Aside

Waxabajjii 2,2016/Barattooti Oromoo Kolleejjii Barsiisota Maattuu Baratan 6 Badiin Tokkoon Malee Barnoota Irraa Arihamuu Itti Gaafatamaan Kollojjechaa Ato Yidneqacho Tasfaye Barattoota Beeksisan.

Baratooti maqaan isaanii kanaa gadii yeroo ammaatti kanneen arihamani dha.

  1.  Masfiin Abdataa barataa sportii waggaa 2ffaa
  2.  Yoonaas Urgeessaa bartaa isportii waggaa 3ffaa
  3. Shibbiruu Abdiisaa barataa Sportii waggaa 2ffaa
  4.  Daani’eel Caalaa barataa ispoortii waggaa 3ffaa
  5. Baayisaa Daksiisaa barataa sifiikii waggaa 3ffaa
  6. Sanbataa Wandimmuu baraataa waggaa 2ffaa

 

Godina  Kaaba Shaggar Saalaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Gabra Gurraachaatti  gaggeeffamee irratti  Tarkaanfii Diinummaa Waraanni Agaazii fudhateen Sabboonaan Oromoo Obboo Toleeraa Ijaaraa Wareegamuu Qeerroon gabaase.

Aside

Waxabajjii 01/2016 Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa Caamsaa 30/2016 n guyyaa har’aa Uummatni Oromoo kumootaan lakka’aman dhaadannoo fi dheekkamsaa guddaa dhageesisuun sirni awaalcha isaa rawwate.

 Guyyaa dheengaddaa Salaalee gabra Gurraachaatti Warraaqsii jabaan qabsiifamee gaggeeffamaa oluu gabaasuun keenya ni yaadatama. Warraaqsaa kana irratti tarkaanfiin diinummaa  waraanni agaazii wayyaanee gaasii Summaa’a uummatarratti dhukaasuun fudhateen sabboonaan Oromoo Obboo Toleeraa Ijaaraa abbaan maatii ijoollee sadii kan qabu ukkanfamee Wareegamuun isaa uummata Oromoo Aanaa Kuyyuutti kan dhagaa’amee fi hedduu dheekkamsiisaa jiru yoo ta’uu guyyaa har’aa Sirni awwaalcha isaa Aanaa Kuyyuu Gabra gurrachaatti bifa adda ta’een bakka sabboontootni fi qeerroon dargaggootni Oromoo argamanitti uummata gara kuma 4000 olitti lakka’amuun kan gaggeeffame ta’uu madden keenya Gabra Gurraacha irraa gabaasan. Uummatni oromoos Toleeraa Ijaaraa Kaayyoorratti wareegamee kaayyoo Toleeraa Ijaaraa goonni Oromoo kun irratti wareegamees galmaan ni geenya, dhumnee dhabamna malee mootummaa gabromsaa jalatti deebinee hin bullu jechuun dhaadannoo guddaa dhageesisuun sirni awwaalcha isaa bifa adda ta’een gaggeeffamera. Waraabbii video fi suuraalee sirna gaggeessaa sabboonaa Oromoo kana irratti waraabame waan qabnuuf kan isin qaqqabsiifnu ta’uu ni hubachiifna!!

Aside

Because I am OromoWaxabajjii  2/2016 Hidhamtootni Oromoo 32’n Kanneen  Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Boolee Keeaatti Utuu Afooshaaf Walitti Qabamani Jirani Qabaman Guyyaa Kaleessa Waxabajjii  1/2016 Wayita Mana Murtii  Lidetatti Dhiyeeffamanitti Uffata Gaddaa Uffachuun Hacuucaa Fi Daraaraa Irra Ga’aa Jiru Balaaleffatan.

   Mani murtii Wayyaanee qofaaf dalaguu fi ilmaan Oromoo irratti daba dalaguu irraa duubatti hin deebine ilmaan Oromoo daraaraa fi hirraasa maqaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamaanii fi gochaa suukkaneessa isaan irra ga’aa jiruu fi sobaan himatamaa jiraachuu balaaleffachuun uffata  gaddaa uffataan aangawootni abbaa irree Mana murtii wayyaanee wal ta’uun  Uffata isaanii kana dirqamanii akka baafatan gochuun mirga namummaa irraa sarbee uffata irraa baasuun gara mana hidhaa Qilinxootti kan deebise ta’uu saaxilame.

 Hidhamtootni ilmaan Oromoo mirga hidhamaan seeraa tokko illee qabu dhabuun uffata  gaddaa maaf uffattaan jedhamani illee utuu hin gaafatamiin uuffata isaanii kana akka of irraa baafatan dirqisiifamuun kan baafatan yoo ta’uu mirgi dhala namummaa isaanii sabamaa jiraachuun hubatamee jira.

