Waxabajjii 2,2016 Guyyaa har’aa gootonni Yeeyyiin warraaqsa Oromoo magaalaa Asaboot keessatti “Abbaan biyyaa ABO dha” jechuun dhadhachaa oolan.
Daily Archives: June 2, 2016
Yunivarsiitii Jimmaatti GDASAO(Gumiin Dagaagina Aadaa fi Seenaa Afaan Oromoo) Gaggeessa Waggaa Taasifate
Aside
Waxabajji 2,2016
Guyyaa har’aa Yuunibarsiitii Jimmaatti GDASAOn Qophii bareedaan galgala kana barattota moorichaan gaggeessaan waggaa tasifamee jira Qophiin kun Eebbaan kan eegale yoo ta’u, Qophii kanarratti Walleewwan hedduun Waltajicharraa barattootaaf banamanii barattoonni gamtaan dhiichisaa turan,Walaloowwaaniif Dhaamsa garaagaraas irratti waliif dabarfamaa ture, Keessattuu Qophii har’a godhamerratti Hirmataa qophichaa kan ture,Barataa Bara darbe Barnoota Social science Geeba kaase,Dhalootaan Oromoo kamisee ta’ee Lecturerf kan moorichii waammate,Dhaamsa Walloo kamiseef Uummata Oromoo Raayyaa Aseeb jiran irraa Fuudhe Qeerroowwaan Golee Oromiyaa Maraaf Ergaa nama boosisu akkasiin dabarseef..
“Elaa yaa Dhiigakoo ilmaan Aayyaa isin kan Oromiyaa keessatti dhalattan garbummaa waggaa dhibbaaf bohaa jirtu,Aniif hawwaasni ani keessatti dhaladhe garuu,Garbummaa Waggaa Dhibba afurii baannee siqiqaa jirra,Dhaamsi haawwasikoo isiniif dhaaman,tokko taanee garbummaa keessaa wal haa baasnu,Elaa Obbolaan keessan Ijoolleen Wallo Kamiseetiif Raayya Aseeboorraa dhufan,Dugugguruu lafee keessaniti lafee keessantu cabe Garbummaatu humnaa ol irra turee Afanis akka dagatan danqe,Adaraa Ofitti Nuuf qabaatii afaan keenya ka galaana miilu san nuuf barsiisaa!! Aadaa keenyas nuuf barsiisaa!,Nuti wal malee humaa hin qabnu” jechuun ergaa osoo dabarsuu ijji barattootaa Dirree Xiqaarraa(Minstadium) Keessa ta’anii imimmaan calale,Imimmaan Jaalala Imimmaan Oromummaan dhaamsaa isaa fudhaaniif, Dhumarrattis Waltajjiin Sirba Tokkuummaa Uummata Cunqurfamoo sirbuun Gengoo ykn O Uumuun harka wal-qabatanii,Waadaa Oromummaaf Waadaa
Tokkummaan Waltajjicha haala Gaariin Xumurani.
Diddaa Barattooti Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Keessaan Wal Qabatee Waraanni Wayyaanee Mooraa Keessa Qubachuun Barattoota Goolaa Jira.
Aside
Aside
Waxabajjii 2,2016/Barattooti Oromoo Kolleejjii Barsiisota Maattuu Baratan 6 Badiin Tokkoon Malee Barnoota Irraa Arihamuu Itti Gaafatamaan Kollojjechaa Ato Yidneqacho Tasfaye Barattoota Beeksisan.
Baratooti maqaan isaanii kanaa gadii yeroo ammaatti kanneen arihamani dha.
- Masfiin Abdataa barataa sportii waggaa 2ffaa
- Yoonaas Urgeessaa bartaa isportii waggaa 3ffaa
- Shibbiruu Abdiisaa barataa Sportii waggaa 2ffaa
- Daani’eel Caalaa barataa ispoortii waggaa 3ffaa
- Baayisaa Daksiisaa barataa sifiikii waggaa 3ffaa
- Sanbataa Wandimmuu baraataa waggaa 2ffaa
Godina Kaaba Shaggar Saalaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Gabra Gurraachaatti gaggeeffamee irratti Tarkaanfii Diinummaa Waraanni Agaazii fudhateen Sabboonaan Oromoo Obboo Toleeraa Ijaaraa Wareegamuu Qeerroon gabaase.
Aside
Waxabajjii 01/2016 Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa Caamsaa 30/2016 n guyyaa har’aa Uummatni Oromoo kumootaan lakka’aman dhaadannoo fi dheekkamsaa guddaa dhageesisuun sirni awaalcha isaa rawwate.
Guyyaa dheengaddaa Salaalee gabra Gurraachaatti Warraaqsii jabaan qabsiifamee gaggeeffamaa oluu gabaasuun keenya ni yaadatama. Warraaqsaa kana irratti tarkaanfiin diinummaa waraanni agaazii wayyaanee gaasii Summaa’a uummatarratti dhukaasuun fudhateen sabboonaan Oromoo Obboo Toleeraa Ijaaraa abbaan maatii ijoollee sadii kan qabu ukkanfamee Wareegamuun isaa uummata Oromoo Aanaa Kuyyuutti kan dhagaa’amee fi hedduu dheekkamsiisaa jiru yoo ta’uu guyyaa har’aa Sirni awwaalcha isaa Aanaa Kuyyuu Gabra gurrachaatti bifa adda ta’een bakka sabboontootni fi qeerroon dargaggootni Oromoo argamanitti uummata gara kuma 4000 olitti lakka’amuun kan gaggeeffame ta’uu madden keenya Gabra Gurraacha irraa gabaasan. Uummatni oromoos Toleeraa Ijaaraa Kaayyoorratti wareegamee kaayyoo Toleeraa Ijaaraa goonni Oromoo kun irratti wareegamees galmaan ni geenya, dhumnee dhabamna malee mootummaa gabromsaa jalatti deebinee hin bullu jechuun dhaadannoo guddaa dhageesisuun sirni awwaalcha isaa bifa adda ta’een gaggeeffamera. Waraabbii video fi suuraalee sirna gaggeessaa sabboonaa Oromoo kana irratti waraabame waan qabnuuf kan isin qaqqabsiifnu ta’uu ni hubachiifna!!
