Caamsaa 31, 2016 Godina  Lixaa Shaggar  Aanaa Ada’aa Bargaatti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaan Gootota barattoota Oromoo M/B Sadarkaa 2ffaa fui Qophaa’inaa Incinniitiin guyyaa kaleessa irraa eegaluun finiinee itti fufe!!

Aside

Itti fufaSochii warraaqsaa FXG marsaa 5ffaan kun daran jabaachuun goototni barattootni Oromoo Aanaa Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii fi M/B Incinnii  keessatti qabsiisan Nuti Barattootni utuu torbee tokkoillee nagaan hin Baratiin baatii 6 guutuu mirga uummata keenya sarbameef gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgoota namummaa fi dimookiraasii dhiyyeeffachuun hanga har’aa deebiin tokko illee nuuf kennamuu dhabuu fi torbee tokko illee nagaan sirni baruu fi barsiisuu utuu nuuf hin kennamiin qormaata kutaa 12ffaa fi 10ffaa Oromiyaa keessatti barattoota Oromoof kennuun dabaa fi Shira ittin uummata Oromoo miidhuuf dalagamaa jiru waan ta’eef ni balaaleffanna jechuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argatuu fi bilisummaan uummata keenyaa mirkanaa’utti warraaqsaa keenya isa xummuraaf gaggeessa jirruu irraa duubatti hin deebinu jechuun bifa haaraan warraaqsa dhoosuun diina wawwachisaa jiraachuun ibsatan.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraana isaa barattoota irratti bobbaasuun Barattootni Oromoo  hedduun isaanii humna waraanaan qabamuun Magaalaa Incinnii irratti hidhamanii jiran keessa barattootni Oromoo 4 immoo humna waraanaan butamanii eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame jira. Sochiin warraaqsaa FXG uummata Oromoo humna Waraanaan dhaabbachuu hin danda’u guyyaa ha’as  Godinaalee Oromiyaa  garaagaraa keessattis itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Qophii Qaanqee Show Caamsaa 30,2016

Aside

Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan, hagamuu yoo ture, yakka dalaganiif itti gaafatamu:Oduu yakkamtooti Mootuommaa Ixoophiyaa dhagahuu hin barbaanne

Aside

Leelloo Sabaatiin, Caamsaa 2016

Hayle mariyaHaburee Manni murtii addaa kan Tokkumaa Afriikaa biyya Seneegaal keessatti, prezedaantii biyya Chaad kan duraanii Hiseen Habree hidhaa umurii guutuu, kaleessaa gaafa 30/05/2015 itti murteesseera. Bara 1982 irraa hanga bara 1990tti, yeroo  prezedaantii Chaad turetti, nammi kan aangoo cimaa kan  qabu  fi guddoo  sodaatamaa ture . Bulchiinsi isaa, humna poolisaa hamaa kan ummata nagaa: ajjeessaa, guraaraa (hiraarsaa), hidhaa, koreentiin gubaa,  fi gudeedaa  turee dha. Bulchiinsa nama kanaa jalatti, ummata Chaad kuma afurtamaa olitu  poolisa inni ajajuun  ajjeeffame. Yakka kana ummata Chaad irratti oggaa raawwataa turetti, nammi kun, guyyaa tokko aangoo irraa darbamee yakka isaatiif seeratti dhiyaatuu akka danda’u tasumaa yaadee hin beeku. Tuffii ummata Chaadiif qabu irraa, ummatni kun, guyyaa tokko,  aangoo irraa isa buusee seeratti dhiyeessuu akka danda’u itti hin dhagahamu ture. Haa ta’u malee, yakka inni hojjeteef, aangoo iraa buusee seeratti dhiyeessuuf, qabsoo ummatni Chaad obsaa fi muratnoon  gegeessen, aangoo irra darbamee seeratti ni dhiyaata jedhamee kan hin yaadamne Hiseen Habree, seeratti dhiyaatee, mana murtii tokkummaan Afrikaa dhaabeen,  hidhaan umurii guutuu itti murtaahe.

Yakka ummata isaa irratti dalage kanaaf, seeratti dhiyeeffamee itti gaafatamuunii fi adabamuun Hiseen Habree, abbooti irree dhiiga ummattootaa dhangalaasuun jiraataniif eergaa jajjabaa kan dabarsuu dha. Gabroomfattooti fi abbootiin irree, ummata cunqurfamoo: ajjeesanii, guraaranii (hiraarsanii), gudeedanii, koreettiin gubanii fi saamanii biyya alaatti baqatuun jireenya qananii fi nagaa jiraachuu akka hin dandeenye adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun ifatti kan garsiisuu dha. Gabroomfattooti dhiiga ummattoota cunqurfamoo dhangalaasanii osoo itti hin gaafatamin yeroon isaan nagayaan itti jiraatan gabaabbachaa akka jiru dhaamsa cimaa kan dabarsuu dha. Adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun, Gabroomfattoota dhiiga ummattoota cunqurfamoon harka dhiqatan hunda, guyyaan akka itti dukkanaawaa  jiru kan mirkaneessuu dha. Waggoota dagdamii shan darbaniif, osoo hin nuffine, Hiseen Habree seeratti dhiyeessuuf obsaa fi murannoon ummata Chaad irraa mul’ate, hagamuu kan yeroo fudhatu  ta’u illee, ummattooti cunqurfamoon haqa isaanii akka argatan kan dhugoomsee dha.Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan