata Oromoo Hundaaf Uummatni keenya nagaa Ayyaanaa Irreechaa kabajachuuf manaa bahee irratti dhukaasaa banuun yeroo amma kana lubbuun namoota hedduu Wareegamuun ibsame jiraa, Kanaafuu Uummatni Oromoo Hora_Arsadiitti argamtaan hanga ilmaan Oromoo Wareegamaan kaafattanitti akka bakka jirtanii hin sochoonee (hin bittinnoofnee) Jenna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

 

Continue reading