Caamsaa 1,2016 Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa Barataa Abdiisaa Guutamaa Waggaa Tokkoof Barnoota Irraa Dhorke.

Aside

Caamsaa 1/2016 Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa Barataa Abdiisaa Guutamaa waggaa tokkoof barnoota irraa dhorke.Mooraan Yuunibarsiitii
Jimmaas Caalmaatti Eeggichaa Waraana agaazii jala galte.
Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa bara baraan harka mirgaa mootummaa Wayyaanee tahuun kan tajaajilaa jiru, Barataa Oromoo Abdiisaa Guutamaa barataa ‘Nursing’ waggaa 2ffaa mormii gaaffii abbaa biyyummaa keessatti hirmaattetta jechuun waggaa tokkoof barnoota irraa adabeera.
Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa gochaa hammeenyaa fi gara jabeenyaa barattoota Oromoo irratti yeroo hunda kan bahu, Barattoota humnaa tikaatti dabarsee dararsiisuu fi barnoota irraa ari’uun tahuu eenyumtuu hin haalu.Yaa ta’u malee, mootummaa Wayyaanee kufaatii irraa
oolchuu kan hin dandeenye tahuu baree bulchiinsi yuunibarsiitichaa gochaa kanarraa of qusachuu qaba.
Nutis qeerroon barattootni Oromoo gama keenyaan ajjeechaa, hidhaa fi dararri, barnoota irraa ari’amuu qabsoo Oromoo duubatti kan hin deebisne tahuu ni hubachiisuun Warraaqsii FXG marsaa 5ffaan bakka hundatti jabaatee akka itti fufu dhaammanne!!

Oromo TV: Ibsa Ejjannoo Jaarmayoota Oromoo ( 05-01-2016 – USA)

Aside

https://youtu.be/aJINwxahJ3M

Godina Iluu Abbaa Booraa Laga Dhedheessaa Irratti Namni Yitibaarak Alamuu Jedhamu Osoo Albuuda Warqee Baasuuf Jedhuu Gaarri Fottoqee Itti Jiguu Gabaafame.

Aside

Caamsaa 1,2016
Dhalootaan nama Baddellee kan ta’e fi abbaa waarshaa daakuu Furnnoof kalameellaa kan ta’e akkasuma lafa hedduu mootummaan walii galuudhaan laga dhedheessarraa kan qotataa ture Yitibaarak guyyoota muraasa darban keessa Naanno laga Dheedheessarraa warqii lafa keessa argatee bafachuuf Mootummaan walii galee osoo soquu Biyyoon irra galagaltee lubbusaa baaste

Baha Wallaggaa Luugoon Waamaa Kan Aanaalee Sadii Keessatti Argamu Madallurraa Qabee Hanga Warshaa Sukkaaraa Waamaatti Diinaan Koloneeffatamus Uummati Tokkummaadhaa Deebifachaa Jira

Aside

Caamsaa 1,2016
Mootummaan gabroonfattuu Waayyaanee saamicha lafaa yeroo gara yerootti gaggeessaa jirtuun kan milkoofte itti fakkaatullee warraqsaa
dachaan fardiseesee jira.Laga waamarraa biyyoo gabbataaf bineensota hedduu kan qabdu ta’ullee saamicha waayyaaneerraan kan ka’e bosonni
ciramee gara Investment yaada jedhuun bineensota hedduu goodaansaaf saaxilee jira.

