Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 14, 2016

Aside

DHAAMSA WALIIGALAA BARATTOOTA OROMOO KUTAA 8FFAA, 10FAA FI 12FFAA BARA 2016 QORMAATAA BIYYOOLESSAA FUDHACHUUF JIRAN HUNDAAF GAMTAA BARATTOOTA OROMOO (GBO) IRRAA KENNAME.

Aside

CAAMSAA 13, 2016

BarsiisotaAkkuma beekkamu sochiin warraaqsa biyyoolessaa Qeerroo dargaggootaa, barattoootaa fi guutummaa ummata Oromootiin eegalame baatiiwwan shan(5) xumuree baatii ja’affaa (6ffaa)n jalqabeera. Sochii gaggeeffamee ture kanarratti ga’een Qeerroo Barattoota Oromoo olaanaa ture.

 Sochii gaggeeffamaa turetti mootummaan wayyaanee rifaatuu guddaa keessa seenuun ummata Oromoo harka qullaa biyya isaafalmatu guutummaatti shororkeessitoota jechuudhaan waraana ifaan ifatti nurratti labseera. Ji’oottan kana gidduuttis waraanni agaazii ilmaan Oromoo lakkoofsaan kuma tokkotti (1000) dhiyaatan rasaasaan guyyaa adii dhiiga dhangalaasee ajjeeseera.

v  Kanneen kumaatamaan lakkaa’aman rasaasaan rukutamanii qaama hir’uu ta’aniiru.

v  Kanneen kumaatamaan lakkaa’aman manneen hidhaa garaagaraatti guuramuun dararahamaa arga jiru.

v  Hedduunis lubbuu ofii oolchuuf baqatanii soora qurxummii galaanaa ta’aniiru,

Kanarrattimmoo ummatni keenya bara kana balaa uumamaa (hanqina roobaa) irraa dhufeen ummatni miiliyoonaan lakkaa’amu beelaaf saaxilamaniiru. Yaa ta’umalee, mootummaan wayyaanee gargaarsa argame ummata beela’eef osoo hin taane waraanaa gaaziitif oolchee ummata ittiin ficcisiisaa jiraachuun ifadha. Keessa ttuu, kan nama gaddisiisu ummatni keenya dhiibbaa siyaasaarraa kan ka’e biyya isaa irratti jireenya harkaa garaafaanii jiraachuun balaawwan muudatan jala akka hin hulluqne taasiseera. Miidhaa hanqina midhaan nyaataan ummata keenyarra qaqqabe hospitalotni giddugalaa fi baha Oromiyaa raga quubsaadha. Kanneen waan ittiin mana yaalaa deeman dhabanii mana ofiitti lubbuun isaanii beelaan dabarte manni haalakkaa’u. Ammallee balaan uumamaa ummata hangamii akka lubbuu dabarsaa, manarraa buqqisaa fi qabeenya balleessaa jiru hunda keenyaafuu ifadha. Yaata’umalee, mootummaan biyyan bulcha jedhee miidiyaa dharaa irraa gurra nu duuchu ummata keenya lubbuu baraaruuf carraaqqii godhe tokkollee hin qabu. Ittumaayyuu kanneen hafan fixuudhaaf halkanii fi guyyaa shira xaxaa jira. Fixaas jiru.

Egaakaa, barattootni Oromoos bara kana wareegamaa, madaa’aa, hidhamaa fi dararamaa as ga’uun ifadha. Miidhaan walfakkaatu barsiisota keenyarras qaqqabeera. Qaqqabaas jira. Manneen barnootaas qubsuma waraana agaazii ta’uudhaan tajaajilaa jiru. Haala akkanaa keessa taa’ee sammuun tasgaabbaa’ee barnoota hordofu gonkuma akka hin yaadamneedha. Kanaafuu, barattootni kutaa 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa baatiiwwan ja’a guutuu osoo hin baratin qorumsaaf dhiyaachuun miidhaawwan hedduu jireenya keessan irratti akka qabu ifumatti hubachuun barbaachisaadha. Kun immoo:

1.       Barattootni keenya sadarkaa irra jiranii gara itti aanutti tarkaanfachuu haalaan xiqqeessa.

2.       Barattoota qabxii gaarii fiduu malan haamilee cabsuu mala.

3.       Warreen kutaa 10ffaa qoramtan harca’iinsa barattoota keenyaa ifumatti mul’isuu danda’a.

4.       Kanneen kutaa 12ffaa qoramaniif baay’inni barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo galuu malanii haala jabduun ni xiqqaata, muummee barnootaa fi yuunibarsiitii barbaadan galuufillee gufuu guddaa ta’eetu mul’ata. Haalotni heeraman kunniin jireenya dhuunfaa fi ummata Oromoo irratti dhiibbaa guddaa waan qabaatuuf haalaan xiinxaluun bayeessa. Dhiibbawwan kanneen keessummeessuurra, waggaa tokkittii kana sochii eegalame galmaan geenyee sammuu tasgabbaa’een barnootatti deebi’uun filmaatadha.

