SEENAA Y.G(2005) kutaa 4ffaa fi xumuraa
Barreeffamoota kiyya kutaa 3n dhiheesse keessatti, Adeemsa siyaasaa fi sochii akkasumas, Muuxannoo Biyyoota adda addaa gama hundaan gaggabaabsee kaaseen jira. Xiyyffannaan kiyya, sadarkaan qabsoo Oromoo irra jiru kan nu akeeku, waan kana booda hojjannuf qormaataa fi qophii gama hundaa akka nu barbaachisuudha. Keessa keenyatti wanni umamaa jiraate, alaa waan nu eeggataa jiru nu dagee jira. Har’a garuu osoo hin jaalannee, keessa keenya tasgabbeessinee, gara alaatti waan iaaluu qabnuu nutti dhihaachaa dhufeera. Kana ammoo, bu’aa keenya waliin madaallee irratti hojajchuuf, tattaaaffii qaama tokko osoo hin taanee, hunduu akka beekumsaa fi dandeetti isaatiin waliif birmatu qabu irra geenye jirra. Kanaafan muuxannoo Biyyota adda addaa kaasee . waan isaan mudate irraa waa baranna. Hanqinaa fi jabiina isaanii irraa barnoota arganna. Waan nu eeggatu hedduu qabnaa. Yoo kanneen adda baafnee keewwannee, mooraan qabsoo Oromoo walii galaayyuu nagaa argata. Kan gara keessaatti ILAALUU QOFAA qabsoo taasifatee jiru ija banachuun dirqama isaatii. carraan wayyaanee umuriin dheerachuuf yaaltu irra, carraa nuuti wayyaanee kuffisuuf qabnuutu bal’aadhaa. Kana dhiiga ijoollee keenyaan dhugeessinee jirra. Qalbiin keenyas, kana booda waa’ee wayyaanee qofa osoo hin taanee, Oromiyaa fi addunyaa ilaaluutti tarkaanfatu qaba. haasaa golaa fi alaa adda baafachuun gaariidha. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk