SBO Caamsaa 18,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Dhaamsa Barattootaa, Shira Mootummaan Wayyaanee Magaalaa Mattuutti Xaxaa Jiru Irratti Gaaffii fi Deebii Gabaabaa Dargaggoo Ibsaa Waliin Taasisamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Seenaa Solomoon fi Moyii Xilaahun /Yeshii / ” dhaqaa na awwaalaa ” 2016

Aside

Qeerroo Bilisummaa akkas jedhee laata?

Aside

Walaloo Abbaa Magaal Irraa

Qawwee Iyyuu Hin Dhaga’u

Kansaatti abbaa ta’ee fedha isaa guuttatee

Nagaan yaa’ee galee daldalee qotatee

Misoomee duroomee baree qaroo ta’ee

Taliigee walbulchee, Oromummaan moo’ee,

Oromoon wal ta’e abbaa biyyaa ta’ee,

Saba tokko ta’e, biyya guddaa ta’ee

Gammadee haajiratuufan hawwee manaa ba’e.

Waaq akka nu uume bareechee, bal’isee,

Guddaa nu taasisee;

Eebisee damboobee biyya nu badhaasee;

Shakkii tokko maleen amanee fudhadhee,

Dhugaa jallaa hinqabne kan ittiin dhaladhe,

Seenaa booruu hinqabnee xaliila ganamaa,

Haqa Waaq nuuf kenne dhiiga Oromummaa;

Oromoon tokkoomuu, Iyyu Hin Dhagahu

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Agartuu Ija Uummata Oromoo ti !

Aside

Damee Booruutiin

barruuTorbaan darban  lamaan kana keessa  agartuu ija uummata Oromoo kan tahe Qeerroo Oromoo irratti duulli madaala hin qabne adda danuun banamee jira.  Kan baayyee nama gadisiisu  warra Kanaan dura ifaa fi harka lafa jalaan Qeerroo Bilisummaa  Oromoo nutu ijaaree of harkaa qaba jedhan burqa olola kana tahanii argamuu dha.  Dhuma bara 2015 yaroo ejjaannan Qeerroo bilisummaa  Oromoo walatajjitti baahee soda tokko malee mirga uummataa isaa falmachuu eegalu , Qeerroo  Bilisummaa Oromoo kan ijaare OMN fi OFC dha hiriyaan koo nama waa hubachuu dandau dha jedhean yaadu naaf hime.

An garuu eenyu akka ijaare irraa gaafasis tahe har’a rakkoo hin qabu.  Waan natti mul’at tokko Qeerroon Bilisummaa Oromoo kun kan jireenya nama tokko keessatti takka argamu utuu hintaane,  seena saba tokko keesstti yaroo tokko kan argamu dha. Kanaafuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa dandeenyu maraan gargaaruu fi hamaa itti dhufu hundaa irraa qolachuu qabna kan jedhu amantaa koo isa duraa ti. Akka nama tokko qaamni keenya fayyaa guutuun yoo tahe gammannee buraaqinee  jiraachuu nutti tola. Garuu hamaan yoo dhufu jifuu hundakeessa  ija keenya olshachuuf yaalla. Iji yoo jaame bara baraan dhukana keessa jiraachuu taha. Guyyaan bariihuu fi dhiyu hin argani. Bareedaa fi fokkisaa adda hin baasan. Adii fi guaracha hin beekan. Kan ormi harka irra namaa ka’e nyaatu , hinuu yoo argame. Jireenya dukkanaa jiraachuu Waaqayyoo nu haa baraaru.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Agartuu Ija Uummata Oromoo ti

Mata duree Fincila Diddaa Gabrummaa Bakkaan Gadhuuf jedhuuf ammoo as tuqa:- Finchila Xumura Garbummaa Galmaan Gahuuf 2

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 16, 2016

Aside

Gabaasa Dabalataa Ayyaana Irreecha Arfasaa Jimmatti Kabajamee!!‏

Aside

Caamsaa 16/2016 (Gabaasa Dabalataa) Godina Jimmaatti Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Tulluu Beegii (Deedee)tti bifa ho’aa ta’een  guyyaa kaleessa  Camsaa 15/2016 adda tti Qeerroo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa,Hordoftootaa Amantaa Waqeffannaa Jimmaa, gootota barsiisotaa fi hojjettoota ilmaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi godinichatti argamanii fi sabboontoota Uummata Oromoo godina Jimmaa fi ilmaan Oromoo naannoo Godina Kibbaa Lixa Oromiyaatti argamaniin kabajame!!
Goototni Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warrii Sochii warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaaf FDG-FXG’f  Ebla 11/2014 irraa eegaluun dursee karra  banuun Warraaqsaa dhoose seenaa galmeesse hardha diinaaf utuu gadi hin jedhiin sodaa tokko malee Wallee warraaqsa akka abidda saafaa boba’uun diina garaa bobeessuun ABO, WBO,Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Gootota ilmaan Oromoo faarsuun  tokkummaa sabaa fi tokkummaa Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun seenaa ajaa’ibsiisa ilmaan Oromoo keessa duubaan irra baratuu qaban argisiisaniiru, vedio kana caqasaa, vedio hedduu waraabame qabna, kallattii hedduun Isin qaqqabsiifna!!

BAACAA KAROORSAA *MAALII YAA RABII* NEW OROMO MUSIC 2016

Aside

“ABO nuu Wayyaa Nuufoo,WBO Koo Nuu Wayyaa Nuufoo” Jedhu Qeerroon Jimmaa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 14, 2016

Aside

DHAAMSA WALIIGALAA BARATTOOTA OROMOO KUTAA 8FFAA, 10FAA FI 12FFAA BARA 2016 QORMAATAA BIYYOOLESSAA FUDHACHUUF JIRAN HUNDAAF GAMTAA BARATTOOTA OROMOO (GBO) IRRAA KENNAME.

Aside

CAAMSAA 13, 2016

BarsiisotaAkkuma beekkamu sochiin warraaqsa biyyoolessaa Qeerroo dargaggootaa, barattoootaa fi guutummaa ummata Oromootiin eegalame baatiiwwan shan(5) xumuree baatii ja’affaa (6ffaa)n jalqabeera. Sochii gaggeeffamee ture kanarratti ga’een Qeerroo Barattoota Oromoo olaanaa ture.

 Sochii gaggeeffamaa turetti mootummaan wayyaanee rifaatuu guddaa keessa seenuun ummata Oromoo harka qullaa biyya isaafalmatu guutummaatti shororkeessitoota jechuudhaan waraana ifaan ifatti nurratti labseera. Ji’oottan kana gidduuttis waraanni agaazii ilmaan Oromoo lakkoofsaan kuma tokkotti (1000) dhiyaatan rasaasaan guyyaa adii dhiiga dhangalaasee ajjeeseera.

v  Kanneen kumaatamaan lakkaa’aman rasaasaan rukutamanii qaama hir’uu ta’aniiru.

v  Kanneen kumaatamaan lakkaa’aman manneen hidhaa garaagaraatti guuramuun dararahamaa arga jiru.

v  Hedduunis lubbuu ofii oolchuuf baqatanii soora qurxummii galaanaa ta’aniiru,

Kanarrattimmoo ummatni keenya bara kana balaa uumamaa (hanqina roobaa) irraa dhufeen ummatni miiliyoonaan lakkaa’amu beelaaf saaxilamaniiru. Yaa ta’umalee, mootummaan wayyaanee gargaarsa argame ummata beela’eef osoo hin taane waraanaa gaaziitif oolchee ummata ittiin ficcisiisaa jiraachuun ifadha. Keessa ttuu, kan nama gaddisiisu ummatni keenya dhiibbaa siyaasaarraa kan ka’e biyya isaa irratti jireenya harkaa garaafaanii jiraachuun balaawwan muudatan jala akka hin hulluqne taasiseera. Miidhaa hanqina midhaan nyaataan ummata keenyarra qaqqabe hospitalotni giddugalaa fi baha Oromiyaa raga quubsaadha. Kanneen waan ittiin mana yaalaa deeman dhabanii mana ofiitti lubbuun isaanii beelaan dabarte manni haalakkaa’u. Ammallee balaan uumamaa ummata hangamii akka lubbuu dabarsaa, manarraa buqqisaa fi qabeenya balleessaa jiru hunda keenyaafuu ifadha. Yaata’umalee, mootummaan biyyan bulcha jedhee miidiyaa dharaa irraa gurra nu duuchu ummata keenya lubbuu baraaruuf carraaqqii godhe tokkollee hin qabu. Ittumaayyuu kanneen hafan fixuudhaaf halkanii fi guyyaa shira xaxaa jira. Fixaas jiru.

Egaakaa, barattootni Oromoos bara kana wareegamaa, madaa’aa, hidhamaa fi dararamaa as ga’uun ifadha. Miidhaan walfakkaatu barsiisota keenyarras qaqqabeera. Qaqqabaas jira. Manneen barnootaas qubsuma waraana agaazii ta’uudhaan tajaajilaa jiru. Haala akkanaa keessa taa’ee sammuun tasgaabbaa’ee barnoota hordofu gonkuma akka hin yaadamneedha. Kanaafuu, barattootni kutaa 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa baatiiwwan ja’a guutuu osoo hin baratin qorumsaaf dhiyaachuun miidhaawwan hedduu jireenya keessan irratti akka qabu ifumatti hubachuun barbaachisaadha. Kun immoo:

1.       Barattootni keenya sadarkaa irra jiranii gara itti aanutti tarkaanfachuu haalaan xiqqeessa.

2.       Barattoota qabxii gaarii fiduu malan haamilee cabsuu mala.

3.       Warreen kutaa 10ffaa qoramtan harca’iinsa barattoota keenyaa ifumatti mul’isuu danda’a.

4.       Kanneen kutaa 12ffaa qoramaniif baay’inni barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo galuu malanii haala jabduun ni xiqqaata, muummee barnootaa fi yuunibarsiitii barbaadan galuufillee gufuu guddaa ta’eetu mul’ata. Haalotni heeraman kunniin jireenya dhuunfaa fi ummata Oromoo irratti dhiibbaa guddaa waan qabaatuuf haalaan xiinxaluun bayeessa. Dhiibbawwan kanneen keessummeessuurra, waggaa tokkittii kana sochii eegalame galmaan geenyee sammuu tasgabbaa’een barnootatti deebi’uun filmaatadha.

Mootummaan wayyaanee rakkoowwan muudataniif hanqina bulchiinsa gaariti, rakkoo keenya jechaa afaan ololaa ummata keenya waraanaan goolaa jiraachuu eenyumtuu ragaadha. Kuni tooftaa ittiin kanneen hafan dabareen adamsanii hidhuu, dararuu fi ajjeesuu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.Nageenyi karaa miidiyaa dharaatiin ololamus akka hin jirre beekkamaadha. Waraana jala taa’anii nageenya faarsuun halkan dukkanaan guyyaa adiidha jedhanii waamuun tokkuma.

Walumaagalatti dhaamsi nuti barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga dhaabbilee barnoota olaanoo jirtaniif FXG marsaa shanaffaa (5ffaa) irra qaqqabe kana osoo walirratti hin ilaalin akkuma gaafa duraa irree tokkoon diina hundeen buqqa’ee raafamaa jirutti xumura haagoonu!

Bara hunda ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa, baqachaa jiraachuu irra bara kana falmannee haqa keenya argachuun dirqama.

Waraanni ummata keenya goolaa jiru mooraawwaan manneen barnootaa buufata  godhatee jiruu fi Oromiyaa dhuunfatee jiru gadhiisee bahuu qaba!!

Hidhamtoota obbolaa keenya dararamaa jiran hiikkachuu kan dandeenyu yoo falamanne qofaadha!!

Gaaffii abbaa biyyummaa keenyas gonfachuutu nurraa eegama.

           GADAAN GADAA BILISUMMAATI!

           INJIFANNOON UMMATA OROMOOTIIF!

        GAMTAA BARATTOOTA OROMOO GBO (OSU) IRRAA!!