    Walumaagalatti haalli qabinsa mirga hidhamtoota Oromoo yeroo irraa gara yerootti hammachaa fi haalaan kan nama gaddisiisuu ta’aa waan jiruuf Dhaabbileen mirga namummaa Addunyaa Amenisty International , Human Right watch , Dhaabbileen mirga Dhala namaa Gaafa Afrikaa, mootummootni fi biyyootni  leelliftummaa mirga dimookiraasii fi dhala namaaf waardiyaa dhaabbattan ilmaan Oromoo manneen hidhaa Impayera Ethiopia bakkoota garaagaraa keessatti dararamaa jiraniif dirmannaa akka gootan Qeerroon bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun dhaamasa dirmannaa dabarfanna!!

Godina Kibba Lixa Walisoo M/B Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa akkasumas Walisoo fi Magaalaa Walisoo keessatti FXG itti fufe.

Aside

Itti fufaWarraaqsii  FXG marsaa 5ffaan kun Godina Walisootti Caamsaa 26 /2016 Irraa eegaluun kan eegalee fi addatti immoo goototni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina  Garesuu Dhukii adda durummaan warraaqsaa kan finiinsan yoo ta’uu, mootummaan Wayyaanee Tajaajila network balleessuu irratti xiyyeeffachuun sochii uummata ukkamsuuf yaalii gudda godhus warraaqsii FXG kun afaan qawwee fi loltuun ukkanfamuu kan hin dandeenye ta’uun itti fufuun warraaqsii daran jabaachuun finiina jira. Goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jirruu fi mirgi bilisummaa saba keenya hanga kabajamuu fi waraanni wayyaanee Oromiyaa fi dhaabbilee barnootaa gadhiisee hanga bahuutti warraaqsii FXG hin dhaabbatu, qormaata utuu hin baratiin hin qoramnu, sirni barnootaa waraanaan nu jalaa uggurameef mootummaan wayyaanee itti gaafatamuu qaba, hidhamtootni Oromoo hundi haalduree tokko malee haa hiikaman jechuun gaaffii isaanii finiinsuun warraaqsa qabsiisan. Sochii Warraaqsaa Oromiyaa godinichatti jabaachaa dhufuun wal qabatee waraanni agaazii gootota barattoota Oromoo M/B Garesuu Dhukii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa mooraa mana barnootaa seenuun barattoota waraana agaaziin kan goolaa jiruu ta’uu fi barattootni Oromoo 6 humna waraana agaaziin ukkanfamuu kan hidhaman ta’uun ibsame jira.  Barattootni Oromoo Wallisoo M/B Garasuu Dhukii irraa ukkanfaman

1.       Barataa Misgaanaa Dhiinsaa , kutaa 9ffaa

2.       Barataa Guutamaa Rundaasaa, kutaa 9ffaa

3.       Barataa Alamayyoo Rundaasaa, kutaa 9ffaa

4.       Barataa Xurunaa Kitaabaa,  kutaa 10ffaa

5.       Barataa Waggarii Birhaanuu , kutaa 9ffaa kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 6 humna waraana agaaziin kan ukkanfamani hidhatti darbataman ta’uun ibsame jira. Humni waraanaa agaazii fi poolisiin federaalaa gara godina kanatti guuramaa jiraachuun ifa ta’eera. Warraaqsii uummataa Godina Kibbalixa Shaggar Walisoo magaalaa hanga gandoota baadiyyatti illee yeroo irraa gara yerootti jabaachaa jiraachuu madden Qeerroo Magaalaa Waliisoo irraa gabaasan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Waxabbajjii 2,2016

Aside

Caamsaa 31, 2016 Godina  Lixaa Shaggar  Aanaa Ada’aa Bargaatti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaan Gootota barattoota Oromoo M/B Sadarkaa 2ffaa fui Qophaa’inaa Incinniitiin guyyaa kaleessa irraa eegaluun finiinee itti fufe!!