Qabeenya bineensaa waamaa dhiyootti dhabde keessaa,Leenca,Gafarsa,Warrabboo yoo ta’an har’allee dawwoo taatee kan hafuuf jettu laga waamaa karaa Nooraa Bonayyaa Facaaseef Qassoo wal qunnamsiisu kan Bonayyaa keessatti argamu Ciramee barbadeeffamaa jira. Bosonni waamaa ciramus gaaffiif quuqqaan badii Waayyaanee kun Uummata Teesisaa Kan hin jirre yoo ta’u.Waamaa karaa Oliitiin lafa Waayyaaneen gurguratte deebifachuu Namoonni Bakka Galatee jedhamtu keessa jiraatan gamtaadhaan itti duuluun namni kudha saddeet dheedicha looniii gurguramte deebifachuu Waarraqsa jabaa taasisaa jiru.Kanumaan wal qabatee bulchitoonni aanaa namoota18n kanatti himata itti banuun erga mana murtii godinaatti dabarsanii booda Manni Murtii Godina Wallagga Bahaa Hidhaa Waggaa Lama Lamaa fii Qarshii Kuma Lama Lama akka adabaman Namoota kudha sadeetitti murteesse.Himata kana Ol iyyata fudhachuun lafichi dheedicha loonii akkasuma bosona guddaa ta’uusaa n
Ol iyyataan mutii dinni itti murteesse Fashala’ee jira.
Achuma Luugoo waamaa naannoo Baanqootii Qabiyyee Firrisaa Waakkennee itti dabaluun humni gabroonfataa humnaan erga Luugoon walitti qabee gurguree Waggota lamaa ol lakkoofsisee jira.Uummannis jechuun Namoonni laftisaanii irraa fuudhame hortee Firrisaa Waakkeenneef ollaan isaanii wal gargaaruu nama Oyruu saamee dhuunfachuuf dhufe ofirraa gaggeessanii laficha deebifatanii jiru.
Bosonni Waamaa Gurguramuuf erga karoorfamtee kaatee gurgurtaanshee hanga har’atti kan jiru ta’ullee uummati daran mootummaa Hattuu of
irraa gaggeessuuf hunduu walii galanii jiru.Yeroo dhiyootti warra Karaa Nooraa ciranii barbadeessaa jiran akka qolatanii gaggeessan
Abdii guddoon jira

 

Hanqinni Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Rakkisaa Jira

Aside

IMG_20160428_153133 IMG_20160428_153134

Uummanni Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Bulchiinsa Mootummaa Wayyaanee Lagachuun ofiin Heera Maanguddo Oromoon Walbulchuuf Murtii Fudhatan

Aside

Caamsaa 1,2016

QerroooMurni gita bittuu TPLF fi OPDOn uummati nu waliin hiriiree jira jechuun sodaaf naasuu isaanii of suphuuf malee Waan jiru wal’anii miti.Keessattu akka Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassootti Walgahii Waayyaaneen waamtu uummanni lagatee ka jiru yoo ta’u ittu ,Torbee darbe kana keessa Uummata Walitti bobbaasanii gaaffiwwan jajjaboo uummati gaafatu deebisuu dadhabuurraa kan ka’e yeroo hedduu fashala’eera.Gaaffiiwwaan hawwaasi Qote bulaa akka lammii hubate tokkootti kaase keessa,Isin warra nama saamuuf warra nama nyaatu taatanii hanna harka lafa jalaatiin kashalabboota biyyaa keessaatti hidhachuun nu saamsisaa jirtu.Osoo qaama mootummaa, Keessaayyuu hoggansarra nama jiru taatanii jirtani.Unu haawwasa dafqa illee lamaan baasee Sanga Bitatu hachisiisaa jirtu.Kanaaf mootummaa hattuu waliin
yeroon jiraannu waan hin jirreef isini hin feenu jechuun ija jabinaan gamtaan ka’anii gaafatanii jiran.Deebii jalee fi lukkeen Diinaa OPDOn keeniteefis erga nu waliin hin hiriirtan ta’ee Xaa’oo isiniif raabsuu dhiisna jechuun sodaachisuuf yaaltullee,Haawwaasi murtoo jabaa kafaadha nuti Xaa’oon silaa, qonnee haramnee isiniif daldalaa turre kanaaf yoo nu dhowwatanis ba’aa keessan of irraa lafa ka’uu waliin wal hin caalu jechuun erga Qaama Mootummaatiif Uummata gidduutti jeequmsi ta’ee Walgahiin diinaa fashala’e. Haawwasnis Sirna Gadaa duriitiin Wal hogganuuf Waamicha waliif taasisaa jira.