Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 7 May 2016

Aside

Aside

13183123_1345223115504168_1766153221_nCaamsaa 7,2016 Yuunibarsiitii Haroomaayaatti Barataa Muummee ‘Hydraulics and Water Resource Engineering’ waggaa 3ffaa kan ta’e Bilisummaa Gonfaa Birraatuu ganama har’aa humna tikaa mootummaa wayyaaneetiin ukkaamfame. Bilisummaa Gonfaa kanaan dura bara 2014 mormii dhimma ‘master plan’ Finfinneetiin walqabatee ka’erratti humna tikaan qabamee mana hidhaa ‘Maa’ikalaawwii’tti dararamaa ture. Barataan kuni dararama hamaa yeroo sana mana hidhaatti irra gaheen miidhaawwan fayyaa hedduuf saaxilamee ture. Yeroo dheeraaf achi keessatti dhukkubsachaa waan tureef dhumarratti miidhaan irra gahe lubbuuf sodaachisnaan gadi lakkisan. Barataan kuni ammas akkuma duraanii adamfamee humna tikaan ukkaamfameera.

SBO Caamsaa 08,2016. Oduu, Ibsa Ejjennoo Dhaabota Oromoo Walta’anii, Ibsa Qeerroo Waliigaltee Dhaabota Oromoo irratti, Gaaffii fi Deebii Art.Naasifaay Addunyaa Kutaa Xumuraa fi Qophii Biroo

Aside