Mootummaan wayyaanee rakkoowwan muudataniif hanqina bulchiinsa gaariti, rakkoo keenya jechaa afaan ololaa ummata keenya waraanaan goolaa jiraachuu eenyumtuu ragaadha. Kuni tooftaa ittiin kanneen hafan dabareen adamsanii hidhuu, dararuu fi ajjeesuu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.Nageenyi karaa miidiyaa dharaatiin ololamus akka hin jirre beekkamaadha. Waraana jala taa’anii nageenya faarsuun halkan dukkanaan guyyaa adiidha jedhanii waamuun tokkuma.

Walumaagalatti dhaamsi nuti barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga dhaabbilee barnoota olaanoo jirtaniif FXG marsaa shanaffaa (5ffaa) irra qaqqabe kana osoo walirratti hin ilaalin akkuma gaafa duraa irree tokkoon diina hundeen buqqa’ee raafamaa jirutti xumura haagoonu!

Bara hunda ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa, baqachaa jiraachuu irra bara kana falmannee haqa keenya argachuun dirqama.

Waraanni ummata keenya goolaa jiru mooraawwaan manneen barnootaa buufata  godhatee jiruu fi Oromiyaa dhuunfatee jiru gadhiisee bahuu qaba!!

Hidhamtoota obbolaa keenya dararamaa jiran hiikkachuu kan dandeenyu yoo falamanne qofaadha!!

Gaaffii abbaa biyyummaa keenyas gonfachuutu nurraa eegama.

           GADAAN GADAA BILISUMMAATI!

           INJIFANNOON UMMATA OROMOOTIIF!

        GAMTAA BARATTOOTA OROMOO GBO (OSU) IRRAA!!

Camsaa 14/2016 Jalbultiin Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tullee Deeddeetti Kabajame.

Aside

13233352_1609276602733160_1823776656_nCamsaa 14/2016 Jalbultiin Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tullee Deeddeetti Guyyaa Boruu Caamsaa 15/2016 Kabajamuu
Jalbultiin isaa guyyaa har’aa waaree booda bifa ho’aa ta’een Qeerroo gootota barattoota Oromoo fi sabboontoota uummataa Oromoof kabajamu
egale!! Jalbultiin Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti bifa ho’aa fi hawwannaa guddaa fi gootummaa argisiisuun guyyaa har’aa goototni Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi
Sabboontoota uummaata Oromoo godinichaan bifa adda ta’een kabajamuu eegalee jira.13249407_1609275509399936_644058049_n
Ayyaannii Irreechaa Godina Jimmaatti Eejjennoo fi kutannoo sabboontootni barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, ejjennoo qeerroo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota ilmaan Oromoo hojjettootaa fi hordoftootni Amantaa Waaqeffaannaa Jimmaa ga’ee guddaa taphatanii fi uummata naannoo waliin ta’uun tokkummaa fi jaalaala Oromummaa argisiisaniin sadarkaa guddaa irra ga’uun eenyummaa, jaalaalaa, tokkummaa fi bifa Oromummaa fi sabboonummaa Oromoo tikseen yeroo dhiyoo keessatti sadarkaa guddaa irra ga’uun ayyaanaa Irreechaa Godina Jimmaa kan Arfaasaa Tulluutti kabajamuu fi Ayyaanaa Irreechaa kan Birraa Malkaatti kabajamuu jedhamuun Godina Kibba lixa Oromiyaa keessatti bakka guddaa qabachuun Simannaa uummata Oromoo kumootaan lakkaa’amanii argatee jira, haaluma kana fakkaatuun guyyaa boruu Caamsaa 15/2016 Ayyaannii Irreechaa Arfaasaa kabajamuuf jiru guyyaa har’aa Jalbultiin isaa bifa ho’aa ta’een kabajamuu eegalee jira!! Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa Waraana agaaziin marfamanii utuu jiranii wallee warraaqsaa eenyummaa fi gootummaa Oromoo faarsuun kabajachaa jiru!!

