Dhadannoo Gootitti Shamarree Oromoo Dalloo Mannaa “Wayyaaneen nu hin bulchu! ABO tu nu bulcha”

Aside

Bordodde, Dirree Qaalluu

Aside

Bordodde Dirree Qaalluu Bordoddee

Dhangaggoo Baha Harargee

Aside

SBO: Hagayya 10 Bara 2016. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii fi Gaafii fi deebii Dura taa’aa Konyaa ABO Miniyaapoolis Jaal Soorii Sinyoon waliin taasifame Akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SBO: Hagayya 10 Bara 2016/

Aside

Sirna Gaggeessaa Awaalcha Barataa Amanu’el Girmaa Magaalaa Naqatee Keessatti Alaabaa ABOn Kuulamee Kabajaa Gootummaa Guddaan Gaggeefame.

Aside

IMG_20160808_095115 IMG_20160808_095808 IMG_20160808_095902 IMG_20160808_100007 IMG_20160808_100105 Screenshot_2016-08-08-15-28-21Hagayya 07/08/2016 Sirni geggeessaa awwaalcha barataa Amaanu’eel Girmaa kan guyyaa gaafa hagayya 06/08/2016 Magaalaa naqamtee naannoo boordiitti kan wareegamee alaabaa adda bilisummaa oromoodhaan faayyamee geggeessaan Isaa raawwatee jira.
Sirna geggeessaa isaa irrattis dhaadannoolee dinqisiisoo fi wallewwaan warraaksaa dhageessifamaa oolanii jiru.
Uummanni magaalaa naqamtees sirna geggeessaa barataa Amaanu’eel girmaa irrattis diddaa mootummaa wayyaaneef qaban guutummaattis sagalee isaanii dhageessiffachaa  akka oolan beekamee jira.
Gara fuula duraattis tokkummaan kaanee mootummaa wayyaanee hundeen buqisnee guutummaa oromiyaa keessaa baasuus qabna jechuun geggeessaa barataa Amaanu’el xumuranii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees Sirna geggeessaa awwaalchaa barataa Amaanu’eel dhorkuuf yemmuu yaalutti qeerroon magaalaa naqamtee garuu sodaa tokko malee dhaadannoo dhageesisaa geggeessaa barataa kanaa akkanni raawwatamu godhanii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees akkuma amala isaa uummata karaa nagaan Sirna awwaalchaaf ba’an irratti dhukaasa banuun uummata nagaa goolaa akka oole maddeen keenya ifa godhu.