Qeerroon Bilisummaa Godina Wallaggaa walitti dhufuun Leeqaa Naqamtee kora isaa magaalaa Naqamtee keessatti godhateen injifannoon xumuree jira.
Hagayya 22/08/2016 Qeerroon godina Wallaggaa bahaa magaalota kanneen akka Kiiramu,Giddaa ,Shaambuu,Gimbii,Dambi Doolloo fi Arjoo bakka jedhamu irraa walitti dhufuun kora isaanii magaalaa Naqamtee keessatti tasifatani jiru.
Marii isaanii kana irrattiis gara fuulduraatti sochii Qeerroo bilisummaa Oromoon guutummaa Oromiyaa mara keessatti adeemsifamaa jiru keessatti adda dureen hirmaachuuf waadaa isaanii haaromsatanii jiru.
Haaluma kanaan korri Qeerroo leeqaa Naqamtee sochii qabsoo Qeerroon godhamaa jiru keessatti faayidaa dhuunfaa isaaniif qabsaa’uu otoo hin taanee dantaa saba isaaniif dursa kennuun kutannoon qabsaa’uuf walii galtee isaanii cimsatanii akka jiran beekamee jira.
Ba’aan garbummaa saggo abbootii keenyaa qunciisaa tures asumatti hundeen unkuteessinee yeroo kamiyyuu caalaa murannoon uummata isaaniitti abdii horuuf qoophii ta’uu isaanii waadaa isaanii kana irratti walii galanii jiru.
Qeerroon Leeqaa Naqmtee akkuma beekamu warraaksa biyyaalessaa guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jirru keessatti qooda guddaa fudhachuudhaan injifannoo cululuqaa fi boonsaa ta’e ilmaan oromoo mara birattillee fakkeenya gaarii agarsiisuudhaan mootummaa wayyaanee boqonnaa dhorkaa jiraachuun isaanii beekamaadha. Bilisummaa saba keenyaaf yoomiyyuu taanaan halkaniif guyyaa osoo hin jedhin dirqama fudhannee addattimmoo humnoota qabsoo bilisummaa saba keenyaa gufachiisuuf socho’an irratti tarkaanffii laalessaa fudhachuuf qoophii ta’uu isaaniis kora isaanii kana irratti waliigalanii akka jiran beekamee jira.