Breaking News Ibsa Qeerroo Bilisummaa irraa kenname.

Aside

Godina Harargee mana Barnootaa Qobboo Kutaa 10ffaa FXG Gaggeessan.

Aside

Caamsaa 9_2016 
13177718_2043262169231789_4476155121395838499_n harargeGootonni barattoonni Harargee mana barnoota qobboo kutaa 10ffaa qormaata moodeelii hin qoramnu jechuun addaan kutanii mooraa gadhiisanii bahaa jiru.
Qeerron Qobboo waraqaa qormaataa sababa godhachuun osoo hin baranne hin qoramnu jechuun tokkummaan qormaata dhiisanii galaa jiru.
Akkana kutannoon dhiiraa.

Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa Irraa Ilmaan Oromoo Humnaan Walitti Qabee Kan Ture Leejii Siyaasaa fi Haaromsa Sababa Jedhuun Waraana Agaaziin Xollaayitti Guuramaa Jiru.

Aside

Caamsaa 7/2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa irraa Ilmaan Oromoo 4500 Olitti lakkaa’aman waraana Wayyaanee agaazii jedhamuun beekamuun ukkanfamanii mooraa Leenjii waraanaa Xoollaayi jedhamutti hidhaman mootummaan Wayyaanee leenjii haaromsa fi qalbii jijjiirraanna fudhachiisee gadhiisuuf karoorfatee shira dalaguuf yaaluus goototni ilmaan Oromoo Warraaqsaa FXG’n duraa dhaabbataa jiraachuu odeessi Xollaayi irraa miliqee bahaa jiruu saaxilee jira.
Goototni ilmaan Oromoo to’annaa waraana wayyaanee jala Xollaayitti argama Waraanaa wayyaaneen ukkaanfamuun Xollaayitti hidhamaan Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn ofii balleessinerraa jechuun TV propagandist Wayyaanee EPRDF/TPLF kan ta’ee EBC -TV irratti bahuun uummataan dhiifama nuuf godha jechaa, human waraanaan nu ukkamsuun asitti nu hidhuun gaaffii uummataa keenyaaf deebii ta’uu hin danda’uu, nuti balleessa hin qabnu, mirga keenyaaf gaaffii mirgaa gaafachuu qofaa fi Oromoo ta’uu keenyaa qofaan yakkamaa taanee, lafa
maatii keenyaa fi uummatni nu arguu hin dandeenyetti hidhamne; kanaafuu tarkaanfii barbaaddan nurratti fudhadhaa malee akeekaa keessan hin fudhannu jechuun diddaan dura dhaabbata jiraachuu odeessii lootee ba’aa jirtuu ifa gotee jirti. Kanaafuu Uummaatni Oromoo, dargaggootni Qeerroon, Qarreen, barattootni Oromoo, barsiisotni, dafqaan bulaan, hojii dhabaan, Qotee bulaan, daldalaa fi hojjetaan irree tokkoon kaanee hidhamtoota ilmaan Oromoo cufa cina dhaabbachuu fi hiksiisuu,Sochii keenyaa kan wareegama qaalii akkaan ulfaata ta’ee itti baafne kanatti xummura gochuun firii keenyaa dhumaa kan hanga bilisummaa fi walabummaa keenya gonfannutti jettuu irraa takkaa duubbatti akka hin deebinee dhaammataa warraaqsaa keenyaa FXG marsaa 5ffaa eegalamee jiruu daran jabeessuun lammii keenyaaf dirmachaa eenyummaa keenyaa immoo diinatti argisisuun yeroon gamtaan dhaabbannee falmannuu ammaa Oromoo bakka jirtaan maratti qalbiin wal hubannee wal duukaa hiriirree falmachuutti beeknu haa jabeeffannu!!

TVOMT-Olola Dharaatiin ABO Diiguuf Yaaluun Abjuudha!!

Aside

Waltajjiin Bulchiinsa Gaarii Olola Wayyaanee Godinoota Oromiyaatti Kennamu Roobii Dhufu Kennama!‏

Aside

Caamsaa 8,2016 Gabasa Qeerroo

Abbootiin Seeraa Oromiyaa Adaamaattii torbee kana “dhimmaa bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa fi labsii hojjetaaf hojjechiisaa akkasumas beenyaa lafaa” jedhu irratti marii kan geggeessan yeroo ta’u, gaaffii jabduun mootummaa garboomfataa TPLF qunname sirni isaa “beenyaan uummata gadi xiqqeessamee uummati saamamaa kan jiruufi tasuma kanfalamaafi kan hin jirre ta’uu,bulchiinsi aanaa fi gandaa uummata sodaachisuun erga irraa fuudhee booda ‘ni amansiisne’ jechuun uummataa sirni kun saama jira jechuun komiii qaban irra darbanii ” waltajjiin kun haa baddu”jedhanii wayyaaneetti abbootiin seeraa akka qoosan beekameera

Kana malees torbee itti deemnu kana roobii dhufurraa kaasanii abbootii seeraa Oromiyaa sadarkaa gadinaa jiraniif “Walgahiin Abbaay Tsahaayyee” qophaa’ee maqaa bulchiinsa gaarii jedhuun kan qophaa’e yeroo ta’u, Abbaay Tsahaayyeen gara Dambidoollootti imaluu hin oolu jechuun odeessi keessa isaanii ba’e hubachiiseera.

Abbootiin Seeraa Oromiyaa “walgahiin Abbaaxahaayyee ni dhaqxaa?!” jedhanii imaammata fi sirnichaaf tuffii qaban akka mul’isaa jiran beekameera

Caamsaa,8 2016 FXG Itti Fufuun Wallagga Aanaa Najjoo Bulchiisa Warra Jirruu Keessatti Gaggeefamaa Oole.

Aside

20160507141817 20160507142244Fincilli xumura garbummaa guyyaa har’aa jechuun caamsaa 08/05/2016 daran jabaachuun godina Wallaggaa Lixaa aanaa Najjoo bulchiinsa magaalaa warra Jirruu keessatti itti fufee jira.Humni federaalaas magaalaa kana keessa oliif gadi deemuun uummata nagaa goolaa jiraachuun beekamee jira.Magaalaa kana keessatti mootummaan gabroonfataan wayyaanee uummata gandaaf gandaan qoqqooduun uummata walitti buusaa jiraachuu maddeen keenya achirra nu qaqaban eeraniiru. Haaluma kanaan mootummaan aangoo isaatti fayyadamuun biyya bulchaa jiru Magaalota  kaneen Goorii fi warra jirruu jedhaman gidduutti dhimma aanaan wal qabateen gandoota kana gidduutti walitti bu’iinsa uumaa jiraachuu maddeen keenya gabaasu.