Hiriira Mormii Beljiyem magaalaa Brussel keessatti gaggeeffame

Aside

SBO Waxabajjii 05,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi Qophiilee Adda Addaa Haala Yeroo Irratti Fuulleffatan

Aside

Qaroon Oromoo Kan Ta’e Dr.Daaniel Gizaachoo Magaalaa Jimmaatti Lubbuun Dabarte

Aside

daaniel giza.. daanii gizeWaxabajjii 4,2016, Dr, Daaniel Gizaachoo muummee medicin  Yuunibarsiitii Jimmaatii bara 2016 kana keessa eebbaaf kan qophaa’u yoo ta’u,Akka Xoophiyaatti barattoota fayyaa ciccimoo 6 filatamanii barnootaaf biyya Jarman deemuuf jedhan keessaa tokko yoo ta’u. Doktor Daniel sabbooummaa isaan nama haalaan jabaa fi qabsoo Oromoo gadi fageessee kan hubatu ta’uun beekama.

Dr,Daanie’l waldhaansaaf Hosptala Jimmaa seenee hadoochaa qaamni isaa fudhachuu dandayuu ol waan itti kennameef jecha lubbuun isaa dabartee jirti. Waaqayyo jannata isaa haa banuuf,maatii isaafis jajjabina haa kennuuf jedha Qeerroon Bilisummaa.

 

 

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 04,2016

Aside

Qabsoo Biyya Biraa irraa Uummatni  Keenya Maal Barata?

Aside

Damee Boruu irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Gabrumaa jalatti kufuun Oromiyaa biyya lafaa irraatti isa duraas miti; isa dhumaas tahuu hin danda’u. Daandiin qabsoo bilisummaa hadhaa’a fi jajjalataa wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye akka gaafatu beekamaa dha. Qabsoon godhamu bara dheeraa fi umurii dhaloota heddduu fudhachuus ni danda’a. Walii gala garuu dhalootni har’aa dhaloota kaleessaa irraa baratee of qaree gara fuula duraa tarkaanfata,  dhalootni boruu immoo isa har’a irraa caalaa baratee , of ijaaree qabsoo uummataa bal’aa daran fininee akka galamaan gahu godha.

Mee Qabsoo uummata Afrikaa Kibbaa (South Africa) gabaabatti haa ilaalu. Bara 1652 Holland irra Sabni adiin Boer jedhamu  humnaan dhufee qubate. Haa tahu malee uummatni Afrikaa guutuutti harka isaani itti hin  kufne. Naannoo isaanitti Mootatan ofiin buluuu danada’a turan.  Bara 1860 motummaan Inglizii humna Waraanaa guddaa fi meeshaa waraanaa baraan weerara itti bane. Amma bara 1878 utuu of irrattti lolanii guutuummatti caban. Sana booda mootumaa sanyi balfatu Mootummaa  Apartheid  jedhamee beekamuu kan uummata bifaan adda baasu dhaabbatan.

Adii fi guraachi jiruu fi jireenyaanis tahe Seeraan adda bahaan. Bara 1912 ANC (African National Congress) qabsoo uummata guraachaa geggeessuuf dhaabbate. Bara 1913 guraachi lafa bitachuu fi qabaachuu mirga hin qabu kan jedhu labsiin lafaa bahe.  Tooftaan qabsoo  ANC  jalqabaa mootumaa Inglizi itti iyyaana dhiyeefachuu dha. Kan waraanan cabsee Mootumaa Aparteid ijaare Mootummaa Inglizii waan tahee iyyaanaa ANCiif  gurra hin kenneef. Qabsoo Biyya Biraa Irraa Uummatni Keenya Maal Barata

FXG Waxabajjii 3,2016 Godina Harargee Magaalaa Harawaacaa

Aside

13322203_194065560989638_320954907026532043_n

“Qeerroon Bilisummaa Kajeele” Wallee Warraaqsaa Haraa Artist Sabboonaa Abarraa Beegii/Waxabajjii 2,2016

Aside

“Abbaan Biyyaa ABO Dha” Jedhu Daa’imman Warraaqoo Godina Hararge Lixaa Magaalaa Asabooot.

Aside

Waxabajjii 2,2016 Guyyaa har’aa gootonni Yeeyyiin warraaqsa Oromoo magaalaa Asaboot keessatti “Abbaan biyyaa ABO dha” jechuun dhadhachaa oolan.

Yunivarsiitii Jimmaatti GDASAO(Gumiin Dagaagina Aadaa fi Seenaa Afaan Oromoo) Gaggeessa Waggaa Taasifate

Aside

Waxabajji 2,2016
Guyyaa har’aa Yuunibarsiitii Jimmaatti GDASAOn Qophii bareedaan galgala kana barattota moorichaan gaggeessaan waggaa tasifamee jira Qophiin kun Eebbaan kan eegale yoo ta’u, Qophii kanarratti Walleewwan hedduun Waltajicharraa barattootaaf banamanii barattoonni gamtaan dhiichisaa turan,Walaloowwaaniif Dhaamsa garaagaraas irratti waliif dabarfamaa ture, Keessattuu Qophii har’a godhamerratti Hirmataa qophichaa kan ture,Barataa Bara darbe Barnoota Social science Geeba kaase,Dhalootaan Oromoo kamisee ta’ee Lecturerf kan moorichii waammate,Dhaamsa Walloo kamiseef Uummata Oromoo Raayyaa Aseeb jiran irraa Fuudhe Qeerroowwaan Golee Oromiyaa Maraaf Ergaa nama boosisu akkasiin dabarseef..
“Elaa yaa Dhiigakoo ilmaan Aayyaa isin kan Oromiyaa keessatti dhalattan garbummaa waggaa dhibbaaf bohaa jirtu,Aniif hawwaasni ani keessatti dhaladhe garuu,Garbummaa Waggaa Dhibba afurii baannee siqiqaa jirra,Dhaamsi haawwasikoo isiniif dhaaman,tokko taanee garbummaa keessaa wal haa baasnu,Elaa Obbolaan keessan Ijoolleen Wallo Kamiseetiif Raayya Aseeboorraa dhufan,Dugugguruu lafee keessaniti lafee keessantu cabe Garbummaatu humnaa ol irra turee Afanis akka dagatan danqe,Adaraa Ofitti Nuuf qabaatii afaan keenya ka galaana miilu san nuuf barsiisaa!! Aadaa keenyas nuuf barsiisaa!,Nuti wal malee humaa hin qabnu” jechuun ergaa osoo dabarsuu ijji barattootaa Dirree Xiqaarraa(Minstadium) Keessa ta’anii imimmaan calale,Imimmaan Jaalala Imimmaan Oromummaan dhaamsaa isaa fudhaaniif, Dhumarrattis Waltajjiin Sirba Tokkuummaa Uummata Cunqurfamoo sirbuun Gengoo ykn O Uumuun harka wal-qabatanii,Waadaa Oromummaaf Waadaa
Tokkummaan Waltajjicha haala Gaariin Xumurani.

Diddaa Barattooti Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Keessaan Wal Qabatee Waraanni Wayyaanee Mooraa Keessa Qubachuun Barattoota Goolaa Jira.

Aside

Waxabajjii 2,2016 Naqamte

received_1754252021486572 received_1754252391486535