OLF is the immune system of the Oromo nations

Aside

Dr Baro KenoBy. Baro keno Deressa

OLF is an organization established in 1973 by Oromo nationalists to culminate the uncoordinated resistance by brave sons and daughters of Oromo people against colonialist hegemony as well as oppression and suppression of the Oromo people and their culture and to promote self-determination for the Oromo people against “Abyssinian colonial rule”.  The birth of the OLF was a turning point in the history of Oromo people’s struggle for freedom. Now, nationally and internationally the Oromo people are intensifying the struggle for its rights more than any time in the history of the Liberation struggle.  Our struggle is now transforming from limited sector of the nation to the popular revolution.  The OLF articulated the Oromo national question and skillfully set the target for the Oromo national struggle. As an organization the OLF deserves all the credit for almost all political gains achieved by the Oromo people.

Why the OLF is the immune system of the Oromo people?  Firstly, what is immune system?

The immune system is made up of a network of special cells, proteins, tissues, and organs, defends people against germs and microorganisms every day in order to keep people healthy and preventing infections. The immune system is the body’s defense against infectious organisms and other invaders, through a series of steps called the immune response, the immune system attacks organisms and substances that invade body systems and cause disease. Continue reading

TOKKUMMAAN  HUMNA !!!!èèè HUMNA TOKKUMMAA !!!!

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  4ffaa fi xumuraa

Barreeffamoota kiyya kutaa 3n dhiheesse keessatti, Adeemsa siyaasaa fi sochii akkasumas, Muuxannoo Biyyoota adda addaa gama hundaan gaggabaabsee kaaseen jira. Xiyyffannaan kiyya, sadarkaan qabsoo Oromoo irra jiru kan nu akeeku, waan kana booda hojjannuf qormaataa fi qophii gama hundaa akka nu barbaachisuudha. Keessa keenyatti wanni umamaa jiraate, alaa waan nu eeggataa jiru nu dagee jira. Har’a garuu osoo hin jaalannee, keessa keenya tasgabbeessinee, gara alaatti waan iaaluu qabnuu nutti dhihaachaa dhufeera. Kana ammoo, bu’aa keenya waliin madaallee irratti hojajchuuf, tattaaaffii qaama tokko osoo hin taanee, hunduu akka beekumsaa fi dandeetti isaatiin waliif birmatu qabu irra geenye jirra. Kanaafan muuxannoo Biyyota adda addaa kaasee . waan isaan mudate irraa waa baranna. Hanqinaa fi jabiina isaanii irraa barnoota arganna. Waan nu eeggatu hedduu qabnaa. Yoo kanneen adda baafnee keewwannee, mooraan qabsoo Oromoo walii galaayyuu nagaa argata. Kan gara keessaatti ILAALUU QOFAA qabsoo taasifatee jiru ija banachuun dirqama isaatii. carraan wayyaanee umuriin dheerachuuf yaaltu irra, carraa nuuti wayyaanee kuffisuuf qabnuutu bal’aadhaa. Kana dhiiga ijoollee keenyaan dhugeessinee jirra. Qalbiin keenyas, kana booda waa’ee wayyaanee qofa osoo hin taanee, Oromiyaa fi addunyaa ilaaluutti tarkaanfatu qaba. haasaa golaa fi alaa adda baafachuun gaariidha.  Continue reading

SBO: Hagayya 24 bara 2016. Oduu, Tarkaanfii boonsaa Atleet Fayyisaa Leellisaa fudhate irratti ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii dargaggoo Abdii Bilisummaa waliinii kuta Xumuraa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 23, 2016

Aside

VOA Afaan Oromoo – Atileeti Fayyisaa Leellisaa yaaddoo garaa na bultetti cabsee ba’ee, ummata kiyya waliin dhaabachuuf mormii agarsiiise jedhe

Aside

“Anaan natti tolee jirachuu hin barbaadu” Hawwisoo WBO

Aside

Fayyisaa Lalisaa

Gooticha Maraatoonii Fayyisaa Lalisaa

https://youtu.be/gkXFnnBb2-o

Aside

2  SQ (1)

Korri Bakka Bu’oota Qeerroo Bilisummaa Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Gaggeefame Murtiilee Jajjabaa Fudhachuun Xumurame.

Aside

Qeerroo Bilisummaa

Qeerroon Bilisummaa Godina Wallaggaa walitti dhufuun Leeqaa Naqamtee kora isaa magaalaa Naqamtee keessatti godhateen injifannoon xumuree jira.
Hagayya 22/08/2016 Qeerroon godina Wallaggaa bahaa magaalota kanneen akka Kiiramu,Giddaa ,Shaambuu,Gimbii,Dambi Doolloo fi Arjoo bakka jedhamu irraa walitti dhufuun  kora isaanii magaalaa Naqamtee keessatti tasifatani jiru.

Qeerroo Bilisummaa

Qeerroo Bilisummaa

Marii isaanii kana irrattiis gara fuulduraatti sochii Qeerroo bilisummaa Oromoon guutummaa Oromiyaa mara keessatti adeemsifamaa jiru keessatti adda dureen hirmaachuuf waadaa isaanii haaromsatanii jiru.
Haaluma kanaan korri Qeerroo leeqaa Naqamtee sochii qabsoo Qeerroon godhamaa jiru keessatti faayidaa dhuunfaa isaaniif qabsaa’uu otoo hin taanee dantaa saba isaaniif dursa kennuun kutannoon qabsaa’uuf walii galtee isaanii cimsatanii akka  jiran beekamee jira.
Ba’aan garbummaa saggo abbootii keenyaa qunciisaa tures asumatti hundeen unkuteessinee  yeroo kamiyyuu caalaa murannoon uummata isaaniitti abdii horuuf  qoophii ta’uu isaanii  waadaa isaanii kana irratti walii galanii  jiru.
Qeerroon Leeqaa Naqmtee akkuma beekamu warraaksa biyyaalessaa guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jirru keessatti qooda guddaa fudhachuudhaan injifannoo cululuqaa fi boonsaa ta’e ilmaan oromoo mara birattillee fakkeenya gaarii agarsiisuudhaan mootummaa wayyaanee boqonnaa dhorkaa jiraachuun isaanii beekamaadha. Bilisummaa saba keenyaaf yoomiyyuu taanaan halkaniif guyyaa osoo hin jedhin dirqama fudhannee addattimmoo humnoota qabsoo bilisummaa saba keenyaa gufachiisuuf socho’an irratti tarkaanffii laalessaa fudhachuuf qoophii ta’uu isaaniis kora isaanii kana irratti waliigalanii akka jiran beekamee jira.