Aside
Waxabajjii 2/2016 Hidhamtootni Oromoo 32’n Kanneen Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Boolee Keeaatti Utuu Afooshaaf Walitti Qabamani Jirani Qabaman Guyyaa Kaleessa Waxabajjii 1/2016 Wayita Mana Murtii Lidetatti Dhiyeeffamanitti Uffata Gaddaa Uffachuun Hacuucaa Fi Daraaraa Irra Ga’aa Jiru Balaaleffatan.
Mani murtii Wayyaanee qofaaf dalaguu fi ilmaan Oromoo irratti daba dalaguu irraa duubatti hin deebine ilmaan Oromoo daraaraa fi hirraasa maqaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamaanii fi gochaa suukkaneessa isaan irra ga’aa jiruu fi sobaan himatamaa jiraachuu balaaleffachuun uffata gaddaa uffataan aangawootni abbaa irree Mana murtii wayyaanee wal ta’uun Uffata isaanii kana dirqamanii akka baafatan gochuun mirga namummaa irraa sarbee uffata irraa baasuun gara mana hidhaa Qilinxootti kan deebise ta’uu saaxilame.
Hidhamtootni ilmaan Oromoo mirga hidhamaan seeraa tokko illee qabu dhabuun uffata gaddaa maaf uffattaan jedhamani illee utuu hin gaafatamiin uuffata isaanii kana akka of irraa baafatan dirqisiifamuun kan baafatan yoo ta’uu mirgi dhala namummaa isaanii sabamaa jiraachuun hubatamee jira.
Walumaagalatti haalli qabinsa mirga hidhamtoota Oromoo yeroo irraa gara yerootti hammachaa fi haalaan kan nama gaddisiisuu ta’aa waan jiruuf Dhaabbileen mirga namummaa Addunyaa Amenisty International , Human Right watch , Dhaabbileen mirga Dhala namaa Gaafa Afrikaa, mootummootni fi biyyootni leelliftummaa mirga dimookiraasii fi dhala namaaf waardiyaa dhaabbattan ilmaan Oromoo manneen hidhaa Impayera Ethiopia bakkoota garaagaraa keessatti dararamaa jiraniif dirmannaa akka gootan Qeerroon bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun dhaamasa dirmannaa dabarfanna!!
Godina Kibba Lixa Walisoo M/B Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa akkasumas Walisoo fi Magaalaa Walisoo keessatti FXG itti fufe.
Aside
Warraaqsii FXG marsaa 5ffaan kun Godina Walisootti Caamsaa 26 /2016 Irraa eegaluun kan eegalee fi addatti immoo goototni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Garesuu Dhukii adda durummaan warraaqsaa kan finiinsan yoo ta’uu, mootummaan Wayyaanee Tajaajila network balleessuu irratti xiyyeeffachuun sochii uummata ukkamsuuf yaalii gudda godhus warraaqsii FXG kun afaan qawwee fi loltuun ukkanfamuu kan hin dandeenye ta’uun itti fufuun warraaqsii daran jabaachuun finiina jira. Goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jirruu fi mirgi bilisummaa saba keenya hanga kabajamuu fi waraanni wayyaanee Oromiyaa fi dhaabbilee barnootaa gadhiisee hanga bahuutti warraaqsii FXG hin dhaabbatu, qormaata utuu hin baratiin hin qoramnu, sirni barnootaa waraanaan nu jalaa uggurameef mootummaan wayyaanee itti gaafatamuu qaba, hidhamtootni Oromoo hundi haalduree tokko malee haa hiikaman jechuun gaaffii isaanii finiinsuun warraaqsa qabsiisan. Sochii Warraaqsaa Oromiyaa godinichatti jabaachaa dhufuun wal qabatee waraanni agaazii gootota barattoota Oromoo M/B Garesuu Dhukii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa mooraa mana barnootaa seenuun barattoota waraana agaaziin kan goolaa jiruu ta’uu fi barattootni Oromoo 6 humna waraana agaaziin ukkanfamuu kan hidhaman ta’uun ibsame jira. Barattootni Oromoo Wallisoo M/B Garasuu Dhukii irraa ukkanfaman
1. Barataa Misgaanaa Dhiinsaa , kutaa 9ffaa
2. Barataa Guutamaa Rundaasaa, kutaa 9ffaa
3. Barataa Alamayyoo Rundaasaa, kutaa 9ffaa
4. Barataa Xurunaa Kitaabaa, kutaa 10ffaa
5. Barataa Waggarii Birhaanuu , kutaa 9ffaa kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 6 humna waraana agaaziin kan ukkanfamani hidhatti darbataman ta’uun ibsame jira. Humni waraanaa agaazii fi poolisiin federaalaa gara godina kanatti guuramaa jiraachuun ifa ta’eera. Warraaqsii uummataa Godina Kibbalixa Shaggar Walisoo magaalaa hanga gandoota baadiyyatti illee yeroo irraa gara yerootti jabaachaa jiraachuu madden Qeerroo Magaalaa Waliisoo irraa gabaasan.