“Ana Fira Keetti Diina Taatee?” Wallee Warraaqsaa Artist Eebbaa Waaqwayyaa

Aside

SBO Caamsaa 15,2016. Oduu, Ibsa Qeerroo Bilisummaa, Walaloo Qeerroo, Gaaffii fi Deebii Art.Gaaddisee Shamsaddiin Kutaa Lammataa fi Qophii Biroo

Aside

Caamsaa 12/2016 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa Amboo Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Ambootti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee Humnoota Tikaa dhalootaan TPLF ta’anii fi dabballootaa amanamoo sirna gabromsaa bobbaasuun Barattoota Oromoo arii’acha jira.‏

Aside

Itti fufaCaamsaa 12/2016 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa Amboo Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Ambootti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee Humnoota Tikaa dhalootaan TPLF ta’anii fi dabballootaa amanamoo sirna gabromsaa bobbaasuun Barattoota Oromoo arii’acha jira.
Mootummaan fashistii abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO human waraanaa guddaa magaalaa Amboo keessa qubsiisuun uummataa Waraanaan gooluun cinatti humnoota tikaa sirnichaaf amanamoo ta’anii fi dabbaaloota isaa bobbaasuun barattoota Oromoo hordofee barnootarraa arii’achuun ukkamsee hidhatti guuruuf jedhee barattoota Oromoo wareersaa jiraachuun saaxilame. Gidduu kanas barattootni Oromoo mana barumsaa Amboo Qophaa’inaa fi Sadarkaa lammaffaa irraa barnoota isaanii irraa guutummaatti akka hin baranneef dhorkamani jiran keessa:
1. Barataa Yeroos Hayii barataa kutaa 12ffaa
2. Barataa Fayisaa Mixaafaa kutaa 12ffaa,
3. Barataa Sanmaraa Fayisaa kutaa 12ffaa
4. Barataa Diinaa Hisarmuu kutaa 11ffaa kanneen keessatti argaman Oromummaan Yakkamuun barnoota isaanii irraa ugguramanii akka hin barannee humnoota tikaa wayyaanee fi dabballee basaasa wayyaanee kan ta’ee, Director Mana barumsaa yeroo amma nama maqaan isaa Anbassee Tulluu jedhamuun shirri ulfaataan barattoota Oromoo mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina irratti rawwatamaa jirachuun ibsame.

Guyyaa Har’aa Mannen Barnootaa Oliyaa, Kollejji Rift Vally, Yuniversitii Adaamaa fi Manneen Barnootaa Garagaraa Magaala Adaamaa Keessa Jiru Keessatti FXG Gaggeeffa,ee Oole.

Aside

Caamsaa 13/2016
FXG mannen barnootaa Oliyaa, koollejji Rift Vally, Yuniversitii Adaamaa fi manneen barnootaa garagaraa magaala Adaamaa keessa jiru keessatti guyyaa har’aa gaggeeffameen waraanni magaalatti dhunfatee jira.
Akkuma beekamu guyyaa har’aa magaala Adaamaatti eebba kitaaba Imimmaan hin Qoorre kan Abdii Luucceen barreeffame sirni eebba kitaabichaa kan har’a gaggeeffamuu fi akkasuma barattootni yuuniversitii Adaamaa yeroon kun yero FXG fiixaan baafannuudha jechuudhaan hucuu halluu tokko kan uffatanii fi sagale isaanii dhageesisaa turan irratti walumaa gala barataa dargaggeessaa mooraa fi magaalaa kan eebba kitaabaaf magaalichatti wal gahe waliin wal simatuudhaan FXG dhowe humna diinaa fi meeshaa diinaaf osoo hin jilbeenfatiin fincila finiinsuu Qeerroon gabaasee jira. kanatti fufees koollejjii Rift Valley fi mannii barumsaa Abdii Boruu walitti dhufuudhan dhaadannoowan qabatanii FXG finiinsanii jiru.
Magaali Adaamaa dhaadannoo Qeerroo fi sirboota qabsoon kan hoo’ite yoommuu tahu humni waraana agaazii magaalicha keessa qubate doorsisa barattoota irratti baneen addatti barattootni yuuniversitii Adaamaa keessaa hedduun ukkaamfamuun gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Halkan kana magaalli Adaamaa waraana wayyaaneen ka hudhamtee jirtuu fi Qeerroon FXG soda malee fininsaa jiraachun halkan kanas itti fufee
jiraachuu odeessan ibsa.