Aside

Itti fufaSochii warraaqsaa FXG marsaa 5ffaan kun daran jabaachuun goototni barattootni Oromoo Aanaa Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii fi M/B Incinnii  keessatti qabsiisan Nuti Barattootni utuu torbee tokkoillee nagaan hin Baratiin baatii 6 guutuu mirga uummata keenya sarbameef gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgoota namummaa fi dimookiraasii dhiyyeeffachuun hanga har’aa deebiin tokko illee nuuf kennamuu dhabuu fi torbee tokko illee nagaan sirni baruu fi barsiisuu utuu nuuf hin kennamiin qormaata kutaa 12ffaa fi 10ffaa Oromiyaa keessatti barattoota Oromoof kennuun dabaa fi Shira ittin uummata Oromoo miidhuuf dalagamaa jiru waan ta’eef ni balaaleffanna jechuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argatuu fi bilisummaan uummata keenyaa mirkanaa’utti warraaqsaa keenya isa xummuraaf gaggeessa jirruu irraa duubatti hin deebinu jechuun bifa haaraan warraaqsa dhoosuun diina wawwachisaa jiraachuun ibsatan.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraana isaa barattoota irratti bobbaasuun Barattootni Oromoo  hedduun isaanii humna waraanaan qabamuun Magaalaa Incinnii irratti hidhamanii jiran keessa barattootni Oromoo 4 immoo humna waraanaan butamanii eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame jira. Sochiin warraaqsaa FXG uummata Oromoo humna Waraanaan dhaabbachuu hin danda’u guyyaa ha’as  Godinaalee Oromiyaa  garaagaraa keessattis itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Qophii Qaanqee Show Caamsaa 30,2016

Aside

Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan, hagamuu yoo ture, yakka dalaganiif itti gaafatamu:Oduu yakkamtooti Mootuommaa Ixoophiyaa dhagahuu hin barbaanne

Aside

Leelloo Sabaatiin, Caamsaa 2016

Hayle mariyaHaburee Manni murtii addaa kan Tokkumaa Afriikaa biyya Seneegaal keessatti, prezedaantii biyya Chaad kan duraanii Hiseen Habree hidhaa umurii guutuu, kaleessaa gaafa 30/05/2015 itti murteesseera. Bara 1982 irraa hanga bara 1990tti, yeroo  prezedaantii Chaad turetti, nammi kan aangoo cimaa kan  qabu  fi guddoo  sodaatamaa ture . Bulchiinsi isaa, humna poolisaa hamaa kan ummata nagaa: ajjeessaa, guraaraa (hiraarsaa), hidhaa, koreentiin gubaa,  fi gudeedaa  turee dha. Bulchiinsa nama kanaa jalatti, ummata Chaad kuma afurtamaa olitu  poolisa inni ajajuun  ajjeeffame. Yakka kana ummata Chaad irratti oggaa raawwataa turetti, nammi kun, guyyaa tokko aangoo irraa darbamee yakka isaatiif seeratti dhiyaatuu akka danda’u tasumaa yaadee hin beeku. Tuffii ummata Chaadiif qabu irraa, ummatni kun, guyyaa tokko,  aangoo irraa isa buusee seeratti dhiyeessuu akka danda’u itti hin dhagahamu ture. Haa ta’u malee, yakka inni hojjeteef, aangoo iraa buusee seeratti dhiyeessuuf, qabsoo ummatni Chaad obsaa fi muratnoon  gegeessen, aangoo irra darbamee seeratti ni dhiyaata jedhamee kan hin yaadamne Hiseen Habree, seeratti dhiyaatee, mana murtii tokkummaan Afrikaa dhaabeen,  hidhaan umurii guutuu itti murtaahe.

Yakka ummata isaa irratti dalage kanaaf, seeratti dhiyeeffamee itti gaafatamuunii fi adabamuun Hiseen Habree, abbooti irree dhiiga ummattootaa dhangalaasuun jiraataniif eergaa jajjabaa kan dabarsuu dha. Gabroomfattooti fi abbootiin irree, ummata cunqurfamoo: ajjeesanii, guraaranii (hiraarsanii), gudeedanii, koreettiin gubanii fi saamanii biyya alaatti baqatuun jireenya qananii fi nagaa jiraachuu akka hin dandeenye adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun ifatti kan garsiisuu dha. Gabroomfattooti dhiiga ummattoota cunqurfamoo dhangalaasanii osoo itti hin gaafatamin yeroon isaan nagayaan itti jiraatan gabaabbachaa akka jiru dhaamsa cimaa kan dabarsuu dha. Adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun, Gabroomfattoota dhiiga ummattoota cunqurfamoon harka dhiqatan hunda, guyyaan akka itti dukkanaawaa  jiru kan mirkaneessuu dha. Waggoota dagdamii shan darbaniif, osoo hin nuffine, Hiseen Habree seeratti dhiyeessuuf obsaa fi murannoon ummata Chaad irraa mul’ate, hagamuu kan yeroo fudhatu  ta’u illee, ummattooti cunqurfamoon haqa isaanii akka argatan kan dhugoomsee dha.Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan